Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Awustiraaliyaatti weerarri hantuutaa hammaatee hidhamtoota mana hidhaatii buqqise
Awustiraaliyaa kutaa biyyaa Niiw Saawuz Weelsiitti weerarri hantuutaa hidhamtoonni kumaatamaan lakkaa’aman iddoo biraatti akka geeffaman dirqisiise.
Manni hidhaa kun qulqulleeffamee haaromfamutti jira. Hidhamtoonni 400 fi hojjattoonni mana amala sirreessaa Wiilingitanitti argamu torban lamaan dhufaniif iddoo biraatti dabarfaman.
Hantuutni shiboo fi bantii manaa hidhaa kanaa dabalatee bu’uuraalee misoomaa miidhuun mancaatii guddaa qaqqabsiifte. Niiw Saawuz Weelsi ganna kudhan keessatti weerara hantuutaa hamaatu rakkise.
Oomishni miidhaanii guddaan naannicha jiraachuun Kibba Baha Awustiraliyaa keessatti lakkoofsa hantuutaa akka guddatuuf ka’umsa ta’e. Hantuutni bakka kanatti keessattuu ooyiruu qonnaa caalatti miite.
Abbaan Taayitaa mana hidhaa biyyattii weerarri hantuutaa biraa akka hin jiraanne ittisuuf manichi akka qulqulleeffamu, suphamuufi eegamullee ibse.
Komishinarri mana tajaajila amala sirreessaa Niiw Saawuz Weelsi Piitar Seviriin, ‘’hantuutni giddugala kana weerartee mancaafte, miidhaan qaqqabe hangas guddaa waan ta’eef yeroof hidhamtoota baasuun barbaachise’’ jedhan.
Hojjattoonni wiirtuu kanaa harki caalaan isaanii mana hidhaa bulchiinsa Dhiha biyyattii keessatti argamutti ramadamuuf jiru. Hidhamtoonni garuu mana hidhaa Makkuharii jedhamu dabalatee iddoowwan gargaaraa birootti dabarfamu.
Aab Seviriin hojjatoonnifi hidhamtoonni akka rakkoo fayyaa kamiifuu saaxilaman hin feenu jedhan.
Hoomaan hantuutaa torban dhiyoo asitti sirumaayyuu kan durii caalaa kutaa bulchiinsa Awustiraaliyaa kanatti hammaate jedhan Aab Seviriin.
Weerarri hantuutaa maaliif hammaate?
Weerarri hantuutaa kun bara 2020 waqtii midhaan sassaabamutti jalqabuusaa miidiyaaleen biyyattii gabaasaniiru.
Weerarri kun haalli qilleensaa addatti hormaata hantuutaaf mijate jiraachuufi oomishni miidhaanii guddaan jiruun gubachuu miciree hordofee uumamuufi goginsi waggaa guutuuf turuun fa’aa akka ka’umsa weerara kanaaf ta’aniitti eeramu.
Midhaan gahaa hantuutni sorattu jiraachuufi bineensonni hantuuta adamsanii sooratan goginsa biyyattii keessatti hammaateen baayyinnisaanii xiqqaachuun weerarri hantuutaa akka ka’u taasise.
New South Wales keessatti weerarri hantuutaa kun hammaatullee, kutaaleen biyyattii kanneen akka Kuuwinslaand, Viktooriyaafi Saawuz Awustiraaliyaan weerara hantuutaan miidhamaniiru.
ABC News ogeeyyii dhimmichi ilaallatu wabeeffachuun akka gabaasetti, hantuutni miliyoonatti lakkaa’aman bulchiinsa biyyattii keessa haala to’annoof rakkisaa ta’een yaa’utti jiru jedhe.
New South Wales'tti hoomaan hantuutaa hammaachuurraa kan ka'e manneen barnootaa, hospitaalota, giddugala gabaafi manneen jireenyaa keessattillee galaa jiru.
Weerarri hantuutaa kun midhaan qonnaan bultootaa mancaasuun caalatti miidheera.