Hafteen lafee namaa gosti haaraan Israa'elitti argame

Madda suuraa, AVI LEVIN AND ILAN THEILER, SACKLER FACULTY OF MED
Qorattoonni biyya Israa'el haftee lafee namaa gosa haaraadha jedhame waggoota 100,000 dura jiraataa ture kanaan dura argamee hin beekne argatan.
Hafteen lafee dhiyeenya magaalaa Raamlaatti argame kun "garee namoota durii yeroo dhumaatiif jiraatan tokko" kan bakka bu'udha jechuun dubbatan qorattoonni kunneen.
Lafeen argame kun buqqee mataafi mangaagaa nama waggoota 140,000 hanga 120,000 dura jiraate gar-tokkeen kan agarsiisudha. Argannoon qorannichaa bal'inaan barruu Saayinsiirratti maxxanfamee raabsameera.
Miseensi garee qorattootaa, namni lafeen isaa argame kun gosa namootaa ganamaa waggoota kuma dhibbaan lakkaa'aman durarraa kan argameefi naannicharraa ka'uun Niyaandertaalota Awurooppaa, akkasumas sanyii dhala namaa ganamaa isaan fakkaatan Eeshiyaatti argamaniif ka'umsa ta'uu warra danda'an keessaa akka ta'etti amanu.
Saayintistoonni qorannoo haaraa argatan kan, "Gosa Nesher Ramaalaa Hoomoo" jechuun moggaasaniiru. Yunvarsiitii Tel Aviv irraa kan ta'an Dr. Hilaa Meey argannoon kun seenaa jijjirama tirataa dhala namaa, keessumaa seenaa Niyaandertaal ni jijjiira jedhan.
Fakkaattiin jijjiiramni tirataa Niyaandertaal kanaan dura Awurooppaa waliin walqabsiifamaa ture.
"Wanti hundumtuu kan jalqabame Israa'el keessatti. Nuti kan eerre gareen naannicha jiraate tokko madda ka'umsa ummatichaa ta'uu isaati. Bara sana keessa lakkoofsa olaanaa kan qabu ummanni Neezer Ramlaa Baha Giddu-galeessaarraa gara Awurooppatti baqateera," jechuun qorattuun kun BBCtti himteetti.
Qorattoonni kunneen miseensonni gareen Neezer Raamlaa Hoomoo duraan waggoota 400,000 dura naannawaa Baha Dhiyoo jiraachaa akka turan bira gahaniiru. Akkasumas argannoon haaraa kuniifi gareewwan durii warra Niyaandertaal duraa ta'an Awurooppaa keessatti argaman gidduu walfakkeenyi jiraachuu hubataniiru.
"Yeroo jalqabaatiif saamudoota garaa garaa Leevaan keessa jiran gidduu qabxiiwwan jiran walitti fiduu dandeenyeerra. Hanga ammaatti haftee qaama dhala namaa garee sanyii dhala namaa adda bahe tokkotti ramaduu kan hin dandeenye holqawwan Qesemirraa, Zutiiyeh fi Kataan keessaa argamaniiru," jedhan qorattuun Yuvarsiitii Tel Aviiv Dr. Raahel Saarg.
"Haata'u malee, boca qaama isaanii gara garaa kan Neezer Raamlaa waliin walbira qabnee yoo ilaallu, garee haaraa argame kana keessatti akka hammataman gochuun hiika kenna," jehan.
Dr. Meey isaan kun abaabilee warra Niyaandertaal duraa akka ta'an eeruun, Niyaandertaal inni Awurooppaa dhugumatti Livaant keessaa jalqabee garee dhala namaa biroo waliin ta'uuhaan gara Awurooppaatti baqataniiru jechuun ibsaniiru.
Warri kaan ammoo gara Baha Indiyaafi Chaayinaatti imalaniiru kan jedhan Piroofesar Israa'el Herkoviziiz, dhala namaa duraa Baha Eshiyaafi Niyaandertaalota Awurooppaa gidduu ammoo walitti dhufeenyi akka jiru eeraniiru.
"Hafteewwan Baha Eeshiyaatti argaman tokko tokko akkuma Neezer Raamlaa amaloota Niyaadertaalotaa agarsiisaniiru," jechuun dubbatu.














