Turistii bakka bultii keessummaa keessatti gudeedamteef beenyaan dolaarri miliyoona 7 kaffalameef

Madda suuraa, Getty Images
Turistii bakka bultii keessummaa kireeffattee jirtu keessatti gudeedamte tokkoof beenyaan miliyoona $7 kaffalamuu miidiyaaleen gabaasaa jiru.
Turistiin kun karaa marsariitii bakka bultii keessummaa soqachuuf baayyee beekamu AirBnB jedhamuun ture kan mana itti dirqamaan gudeedamte magaalaa Niiwu Yoork keessatti argamu kana kan kireeffatte.
Biluumbarg akka gabaasetti waggaa shan dura bara 2015 keessa jalabultii waggaa haaraarratti miidhaan kun kan irra gahe dubartiin Awustiraaliyaa kun beenyaa kana fudhatteetti.
Namni gocha gudeeddii kana raawwate furtuu kutaa bultii turistii kanaa duraan baayyifatee akka qabu gabaasni ni mul'isa.
Halkan taateen kun mudatetti turistittiiniifi hiriyyoonni ishee furtuu bakka bultiisaanii suuqii naannoo siree kireeffatan jiru tokko kaawwatanii ba'anii yeroo deebiyan fudhatan jehameera.
Dubartiin gudeedamte kun guyyaa sana galgaleeffattee bakkee turtee yeroo deebitutti dargaggeessi umuriin isaa waggaa 24 ta'e Juuniyeer Lii jedhamu ishee gudeede kun kutaa mana fincaanii dhokatee eegaa akka ture Biluumbard gabaaseera.
Namni yeroo ammaa mana hidhaa jiru kun himannaan dirqisiisanii gudeeduu kan irratti banameeru yoo ta'u, inni garuu yakka kana hin raawwanne jechuun haaleera.
Erga wanti kun raawwatee booda qondaaltonni nageenyaa AirBnB poolisii naannawaa sanaa kan dubbise yommuu ta'u, dubartii miidhaan irra gahe kana gara hoteela biroo geessuun gargaareera.
Kana malees, haabbanni marsariitiirraan akka namni bakka bultii keessummaa argatuuf gargaaru kun baasii ogeessa xiin-samuu danda'uudhaan wallaansa akka argattu gochuurra darbee haadhashee Awustiraaliyaarraa gara Ameerikaa dhufee akka bira dhaabbattu kaffaltaa hunda danda'eera.
Akka Biluumbarg gabaasetti, AirBnB akka beenyaa dolaara milioyoona 7 kaffalu kan taasise abbaa qabeenyaa mana bultii keessummaa sanaafi isumaanillee akka hin himanne gochuuf jedhameeti.
Waliigaltee kanarra ga'uudhaafis waggaa lama fudhateera.
Oduun turistiin gudeedamte beenyaa dolaara miliyoona 7 argatte jedhu kun gabaasa qorannoo gadi-fagoo Biluumbarg tajaajila bakka bultii keessummaa kana irratti taasiseen walqabatee bahe.
Dhaabbatichi taatee kanaan boodallee maamiltoonni furtuu kutaa ciisichasaanii eessa akka kaawwatan ilaalchisee rakkoo nageenyaa ture akka hin foyyeessiin ibsameera.
Walumaagalatti garuu taateen kun namni bakka bultii qabate akka haalaan ilaallatuufi furtuu kutaa ciisicha ofiillee of eeggannoon qabatan kan barsiisee darbedha.
















