Joo Baayidaniifi Phaaphaasii kaatolikii jidduutti waldhabdeen uumame

Madda suuraa, Reuters
Phaaphaasii bataskaan Kaatoliifii Ameerikaafi Pirezidaanti Joo Baayidan jidduutti wal dhabdeen mudhachu dhagahame.
Pirezidaantiin phaaphasiiwwan bataskaan Kaatooliikii Ameerikaa erga pirezidaantichi irbaata qulqulluu irratti akka hirmaanneef dhorkuuf sanada dandeesisu irratti sagalee keenanii booda walitti bu'insi isaan jidduu cimuun himame.
Batasikaanni Kaatoliikii ulfa dhaabsiisuu cimsitee mormiti. Pirezidaantii Joo Baayidan ammoo ulfa dhaabuu ni deegaru.
Kanaafuu phaaphaasoonni bataskaana Kaatooliikii Ameerikaa walgahii karaa intarneetiin taasifatan irratti miseensa waldichaafi qondaala siyaasaa Baayidan kan ulfa baasiisuu deeggaru ilaalchiisuun sanada qophaa'e irratti wayita mari'ataniitti wal dhabdeen ka'un dhagahame.
Amantaa Bataskaana Kaatoolikii biratti waa'ee Irbaata qulqulluu biratti dhimma guddaa yoo ta'u, amanticha kan hordofan Pirezidaaanti Baayidan sirna kadhannaa bataskaaniittii idile kan biraa ni hirmaatu.
Marii phaaphaasotaa hordofuunis pirezidaanti Joo Baayidan ''kun dhimma dhuunfaa waan ta'eef waan akkasiin nu mudata jedhee hin eegu'' jedhaniiru.
Jidduugala amantaa Kaatolikii kan taatee Vaatikaan sochii phaaphaasoonni Ameerikaa eegala akka hinfudhannee dursuun hime jirti.
Phaaphaasonnis marii guyyaa Kamisaa taasisaniin booda, Pirezidaantii Ittaanaan yaa'iichaa Abuna Alan H Viigineroon sanadicharratti sagalee kennuun adeemsichi deeggarsa 168 fi mormii 55 akkasumas kanneen sagalee hinkenniin 6 darbuun beekameera.
Abbootiin amantaa dhimmicharratti yaada baayyee garaa gara ta'e kennaa kan jiran yoo ta'u, Phaaphaasiin Saan Diyaagoo Abbaa Raav Roobart Maakilerooyi sanada akkasiitiin irbaata qulqulluurraa dhorkuuf ''akka meeshaatti fayyadamu'' balaaleeffatan.
Gama biraatiin Phaaphaasiin Beekan Organ Abbaa Keerii Liiyaam ''bataskaanitttiin haala kanaan dura baramee hinbeekame keessatti argamti'' jechuun, ''pirezidaantiin dhudhaalee Kaatolikii morman'' jechuun Joo Baayidaniin ibsaniiru.














