Eva Schloss: 'Maanguddoo umrii waggaa 92'tti lammummaasaanii ganamaatti deebi'an'

Madda suuraa, Christopher Gunson
Eva Schloss ijoollummaatti dararaa Naaziitiin biyyaa baqatan, amma umrii waggaa 92'tti biyya dhalootasaaniirraa lammummaasaanii deebisanii argataniiru.
Aadde Schloss waggoota 70 magaalaa Landan jiraatanitti dhalli namaa madaa bara bulchiinsa Naazii akka hin daganne hubachiisaa turan.
Waggaa dheeraa booda bara dullummaatti maaliif lammummaasaanii ganamaatti deebi'uu akka barbaadan akkanaan ibsaniiru.
Barii Naazii Jarmanii Ostiriyaa qabateetti obboleessi isaanii umrii waggaa 12, Heinz, akka malee dararamuu yaadatu.
"Dhiigi fuularra dhangala'a, uffatisaa ciccitee dhumeera,'' jechuun waan yeroo sana ture yaadatu.
"Wayita maatiin keenya waan ta'e gaafatan, hiriyoota koo hangafaatu akkas na godhan jedhe. Wayita kanas barsiisonni koo dhaabatanii ilaalu jedhe,'' jechuun haala yeros ture dabalanii himan.

Madda suuraa, Eva Schloss
Wayita gareen hidhattoota Naazii Bitootessa 12, 1938 Ostiriyaa Jarmaniitti makuuf biyyattiitti marsan haalonni ulfaachuu eegalan.
Halkan tokkotti hiriyoonniifi ollaan Eva diina itti ta'an. Evan yeroo sana shamarree umrii waggaa sagalii ka turte yoo ta'u, gareen bulchiinsa Naazii deggeru kan itti garagaleef abbaasheen nama Jewish waan turaniif.
''Guyyaa tokko gara mana hiriyaa kootiin deeme, wayitan achi ga'u haatishee balbala fuula kiyyatti cufte. Jibba naaf qabdu sirriitti natti mul'iste. Lamuuu ija kee arguu hin fedhu naan jette,'' jechuun haala yeros ture yaadatu maanguddoon kun.
"Booyaan gara manaatti deebi'e. Haati kiyyas lammiilee Jewishiifis barri ni darba naan jette.''
Maatiin ishee lammummaasaanii sarbamuun dirqamaan lammiilee Jarmanii ta'an.
Boodarra garuu paaspoortii lammummaasaanii ganamaa kan biyya Ostiriyaa argachuu danda'an.
Maatiinshee jireenya wayita itti cimu seeraan ala gara Beeljiyam godaanan, haalli yeroo sana ture akkaan hammaataa ta'uu yaadatti Evan.
Biraaselsitti haala rakkisaa keessatti yeroo muraasaaf erga jiraatanii booda gara Amsterdam godaanan.
Evan achitti nama appaartimentii isheen keessa galtu waliin galtu tokko hiriyoomfatte, shamarree Anne Frank jedhamtu.

Madda suuraa, Eva Schloss
Maatiin hiriyoota lameeniiyyuu haleellaa Naazii dheessanii kan baqatan yoo ta'u, bara 1944 waggaa 15ffaa Eva irratti garuu maatiin hidhamuun gara Auschwitz-Birkenau ergaman.
Bara 1945 wayitasaan gargaarsa loltoota Sooviyeetiin bilisa baafaman, Eva fi haadhashee Elfriede qofatu lubbuun argaman.
Abbaa fi ilmi (obboleessi hangafaa Eva) mana hidhaatti du'an.
Taatee sana booda haatishee gara Amsterdam deebi'uun abbaa hiriyaasheetti heerumuun achi jiraachuu eegalte.
Evan garuu bara sanarraa jalqabdee waggoota 40'f seenaan kun akka irra hin deebi'amne ifaajaa turte.
Biyya UK'tti galuun haleellaa suukanneessaa garee hidhattoota Naazii namuu akka hin dagannee fi akka yakka kana irra hin deebine barsiisaa turte.
Awurooppaarra naanna'uun dhaloonni haaraan miira jibbiinsaan akka hin guutamnee fi yakka Naazii akka irra hin deebine gorsuu eegalte.

Madda suuraa, Getty Images
Evan bara 1951 gara Landan deemuun ogummaa suuraa kaasuu baratte.
Achitti abbaa manaashee Zvi Schloss waliin walbarte.
Innis lammii Jarmanii nama Jewish yoo ta'u bara waraana Naazii Paalastaayinitti baqate.
Jaalalleewwan lameen waggaa dheeraaf Landan waliin jiraatan, lammummaa UK's argatan.
"Kanaan booda bakka biraa eessayyuu jiraachuu hin danda'u,'' jedhan maanguddoon kun yeroo ammaa fedhii isaanii wayita ibsan.
Seenaa jireenyashee fi dararaa dabarsite kuusanii olkaa'uuf jecha Evan gaaffilee 1,000 gaafatamteetti, kaameeraawwan 116 ishee waraabaniiru.
Maanguddoon kun erga biyyaa baqatanii waggaa 80 booda umriisaanii waggaa 92'tti lammummaasaanii ganamaa kan biyya dhalootasaanii, Ostiriyaa argatan.
Lammummaan kan kennameef Jimaata darbe gaafa Waxabajjii, 18, 2021 ture.
Umriinsaanii gara waggaa 93tti siqaa kan jiru Evan, ammallee dargaggoota barsiisuu fi hammeenyummaa dhabamsiisuurratti akka hojjetan ibsaniiru.
Lammummaa dhalootaasaanii ganamaatti deebi'uuttis akka gammadan himan.

Madda suuraa, Getty Images














