Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Kirkira lafaa baay'ee gadaanaa ta'een uummanni buqqa'uun dogoggora'
Kirkira lafaa baayyee gadaanaa ta'een uummanni qe'eerraa buqqa'uun dogoggora jedhan ogeessi Yunivarsiitii Finfinnee.
Godina Arsii aanaa Zuwaay Dugdaa Ganda Biitee jedhamutti torbee darbe kana sababa mallattoon kirkira lafaa mul'ate jedhuun abbootiin warraa 265 maatii 2,000 caalu tahan qe'ee isaanii dhiisanii godaanan.
Bulchaan aanichaa Obbo Jamaal Abbaas BBC'tti akka himanitti ganda kanatti sababa mallattoon kirkira lafaa mul'ateef sodaadhaan maatiin kuni gara biraatti akka godaanan ta'eera jedhan.
Mallattoon kirkira lafaa kuni gandichatti galgala galgala mul'achaa akka turee fi namoonni kunneen yeroo ammaa manneen barnootaa keessa qubatanii jiraachuu eeran.
Namoonni kunneen erga mana isaanii gadhiisanii bahanii torbee tokko guuteera.
Dhimma kanarratti kan dubbisne Yunivarsiitii Finfinneetti Daayireektarri Ji'oologii, Astiroonoomii fi qorannoo Hawaa akkasumas qorataan kirkira Lafaa Piroofeesar Attaalaay Ayyala, odeefannoo kana naannicharraa dhagahuu himan.
Ta'us kirkirri lafaa jedhame kuni meeshaa kirkira lafaa biyyattii keessatti uumame galmeessuu bira kan hin geenyee fi akka hin galmoofne ibsan.
"Kirkirri lafaa jedhamu kuni meeshaa kirkira lafaa galmeessurratti hin mul'anne. Kana jechuun kirkirri lafaa bakkichatti hin uumamne jechuu miti. Kan uumame kuni reektar iskeelii sadii gadii fi baayyee gadi aanaadha jechuudha," jedhan.
Maashinni kirkira lafaa galmeessuuf dhaabbatee jiru kirkira lafaa kutaa Itoophiyaa kamuu keessatti uumame kan galmeessuu danda'u akka ta'es eeran.
Sodaa kirkira lafaatiin aanaa Zuwaay Dugdaatti uummanni qe'eerraa buqqa'uu dhagaheera kan jedhan Piroofeesar Attaalaay, murtee dogoggoraati jedhan.
"Yeroo wanti akkanaa uumamu odeeffannoon nubiraa gaafatamuu qaba. Sadarkaan isaa hammami kan jedhu. Malee waanuma kirkirri lafaa uumameef namni buqqa'uu hin qabu. Kan bakka kanatti uumames tasuma waan buqqaatiif geessisu hin turre," jedhan.
Kirkirri lafaa jedhame kuni baayyee gadaanaa fi yaaddessaa waan hin taaneefis uummanni buqqa'ee sodaa malee qe'ee isaatti deebi'uu akka danda'us himaniiru.
Iddoowwan qarqara Sulula Qiinxamaa keessatti argamanitti kirkirri lafaa akkanaa uumamuun waan baratamaa akka ta'ee fi fuuladuraafis tarkaanfiidhaan dura odeeffannoo gahaa argachuun murteessaa akka ta'e akeekan.