Haacaaluu Hundeessaa: Sirna eebba albamii irratti maatiin Haacaaluu 'haqa gaafatan'

Albamni Artist Hacaaluu Hundeessaa sadaffaa guyyaa kaleessaa, Wiixata bakka maatii, jaallattoonnii isaa fi keessummoonni argamanitti magaalaa Finfinneetti eebbifameera.

Walleewwan Haacaaluun yeroo lubbuun jiru dalage maatii fi hiriyyoonni isaa walitti qabanii akka ummataaf gahan Kibxata, eegale CD'dhaan biyya keessatti gabaaf dhihaatu jedhameera.

Sagantaa hoteela SkyLight keessatti qophaa'e irratti maatiin isaa haqni Hacaaluu akka barbaadamuuf dhaamaniiru, kanneen maqaa isaan daldalan jedhanis akka dhaaban gaafatan.

Hacaaluun waggaa dura A.L.I Waxabajjii 22, 2012 yookiin A.L.A Waxabajjii 29, 2020 magaalaa Finfinnee bakka Kondominiyeemii Galaan jedhamutti rasaasaan ajjeefamee argamuu poolisiin ibseera.

Ajjeechaa isaatiin namoonni afur shakkamuun to'atamanii dhimma isaanii mana murtiitti hordofaa jiru. Hanga yoonaa sababni ajjeechaan irratti raawwate hin beekamu.

'Siis dhabeen dhugaa kees dhabe'

Guyyaa kaleessaa Haati Warraa Hacaaluu, Aadde Faantu Damissoo, waltajjii irraa ergaa ummataaf dabarsiteen 'waan laman dhabe,'' jette.

''Waa lama dhabduun ta'e, siis dhabeen dhugaa kees dhabe,'' jechuun ergaa ishee bifa walaloon dabarsite.

Abbaan Haacaaluu Obbo Hundeessaa Boonsaas haasawa godhaniin 'dhiigni mucaa kootii dhangala'ee akka hin hafne Waaqa naaf kadhadhaa' jechuun hirmaattota sagantichaa gaafatan.

Kana dura Obboleessi quxisuu Hacaaluu, Sisaay Hundeessaa turtii BBC waliin taasiseen 'adeemsa amma jiruun haqni Hacaaluu ni argama jennee hin yaadnu' jechuun dubbatee ture.

Adeemsi haqa kennuu mana murtii xumura argatuu dhabuus maatiin ajjeechaa isaaf himatamtuu afraffaa, Laamrot Kamaal, akka shakku hima.

Isheen garuu dhaddacha gubbaa harka keessaa akka hin qabne himte.

Shakkamtoota afur keessaa sadii yeroo poolisiin to'atamanitti ajjeechaa amananii boodarra himannaan banamee adeemsi mana murtii yoo eegalu harka keessaa akka hin qabne ibsanii turan.

''Ati anaaf ijoollummaakoo, mana barumsaakoo, beekaakoo, jiruukoodha. Waan hunda kooti. Namni kana dhabe akkamiin jiraachuu danda'aree?'' jechuun haati ijoollee isaa sadii, Faantuun gadda keessa jiru himte.

''Dhugaa fi dhiigakee rabbi haa baasu. Warra si waliin wareegamanis boolla isaanii daadhiin haa guutu,'' jechuun Faantuun dubbatte.

Sagantaa namoonni uffata hawwataa uffatanii argaman irratti maatiin isaa garuu uffata gurraachaa [uffata gaddaa] uffatanii mul'atani.

''Akka imaanaatti'' kan ummataaf dabarsu jechuunis:

''Namoonni biyya keessaafi alaa maqaa isaatiin daldaltan, gara barbaaddanitti ooftan dhaabaa. Warri inni yeroo lubbuun jiru diina isaa taatanii ammammoo fira isaa fakkaattan of duuba deebi'aa,'' jechuun dhaamte.

Hacaaluun ajjeefamuun dura 'qabsoo dhiisee, mootummaatti maxxane' himannaa jedhu irratti kaasanii kanneen ibsaa turan turani. Garuu, yeroos inni miidiyaatti bahuun komii kana balaaleeffateera.

Hiriyyaan dhihoo Hacaaluu, Ingiduu Cimsaa gama isaatiin, weellistoonni Oromoo hiriyyoota Hacaaluu ta'an dhimma isaa mana murtiitti dhihaatanii hordofuu dhabu isaanii eeruun komateera.

Weellsitoonni maal jedhu?

Artist Taaddalaa Gammachuu, Hacaaluun umrii isaa xiqqaatti wanta guddaa nama hojjete jechuun isa ibsa.

''Hacaaluu dhaloota itti aanu sadii afuritti seenaan isaa akka darbuu danda'autti hojjetee darbe,'' jechuun ''Hacaaluu akka qabsaa'aa tokkotti seenaan isa yaadata'' jedha.

Albama guutuu walleewwan Afaan Oromoo qabu qopheessaa kan jirtu Artist Hamalmaal Abaata ''Jaalattoota isaaf kuni [albama xumuraa] jiraachuun waan guddaadha jedheen amana'' jechuun BBC'tti himte.

Artistoota dargaggoo kana dura Hacaaluu waliin dalagan keessaa tokko kan ta'eefi keessumaa wallee isaa ''maastar pilaanii'' jedhuun kan beekamu Caalaa Bultumeedha.

Albama Hacaaluu tokkoffaa guutuu isaa akkasumas albama lammataa irratti sagalee kan jalaa qabe isa ta'u kan hime Caalaan 'Hacaaluun hin duune' jedha.

''Ilmi namaa du'e kan jedhamu yoo waan gaarii tokko saba tokkoof hin hojjennedha. Hacaaluun immoo waan gaarii, siidaa gaarii ummata Oromoof hojjetee darbe''

''Wareegame waan ta'ef miti kan maqaa isaa ol kaafne haasofnuuf. Hojiima inni hojjete irraati,'' jechuun dubbate.

Weellistoota invastimantii irratti bobba'aan keessaa tokko Qamar Yuusuuf gama isaatiin ''Hacaaluu du'u har'an of amansiisaa jira. Hojiin Hacaaluu Hacaaluma fakkaata,'' jechuun ibsa.

''Sagaleen isaa kan maayyii kunimmoo nubiratti bakka guddaa qaba,'' jechuun BBC'f hime.

Waggaa darbe ajjeechaan Haacaaluu erga dhagahamee bakkeewwan Oromiyaafi Finfinnee garaa garaatti hookkarri kan uumame yoo ta'u, lammiileen 170 ol lubbuu dhabuu poolisiin ibseera.

Lammiilee lubbuu dhaban alatti qabeenyi biiliyoonaan tilmaamamullee barbadaa'eera.

Ajjeechaa isaa booda hookkara uumamen walqabatee namoota siyaasaa dabalatee kumaataman kan lakkaa'aman hidhaa seenuun isaanii ni yaadatama.