Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Konkolaataan qilleensarra balali'u shaakallii xumuruun tajaajilaaf qophaa'e
Konkolaataan qilleensa keessa akka balali'uu danda'utti oomishame kun buufataalee xiyyaaraa idiladdunyaa Nitra fi Bratislava keessa jiran gidduu daqiiqaa 35'f shaakala imalaa taasisaa ture xumureera.
Konkolaataan balali'u kun mootora BMW kan qabu yoo ta'u boba'aa ammoo kanuma konkolaattota kaanii fayyadama.
Konkolaataa balali'u kana kan hojjete Pirofeesar stefan Klein, konkolaatichi olka'iinsa meetira 2,5000 irratti fageenya kiilomeetira 1,000 qilleensarra balali'uu danda'a, akkasumas hanga ammaatti sa'atii 40 qilleensa keessa imaleera jedhan.
Konkolaataan kun gara xiyyaaraatti jijjiiramee imala qilleensarraa eegaluuf daqiiqaa lamaa fi sekondii 15 itti fudhata.
Konkolaataan kun wayita deebi'ee lafarra qubatu koochoowwan isaa qaqalloo ta'an cinaa isaatti dacha'uun maxxanfamu.
Pirofeesar Klein bakka rippoortaroonni argamanitti konkolaataa kana ofiisaatii magaalaarra oofuun agarsiiseera.
Konkolaataan kun qilleensa keessatti sa'atiitti hanga kiilomeetira 170 imaluus himeera.
Kan inni baachuu danda'us altokkotti namoota lama yoo ta'u ulfaatinni isaanii lamaanuu kiilogiraama 200 darbuu hin qabu.
Konkolaataan qilleensarra balali'u kun akkaan eegamaa kan turee fi namootni hedduun bitachuuf fedhii akka agarsiisan dubbata Pirofeesar Klein.
Konkolaataa balali'u kana oomishanii milkeessuuf waggaa lama akka fudhatee fi yuuroo miiliyoona 2 akka fixe kubbaaniyyaan konkolaataa kana hojjete, Klein Vision, jedhamu ibseera.
Konkolaataan balal'u kun akka addunyaatti fudhatama argatee xiyyaaraan qixa tajaajila kennuu eegallaan milkaa'ina guddaadha jedha gorsaa olaanaan Klein Vision Anton Rajac.
"Hanga ammaatti US qofa keessatti konkolaataan balali'u kun 40,000 kan ta'u ajajameera,'' jedhe.