Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Aartii Oromoo: 'Lubbuun isaa afuri naan jedhu'- Weellisaa Fayyisaa Furii
Sirboota qabiyyee garaagaraa kanneen akka jaalala, warraaqsa fi gorsaa of keessaa qaban, akkasumas ammoo sirboota aadaa sirbuun kan beekamu weellisaa Fayyisaa Furii, waggaa kurna tokkotti siquuf aartiirraa erga fagaatee turee booda tibbana sirba tokkoon as ba'eera.
Weellisaa Fayisaa Furii baqannaan biyya Masrii magaalaa Kaayiroo jiraachaa turee gara biyyatti erga deebi'ee booda, sirba mataa dureen isaa''Qondaalaa' jedhu baasee dinqisiifattoota hedduu horateera.
Ganna saddeettan darban abdii kutatee aartiirraa erga fagaate booda gara aartiitti deebi'uu dubbata.
Weellisaa Fayyisaa Furii seenaa jireenyasaa keessatti muuxannoo fi mudannoosaa nuuf qoodeera.
Sirboota isaa jalqabaa...
Fayisaan sirboota isaa yeroo jalqabaaf waggaa 13 durhojjeteen dinqisiifattoota hedduu horateera.
Kilippii sirboota kannee akka Beenu beenu, Lakkii dhiisi fira kiyya, Yaa intala Booranaa jedhan fa'aan hawaasa biraatti beekamtii argate.
''Muuziqaan sun hojjatamee namni maallaqa baase bita jedhee hin yaadne. Uummata biratti garuu fudhatama argate,''jedha.
Weellisaa Fayyisaa Furii albamii lammaffaafi sadaffaa hojjachuuf karoorfatus otoo hin milka'iin hafe.
Sana boodas hamilee dhabuun sirba hojjachuu akka addaan kute hima.
Akka weellisaa Fayisaa Furii jedhutti, albamni isaa jalqabaa hamma eegamee ol dhageettii guddaa argatullee maallaqi irraa argame garuu kan hamilee nama buusu ture.
Fayyisaan waggoota saddeet booda sirbatti deebi'uuf maaltu akka hamilee isaaf ta'e wayita dubbatu,''guddina afaaniifi aartii Oromoof gumaachuuf jechan itti deebi'e,'' jedhe.
''Tattaaffii Oromoon roorroo jalaa bahuuf godhu gargaaruufin itti deebi'e malee fayidaaf miti.''
Waggoota saddeetiif aartiirraa fagaachuutu akka gaabbe kan himu weellisaa Fayyisaa Furii, sirba qeenxee tibbana kilippiidhaan hojjete keessatti qondaala mata duree jedhu maaliif akka filatee fi maal ibsuuf akka itti fayyadame akkanaan ibsa.
''Qondaaala jechuun nama gootummaan diina ajjeesee roorroo biyyarraa cabsu,''jedha Fayisaa.
''Diinni ykn bineensi jajjabaan akka leenca fa'aa naannoo tokko wayita weeraru duulli waamama. Duulli sun Abbaa Duulaa qaba, qondaalli duula sana keessatti nama roorroo biyyarraa ittisuudha,'' jedha.
Sirba haaraa baase kana Qindeessaa Muuziqaa Abrahaam Kidaanetu qindeesseef, Vizhiin Intarteeyiment(Vision Entertainment)ammoo viidiyoosaa maallaqaan deeggaruun hojjateera.
Walaloo sirba qondaala jedhu kanaa ofumaa barreessuu kan himu Fayisaan, sirboota baasu hundumaa ofisaatiif walaloofi yeedaloo akka baafatu dubbateera.
Jiruu biyya Masrii
Kana dura hojiif biyyoota Arabaa kanneen akka Qaataar fi UAE deemee akka beeku kan dubbatu Fayisaan, Magaalaa guddoo Masrii Kaayiroo keessammoo baqatummaan jiraateera.
Wayita Kaayiroo turetti jiruu hammaattuu dabarse irraa ka'uun walaloo kanaa fi kanneen kana fafakkaatan barreessaa akka ture hima.
''Jiruu biyya namaa, cufa hin gammadanii
Dirratti uffatanii, keessatti daaranii,''jedhee ibse Fayyisaan.
Keessattuu lammilee Itoophiyaa ta'anii Kaayiroo keessa jiraachuun rakkoo akka ture waan keessa jiratee argerraa waan muraasa nutti himeera Fayyisaan.
''Kaariyoo mandara durii 'Old city' daandiiwwan dhidhiphoo qaban keessan jiraadhe. Karaa dhiphaa sana keessa wayita deeman namoonni killee mataarratti irra deddeebiin caccabsaa turan,'' jechuun aan isas mudate hima.
''Nama biyya biraa waan taaneef qofa gaaf tokko hanqaaquu shan mataarratti nu cabsan.''
Hiriyaasaafi namoota inni beeku biroorratti killeen cabuu dubbata Fayyisaan.
Sababii kanaaf manaa bahuun rakkoo akka ture kaase.
Lammileen biyyatti muraasni ''Isin warra abbaa Naayil jettanii of waamtan sanii?''jedhanii Afaan Arabaan itti qoosaa gaafataaniillee akka turan kaase.
Magaalicha keessa garuu dhalattoonni Itoophiyaa kumatamatti lakka'aman akka jiraatan dubbata.
Bara 2013 roorroon gama hedduu itti hammaatee akka biyyaa ba'e kan dubbatu Fayyisaan, ammaan booda garuu erga gara aartiitti deebi'ee hojii hedduu karoorfatee akka jiru hima.
Fuulduratti Keeniyaa Taanaa Rivaar dhaqee waa'ee gosa Oromoo Ormaa irratti wallee hojjachuuf karoora akka qabu dubbate.
'Artistoonni Oromoo mana lama qabu'
Toora YouTube irratti sirboonni Afaan Oromoo ilaalamuufi namoonni sirboota Afaan Oromoo beeksisan jabaachaa jiraachuun jijjiramni gama guddina aartii Oromoon mul'achaa jiraachuu mul'isa jedhe Fayisaan.
Abbootiin qabeenyaa Oromoo aartii Oromoo deeggaruu akka qabanis dhaameera.
''Aartistoonni Oromoo mana lama qabuu. Tokko mana kiraati kaan mana hidhaati''kan jedhu Fayisaan akka aartiin hin kufne dureeyyiin maallaqaan deeggaruu qabu jedhe.
'Fayisaa Furii lubbuun isaa afurii'
Fayisaan jireenya isaa keessatti mudannoowwan lubbusaa baasu danda'an irraa jajjaboo tarreessuun ''rabbi na miliqse, na jaalata'' jedhe.
''Bu'aa bahiin keessa darbe, wantin jireenya koo keessatti arge cimina naaf ta'eera.''
Fayisaan mukarraa kufee miilli cabuu, bishaaniin nyaatamuu, dhukkubsatee sa'aatii 24 keessatti of baruufi balaa konkolaataa lubbuu namootaa galaafateerra hafuu fa'a ;akka mudannoo jajjabootti kaaseera.
Kanarraa ka'uun namoonni, ''Fayisaa Furii lubbuun isaa afurii,'' akka jedhaniin hime.
Guddinni Fayyisaa akkam ture?
Fayisaa Furii Godina Arsii Lixaa Negellee Arsiitti dhalatee guddate.
Barnoota sadarkaa 1ffaafi 2ffaa achumatti barate.
Kutaa7 fi 8 mana barnotaa lafa dhaqaaf galli sa'aatii lamaa ol deemsisu miilaan marmaaree, roobafi aduu danda'ee, maatiisaa gargaaraa barachaa akka ture dubbata.
Fayisaan abbaan isaa ijoollummaan boqochuurraan kan ka'e haadhaafi obbolootaasaa afur gargaaraa barachaa ture.
Barnootaan sadarkaa kolleejjii erga qaqqabee booda barnootasaa addaan kute.