Lammiin Ispeen haadhasaa 'ajjeesee nyaate' hidhaa waggaa 15'n adabame

Madda suuraa, Spanish Police
Lammiin Ispeen haadhasaa erga ajjeesee booda foonshee nyaate hidhaa waggaa 15'n adabame.
Dargaggeessi umrii waggaa 28, Albertoo Saancheez Goomeez, bara 2019 ji'a Guraandhalaa keessa, erga poolisiin reeffa ciccite naannoo mana haadhasaatti argee qabame.
Qaamni haadhaa kaan qodaa pilaastikaa keessaa argame akka poolisiin jedhutti.
Manni murtii isa Saancheez dhukkubbii sammuu qabaachuu himatu kuffiseera.
Dargaggeessi kun wayita haadhasaa ajjeesetti sammuunsaa dhibamaa akka ture hima.
Ammaan booda waggaa 15 mana hidhaatti erga dabarsee booda dabalataan ammoo reenfa akka malee gochuusaatiin ji'a shaniif adabama.
Dabalataan obboleessa isaaf beenyaa doolaara 73,000 akka kaffalu itti murtaa'eera.
Poolisiin akki nama kana itti qabe, jalqaba eeruu hiriyaasaarraa isaan qaqqaberraa ka'uun.
Hiriyaan Saancheez, waa'ee haadha umrii waggaa 60oota keessa jirtuu Maariyaa Soledaad Goomeez akkaan dhiphataa ture.
Isa booda poolisiitti wayita himu, poolisoonni dhufanii naannoodhaa ciccitaa reenfa namaa argan.
Dhaddacha dhimma Saancheez ilaalurratti manni murtii wayita yakka isaa dubbatu, dargaggeessi yeroo sana waggaa 26 ture kun, haadhasaa waliin osoo walitti deddeebisanii morma qabee hudhee ajjeesuu hime.
Isa booda reenfa haadhasaa akka hin taanetti cicciree, kaan nyaatee, kaan ammoo saree isaa soore.
Miidiyaan biyya Ispeen namni kun haadhasaa gidirsuudhaan poolisii biratti sirriitti beekama ture.













