Hidha Laga Abbayyaa: Michoota Masrii haaraa Afrikaarraa

Madda suuraa, Getty Images
Masriin waldhabdee Hidha guddicha Itoophiyaan laga Abbayyaarra ijaaraa jirtuun walqabatee uumameen kan ka'e olaantummaa dippilomaasiifi waraanaa Afriikaa keessatti cimsachuuf yaalaa jirti jechuun xiinxalaan Masrii Maagdi Abdelhaadii barreesseera.
Waldaan 'Egyptian Geographic Society' kan bara 1875 hundeeffame barreeffamoota hin maxxanfamin kan fedhii bara dheeraaf Masriin biyyoota Afriikaa Sahaaraan gadii keessatti qabdu calaqqisiisan muraasa qaba.
Isaan keessaa tokko maappii seenaa qabeessa daangaan Masrii gama kibbaatiin baha Afriikaa keessatti Haroo Viktoriyaa akka ta'e agarsiisudha.
Waldichis kan hundeeffame bara fedhiin olaantummaa Masrii yeroo muraasa qofaa ture sadarkaa olaanaarra itti gahee ture. Tibba sanattis Sudaan to'annoo Masrii jalatti kuftee kan turte yoo ta'u, baroota 1874- 1876 keessa waraanashee babal'isuun Itoophiyaas qabachuuf yaalii taasiftulleen haala qaaneessaa ta'een mo'atamte.
Waggoota 70n booda, Masriin warraaqsa diddaa kolonii Afrikaafi biyyoota biraatti taasifamaa tureef akka fakkeenyaatti ilaalamuun, dogoggora olaantummaa goonfachuuf barootaan dura goote maqaa haaraan bakka buufte.
Boodas waraana Arabaa- Israa'eel jidduutti waan qabamteef hirmaannaan isheen biyyoota Afriikaa Saahaaraan gadii waliin qabdu xiqqaachaa adeeme.
Haata'u malee waggoota muraasa darban keessa ammoo walitti dhufeenyi isheen keessattuu biyyoota yaa'a laga Abbayyaa waliin taasiiftu haalaan dabalaa dhufe.
Masriin baatiiwwan dhiyeenya keessa biyyoota akka Yugaandaa, Keeniyaa, Buruundii, Ruwaandaa fi Jabuutii waliin hidhata loltummaa fi waliigalteewwan diinagdee mallatteessite.
Kaayiroon Sudaan waliin waliigaltee walta'iinsa guddaa taasisuun, dhiheenya kana shaakala waraanaa kan xiyyaaroota waraanaa fi humnoota addaa hirmaachise waliin gaggeeffameera.

Madda suuraa, Getty Images
Masriin dhiyeessii ibsaashee Sudaan waliin kan walitti hiite yoo ta'u, neetiiworkiwwan baaburaas walitti hidhuuf karoorri baheera. Karoora kanaanis tajaajila baaburaa Magaalaa Aleeksaandariyaatii hanga Keep Taawoon kan Afriikaa Kibbaa ijaaruuf mul'anni jira.
Dhimmi jijjirama imaammata alaa Masrii kana duuba jiru guddaanis waldhabdee ijaarsa Hidha Guddicha Haaromsaa Itoophiyaa gaggeessaa jirtuun kan wal qabaatedha.
''Masriin garaagarummaa Itoophiyaa waliin hidha Guddicha irratti qabdu karaa dippilomaasiin furuuf amanti. Garuu ammoo adeemsii marichaa kan xumurame fakkaata,'' jedhan Naa'el Shaamaa eksipartiin Imaammata Alaa Masrii.
Yaaddoo gogiinsaa
Taanzaaniyaan biyya fakkeenya biraa kan Masriin hidha madda anniisaa Juuliyees Nyeereeree Laga Ruufiijii irratti ijaarameerratti invastimantii guddaa itti baafteedha. Kanaanis Kaayiroon akka fakkeenya fedhii deeggarsa misooma biyyoota yaa'aa Abbayyaaf qabduutti akka fudhatamuuf barbaaddi.
Biyyi Abbayyaan ala bishaan dhugaatii fi qonnaaf madda biraa hinqabne Masriin, ergaa ishee kana addunyaatti dabarfachuuf yaalaa jirti.

Madda suuraa, Getty Images
Masriin ijaarsa hidha guddichaa Itoophiyaa gaggeessaa jirtu kallattiin mormuu baattulleen hammantaa bishaanii na jalaa hir'isa jechuun yaaddoo ibsite. Kanaafis waliigalteen seeraa adeemsicha to'atu akka mallattaa'uuf gaafataa turte.
Masriin komiiwwan qonnaa kiyya na jalaa huba, gogiinsa cimaa qaqqabsiisuu fi hojii dhabdummaaf madda ta'uu mala kanneen jedhan kaafti.
Gama biraatiin ammoo Itoophiyaan hidhichi fedhiiwwan misoomaafi ummata isheef ibsaa dhiyeessuuf murteessaadha jetti.
Hidhata daldalaa malee irree loltummaa miti
Jijjiirama kallattiifi imaammata alaa biyyoota Afriikaa Sahaaraan gadii irratti xiyyeeffate kanaan lammiileen biyyatti muraasni kan barfatedha ittiin jedhu.
''Imaammatawwan hammayyaa'aa keessatti dhiibbaa taasisuun qawwee fi madfii qofaan miti'' jedhu yunivarsitii UK Weestiministariitti barsiisaa fi gorsaan diinagdee Waalaa Baakrii.
''Waliigalteen nageenyaa Masriin biyyoota Yaa'a Abbayyaa kan akka Buruundii, Ruwaandaa ykn Yugaandaa waliin taasifte waan gaariidha, garuu ammoo olaantummaa isheen barbaaddu hinargamsiisuuf,'' jechuun barreessan.
Maashaa loltummaa caalaa hidhatawwan daldalaa cimaatu kana argamsisuuf dandeessisa jedhu.
''Masriin waan hinbarbaadne kamuu biyyoota kanneen irraa haabittu kan jedhu hinjiraatu. Garuu ammoo fakkeenyaaf, biyyoonni yaa'aa Abbayyaa buna sadarkaansaa olaanaa ta'e oomishu. Masriin ammoo waggaan buna doolaara miliyoona 95.5 bitti. Isa keessaa %95 Afriikaan alaarraa galchiti.''

Madda suuraa, Getty Images
Haata'u malee gama Masriitti miirri dubbii barbaachaa dabalaa jira. Bulchiinsi Masrii pirezidaantii biyyattii dabalatee, gama Itoophiyaarraa yaada argachuuf dhiibbaa olaanaa jalatti argamu.
Deeggartoonni Abdal Fattaah mataansaanii gumgummii hinyaadamne dhageessisaa jiru. Mirga bishaan Masrii eegsiisuu dadhabe jechuun kanaan booda biyya hoogganuu hindanda'u jechuudha jedhu.
Masriin garuu yoo adeemsi Itoophiyaa waliinii kan hinmilkoofne ta'e, marsaa Itoophiyaatti michuu uummachuu karaa ta'een akka gargaaru abdatti.

Masriifi Sudaan waldhabdee hidhichaa kanas, nageenyaafi tasgabbii naannichaaf dhiibbaa qabaata jechuun, gara Mana Maree Nageenyaa UNtti geessanii turan.
Dhimmichi gara Mana Maree Nageenyaatti geeffamuun dura Gamtaa Afriikaatiin akka furamuuf egamuus furmaata malee hafe.
Sudaaniif Masriin lamaansaaniiyyu Itoophiyaa yoo himatan, Itoophiyaan gama isheetiin ammoo biyyoonni ollaa lamaan gahee bishaanii irra caalaa qabaachuuf yaalu jechuun komatti.

Shaakalli waraanaa dhiheenya kana Sudaaniitti gaggeeffamees ifatti Itoophiyaa qofaaf oso hintaanee addunyaadhuma hundaaf ergaa dabarsuuf kan kaayyeeffate fakkaata.
Innis yoo barbaachise biyyoonni lamaanuu dhimma murteessaa ta'e kan akka bishaanii irratti humna waraanaa isaanii fayyadamuu ni danda'u kan jedhudha.
Biyyoonni kunneen waraana kana keessatti hirmaaachuuf walii galu jedhanii yaaduun rakkisaa ta'ulleen, waliigalteen waraanaa Masriin Yugaandaa, Keeniyaafi Burundii waliin taasiftees ergaadhuma kana kan cimsudha.
Dippilomaasiiwwan hundi yoo hinmilkoofne, ummanni tarkaanfii waraanaa fudhachuu Masrii deeggaruusaarratti shakkiin xiqqoon jira.
Akkasumas Sudaan biyya Masrii caalaa hidha kanarraa gama ittisa lolaafi annisaa argachuun bu'aa argachuu dandeessu birattis akkasumas deeggarsi ummataa shakkisiisaadha.
Haata'u malee amantaa bal'aan kanneen dhimmicha hordofan bira jirus, Sudaaniifi Masriin fedhii siyaasaa fi dandeettii waraanaa kan qaban ta'eelleen, haleellaan ijaarsa hidha gaggeeffamaa jiru kanarratti aggaamamu kamuu waldhabdee ture hiikuurra kan waggoota muraasaaf booddeetti deebiisuudha kan jedhu.
Dhimmicha hiikurras caalaa wal amantaan akka dhabamu taasisuun, dubbii jibbaa, of tultummaa fi haaloo isa durii sana kan cimsu ta'a.















