Dureen Mirga Namoomaa UN jibba sanyiitiif beenyaan kanfalamu qaba jette

Miishel Baachileet

Madda suuraa, Getty Images

Motummoota Gamtoomaniitti Manni Maree Mirgoota Namoomaa jibba sanyii lammiilee Afriikaa fi kanneen Afriikaa irraa ta'an irratti raawwatamuuf tarkaanfiin idil-addunyaa akka fudhatamuuf gaafate.

Dhaabbatichi gabaasa isaa dhiheenya kana baaseen, jibba sanyii fi loogii ittisuuf biyyoonni addunyaa guutuu akka 'jijjirama' barnootaafi dhiifamni taasifamu akka qabaatu gaafateera.

Argannoon qorannichaa UK, Beeljiyeem, Faransaay, Kaanaadaa, Biraazil fi Kolombiyaa dabalatee yaaddoowwan biyyoota gara 60 ta'an keessaa kaaseera.

Qorannoon kun erga Joorji Filooyid, namni hidhannoo homaa hin qabne poolisii USn to'atameen booda bara 2020tti kan eegalamedha.

Argannoon qorannichaas, mormiin ajjeechaa nama Miniyaappolisii irratti gaggeeffameefi murteen miseensa poolisiin adii sun 'jibba sanyii irratti qabsaa'uuf qabxii murteessoo tahanidha'' jedha.

Gabaasni UN kunis mariiwwan ogeessotaaa fi namoota maddisaanii Afriikaa irraa ta'an 300 kanneen jibbi sanyii akka dhaabbatuu fI biyyoonni tarkaanfii akka fudhataniif gaafataa jiran waliin gaggeeffame.

Biyyoota Kaaba Ameerikaa, Awurooppaa fi Laatiin Ameerikaa baayyee keessatti polisoonni ilaalcha sanyii fi mala humna hin barbaadamneen ol fayyadamu.

Gabaasichi akka jedheetti biyyoota daldalli garba Afriikaanootaa miliyoona baayyee keessatti duri gaggeefame keessatti rakkoo guddaatu jira.

Erga ragaalee Kanneen xinxaleen booda biyyoota kanneen keessatti haqa sanyii akka jiraatu gochuuf, ''loogiifi gara jabummaa waggoota hedduuf raawwataniif sirreeffama ifa ta'e gochuun beekkamtiif dhiifama gaafachu qabaatu. Biyyoonni kunneenis dhugaa dubbachuun alattis beenyaas kanfalu qabaatu,'' jedhan gabaasichi.

Mirga warra gorraachaaf kan qabsaa'u sochii '' Black LiveS Matter'' kan dinqisiifate gabaasichi, deeggarsa maallaqaa dabalatee beekkamtiin keennamuuf akka qabaatu kaaseera.

Ittigaafatamtuun Komishinii Mirgoota Namoomaa Motummoota Gamtomanii, Miishel Baachileet ''biyyoonni hunduu jibba sanyii biyyasaanii keessatti raawwatamu haaluu dhaabuun dhimmicha ittisuudhaaf hojjachuu qabu,'' jedhaniiru.

Ittigaafatamtuun Kun dabaluunis, uummattoota dhiiga Afriikaa qabaN dhagahuun barbaachisaa ta'u akeekkachiisaniiru.

Miisheel Baachileet akka jedhaniitti beenyaan maallaqa qofaas osoo hin taane, biyyoonni haqa dhabummaan gara fuula duraatti akka hin raawwatamneef mirkanneessuu akka qabanis gorsaniiru.