Lammiin Ispeen tokko haadha isaa 'ajjeesee nyaachuun' himatame

Madda suuraa, Spanish Police
Lammiin Ispeen tokko haadha isaa ajjeesuun erga qaama ishee adda kukkuteen booda soorateera jedhamuun himannaan irratti baname.
Namtichi Albartoo Saanchez Gomeez jedhamu poolisiin kan to'atame bara 2019tti wayita tahu, haadha waggaa 66 ta'an kana ilaalchiisun eeruu hiriyaan kennameen booda ture.
Poolisoonnis qaamni dubartiitti appaartaamaa keessa jiraataa turan keessa bakka adda addaatti faca'ee, kaan ammoo qabduu pilaastiikiiwwan keessatti arguu himan.
Himatamaan garuu haadha isaa ajjeessuufi sorachuu isaa akka hin yaadanne mana murtiitti hime.
Osoo hinto'atamiin dura araada qoricha sammuu adochuu kan qabuufi dhibee sammuutiin rakkataa akka tures gabaafame.
Miidiyaaleen biyyattii akka jedhaniitti, namni kun ajjeechaa haadhasaa Maariyaa Soledaad Gomeez fi ajaja dhorkaa yeroo sana kaa'amee ture cabsuu poolisoonni ni beeku ture.
Manni murtiis taatee naasiisaa poolisoonni mana jireenyaa baha Maadiriid keessatti Bitooteessaa 2019 arganii kana dhagaheera.
Gartuun qaama namaa kaan affeelamaa kan jiru yoo ta'u, kan hafee ammoo qabduu pilaastiikiiwwwan keessatti argamuu isaa gaazexaan El Mundo gabaaseera.
Himatamaan yeroo sanatti umuriinsaa waggaa 26 ture kunis, haadha isaa ajjeessuufi yeroo tokko tokko foon ishee akka sooratuu fi qaama ishee kaan sareef akka kennee dubbachuunsaa gabaafameera.
Dhaddachi waa'ee taatee sukkanneessaa kana ilaalaa jiruufi dhimmicha dhaggeeffatu itti fufeera.














