Ajjeechaa Joorj Filooyid: Miseensi poolisii duraanii, Deeriik Chuuvin, hidhaan waggaa 22 olii itti murtaa'e

Madda suuraa, Reuters
Qondaalli poolistii duraanii US ofiin adii ta'e lammii Ameerikaa gurraacha Joorj Filooyidiin Miniyaapoolis keessatti Caamsaa 2020 ajjeesse hidhaa waggaa 22 fi baatii jahaa itti murtaa'e.
Abbaan seeraa murteen hidhaan Deeriik Chuuvin kun, ''kan amnataafi aangoo kee haala maleetti fayyadamuufi gara jabummaa addaa ati Mr Flooyid irratti agarsiifte irratti kan bu'ureeffateedha,'' jedheera.
Namni umuriin isaa waggaa 48 ture Joorj Filooyid, erga Deeriik Chuuvin mormasaarra lafarra isa ciibsee daqiiqaawwan sagaliif jirbeeffateen booda du'e.
Ajjeechaan isaas mormii farra jibba sanyiifi gara jabummaa poolisii addunyaa guutuutti kaasee ture.
Miseensi poolisii duraanii umuriin isaa waggaa 45 ta'e Deeriik , yakka ajjeechaa sadarkaa lamaafi himannaawwan biraatiin baatii darbe balleessaa ta'uun isaa mirkanaa'era.
Deeriik Chuuvin fi qondaaltoonni poolisii duraa sadii mirga sivilii Joorj Filooyid sarbuun himataman.
Murte kanas maatiin Filooyidiifi deeggartoonni isaa itti gammadaniiru.
''Murteen seena qabeessi kun itti-gaafatamunnaa mirkanneessuun, maatii Filooyidiifi biyya keenya tarkaanfii tokko gara fayyinaatti dhiyeesseera,'' jedhee abbookaatoo Been Kiruump tiwitaraan.
Obbooleettiin Filooyid Birjeet Filooyid murtichaan, ''gara jabummaan pooliisii dhummarratti xiyyeeffannaa ilaalamuu mul'iseera'' jechuun, garuu ''ammallee imala dheeraatu nu hafa' jechuun ibsite.
Pirezidaant Joo Baayidan gamasaanitiin, ''waan sirrii fakkaata'' jechuun dhimmicha gadi fageenyaan waan hundaa akka hin beekne hime.
Dhaddacharratti maaltu jedhamee ture?
Dhaddacha murteen irratti darberratti, obboleessi Filooyid Teereens Filooyid murtee addabbii isa dhumaa kan waggaa 40 gaafatee ture.
''Maaliif? Maal yaadaa turte? Wayita jilbaan morma obbooleessa kiyyarra dhaabbatteetti sammuu kee keessa maaltu deemaa ture?'' jechuun poolisii duraanii kana gaafate.
Intalli Filooyid Gi'inaa kan umuriin ishee waggaa 7 taate ammoo waraabbii suursagaleetiin dhiyaachuun, abbaa jaallattu dhabuu dubbatte.
''Yeroo hundan waa'ee isaa gaafadha,'' jette. ''Abbaan kiyya yeroo hunda ilkaan qulleefachuun na gargaara ture.''
Abbaan seeraas dhimmichi hawaasaafi biyyaafuu waan cimaa ture, garuu hunda caalaa maatii Filooyiditti caalaa cimaadha jedhee ture.
''Dhimmi murteen irratti hin bu'uureeffannee miira ykn gaddadha. Garuu haaluma walfakkaatuun, gadda cimaafi miidhaa maatiitti dhagahamaa jiru, keessattuu maatii kan Filooyidiif beekamtii kennuun barbaada,'' jedhee abbaan seeraa Piitar Kaahiil.

Madda suuraa, Reuters
Chuuvin mana murtii akka maatii Filooyidiif gadda isaa ibsatuuf kenameerratti, ''gara fuula duraatti odeeffannoon biraa ni jiraata, dhimmoonnis nagaa sammu akka siniif kennaniin abdadha'' jedhe. Haata'u malee, dhiifama hin gaafane.
Haatii Chuuvina ammoo ''nama gaarii'' ture jette.
Joorji Filooyid maaltu mudate ture?
Innis Caamsaa 2020 keessaa suuqii tokko sijaaraa bitate. Gargaaraan suuqichaas maallaqa sobaa fayyadame jechuun erga Filooyid sijaaricha deebiisee kennuuf dideen booda poolisitti bilbilee waame.
Qondaaltoonni poolisii wayita dhaqaniittis Filooyid konkolaataasaa dhaabbatee ture keessaa akka bahuuf ajajuun harkaasaa hidhan. Wayita poolisoonni konkolaataa isaanii keessa galchuuf jedhanitti Filooyid iyyuun wixirfachuu eegale.
Achiin lafarra ciibsuun gadi ukaamsanii qaban. Chuuvin ammoo jilbaan morma Filooyid irra daqiiqaa sagalii oliif dhaabbachuun ukkaamsee qabe.
Wayita ukkamameetti Filooyid yeroo 20 oliif afuura baafachuu hin dandeenyee jechaan, ''maaloo, maaloo, maaloo'' jedhee maqaa haadhasaatiin kadhatee ture.
Ambulaansiin wayita qaqabuuttis Filooyiid hin socho'u ture. Sa'aatii tokkoon boodas du'uunsaa himame.
Ajeechaan isaas shamarree waggaa 18 kan taatee Daarneelaa Fireezar kan karaa sana fira waliin darbaa turteen waraabame.
Isheenis sababii, ''nama baayyee sodaatee lubbuusaaf kadhataa jiru'' argeen mobaayilii kiyyaan waraabuu eegale jette.
Jalqaba baatii kanaattis, durbee Fireezar badhaasa addaa gaazexessummaa 'Pulitzer Prize' kan Ameerikaa keessatti gabaayyee beekamu badhaafamtee jirti.













