Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Joo Baayiden sareen baayyee jaalatan jalaa du’uu beeksisan
Pirezedantiin Ameerikaa Joo Bayideenifi haatii warraan isaanii Giifti duree Jiil Baayiden saree isaan ‘’jaalatamaadha’’ jedhaniin Chaamp, ganna 13’f isaan waliin jiraate jalaa du’uusaa ibsan.
Baayideen toora Tiwitarasaaniirratti’’maatiin keenya saree jaalatu du’an dhaben, isa dhabuu kooti’’jedhanii barreessan.
Chaamp gosa saroota tiksitu Jarmanii lamaan masaraa Waayit Haawus keessa Baayideen wajjin jiraatanii keessaa tokkodha.
Sareen kun wayita Joo Baayideen Pireezedantii ittaanaa turan Waashingteen D.C illee waliin jiraate.
‘’Yeroo baayyee gammadnuufi guyyoota gaddaatti sareen keenya nu waliin ture, miira keenya dubbiin hin ibsamnefi nutti dhiyoo ture.
Ni jaalanna, isa yeroo hundumaa dhabuu keenya’’ jedhan Aab Baayiden ibsa isaanii keessatti.
‘’Chaamp ji’oota gara xumuraa wayita laafettillee wayita kutaa inni keessa jiru seennu mata ol qabata, eegee raasa, akka gurrasaa ykn garaasaa qaqqabannuuf nu biriifata ture, eessaallee yoo jiraanne nu barbaada, battala inni nu cina jirutti waanti hunduu wayyaa ture’’jedhan.
Joo Baayideen pirezedantii ittaanaa wayita turanitti Chaamp buchillaa saree gammadaa kubbaa golfi ariyachuu jaalatuuf, akkasumallee ijoolleen akkaawoo isaanii dirree Deeliweyirii fiigan ariyatee qabuuf morkitu akka ture fa’aa kaasan Baayideen.
Chaamp saree lubbu baraarsaaf tajaajiltu bara 2018 irraa Baayideen guddisan Meejer wajjin Pirezedantiin duraanii Ameerikaa Doonaald Tiraamp akkuma aangoorra buhaniin Masaraa Waayit Haawus waliin seenan.
Sareen Baayideen guddisaa Meejar garuu yeroo lama Masaraa Waayit Haawus keessatti nama ciniinuun gabaafameera.