Sudaan Manni Maree Nageenyaa UN dhimma Hidha Haaromsaarratti kora akka waamuuf gaafatte

Hidha Haaromsaa

Madda suuraa, OMN

Ministeerri Dhimma Alaa Sudaan Manni Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomanii (UNSC) waldhabdee dhimma Hidha Haaromsaa Laga Abbayyaarratti uumame keessa akka seenuuf gaafate.

Sudaan gaaffii barreeffamaan dhiyeessiterratti Manni Marichaa walitti qabamuun Hidhichi, "dhiibbaa inni nageenya namoota miliyoonaan lakkaa'amanirratti qabaaturratti" akka mariyatuuf gaafatteeti.

Xalayaa Ministira Dhimma Alaa Sudaan Maariyaam Al Mahaadiitiin Mana Maree Nageenyaa UNf barraa'e, Itoophiyaan ''qofaadhumashee" Hidhicha bishaan guutuurraa akka of qusattuuf akka dhaabsisan yaada dhiyeessan.

Mariin jaarsummaa Gamtaa Afrikaatiin gaggeeffamaa ture bu'aa barbaadame argamsiisuu waan hin dandeenyeef akkaataa bishaan guutamurratti biyyoota gidduutti atakaaroon akkuma itti fufetti jira.

Hidhaa guddaan Itoophiyaan Laga Abbayyaarratti ijaaraa jirtu kun ummata biyyattii miliyoona 60 ol ta'aniif humna ibsaa dhiyeessuufiin misooma waliigalaa biyyattiif barbaachisaa ta'uu ibsuun ijaarsa isaa itti fufteetti Itoophiyaan.

Sudaaniifi Masriiin ammoo haala bishaan itti guutamuufi hojiiwwan itti aanan irratti waliigaltee seera qabeessa ta'erra osoo hin ga'amiin bishaan Laga Abbayyarraa argamurratti dhiibbaa waan geessisuuf, Hidhichi ummata keenya rakkoof saaxila jechuun mormaa turaniiru.

Biyya ka'umsa Laga Abbayyaa kan taate Itoophiyaafi biyya dhuma Laga Abbayyaa kan taate Masirii gidduutti kan argamtu Sudaan, dhimmoonni furmaata barbaadan osoo fala hin argatiin Hidhicha bishaaniin guutuun nageenya biyyaalessaaf balaadha jechaa turteetti.

Qajeelfamoota caalaa Hidhichi hanga bishaan qabatuufi bishaaniin guutuudhaaf yeroo barbaachisu irratti Sudaan waliigaltee hojiirra ooluuf dirqamsiisu (binding) Itoophiyaan akka mallatteessitu barbaadi.

Gamtaan Afrikaafi Ameerikaan yeroo gara garaatti biyyoota sadan akka waliigalteerra gahaniif carraaqaa kan turan ta'ullee, marii ture kamirrattiyyu bu'aa waliigalchuu danda'amurra gahuun hin danda'amne.

Masiriifi Sudaan Hidhi Haaromsa Itoophiyaa hanga bishaan Laga abbayyaarraa argatan akka jalaa hir'atu taasisa jechuun mormii dhiyeessaa turanis, Itoophiyaan garuu bishaan kana humna ibsaa maddisiisuuf akka dhimma itti baatu ibsuun yaaddoon isaanii kun sirrii akka hin taane himaa turteetti.

Baasii dolaara biliyoona afurii oliin ijaarsi isaa kan gaggeeffamaa jiruufi ijaarsi isaa kun ammoo erga jalqabamee waggoota kudhan kan lakkoofsise Hidhaan Haaromsaa Itoophiyaa, gaafa xumurame Afrikaatti guddinaan tokkoffaa ta'a jedhamee eegama.

Hidhaan kun humna ibsaa 5,000MW ol maddisiisuu danda'a.

Hidhaa Haaromsaa bishaaniin guutuun marsaan jalqabaa Ganna darbe kan milkaa'e yommuu ta'u, marsaan lammeessoo ammoo Adoolessa dhufu kana keessa akka raawwatamu Itoophiyaan beeksifteetti. Pirojektiin kun bara dhuftu ammoo hanga tokko humna ibsaa maddisiisuu akka jalqabu eegama.

Dhimma loltoota Itoophiyaa nagaa eegsisuuf bobba'an...

Gama kaaniin Sudaan lafa rakkoo daangaa Sudaan Kibbaa waliin qabdu Abiyee jedhamutti raayyaa Itoophiyaa UN jalatti gara sanatti bobba'e akka ba'uuf irra deebiin gaafachuu ishee burqaan oduu biyyattii SUNAn gabaaseera.

Ministirri Dhimma Alaa Sudaan Maariyaam Al Mahaadiin loltoonni Itoophiyaa akka ba'aniif irra deebiin yaada kan dhiyeessaniif aanga'aa UN kan ta'an Girihaam Mitilaan waliin yeroo mariyatan akka ture ibsameera.

Ministirri Dhimma Alaa Sudaan kun gaaffii isaaniif sababiin dhiyeessan, "Yeroo ammaa haalli hariiroon Itoophiyaa waliin jiru jijjiiramuu isaatiifi ergama UNtiif barbaachisoo kan ta'an loltoonni kunneen walabaa ta'uun isaanii nama shakkisiisa.

Waldhabdee dhimma Hidha Haaromsaarratti jiruun alattis ji'a Onkoloolessaa darbe walitti bu'insa naannoo Tigiraay keessatti uumame hordofee loltoonni Sudaan lafa Itoophiyaatiin nu jalaa qabamee tureera jedhan qabachuun isaaniin biyyoota lamaan gidduutti atakaaroon dhalachuun isaa ni yaadatama.

Manni Maree Nageenyaa UN humna nagaa eegsisan kan gara Sudaanitti bobbaase waggoota kudhaniin dura yommuu ta'u, loltoonni Itoophiyaa ammoo miseensota garee garasitti bobba'ee kanaati.

Kutaan bulchiinsa Sudaaniifi Sudaan Kibbaa gidduutti argamtu Abiyeen, biyyoonni lameenuu naaf malti jechuun irratti waldhabaa turaniiru.

Gareen nagaa eegsisuuf UN garasitti bobbaases Abiyeen sochii loltoota irraa bilisa akka taatuuf ergamni kan kennameefidha.