Tanzaaniyaan falfaltoota qaama namaa aarsaa taasisuuf jecha namoota ajjeesan jette 65 adabde

Madda suuraa, BARCROFT/ MEDIA
Taanzaaniyaan falfaltoota qaama namaa aarsaa taasisuuf jecha namoota ajjeesan jette 65 adabde
Taanzaaniyaan falfaltoota 65 qaama isaanii aarsaaf dhiyeessuuf jecha daa'immaan ajjeessan jette adabuu beeksifte.
Ijoolleen 10 ji'a Amajjii keessa kan ajjeefaman yoo tahu qaamni isaaniis keessaa baafameera. Hawwaasa Taanzaaniyaa gariin biratti akkasumas biyyoota ollaa keessatti amantaan qaama namaa aarsaaf dhiyeessuun nama sooromsa jedhu jira.
Hogganaan Poolisii biyyattii Simoon Sirroo Namoonni mala aadaatiin nama fayyifna jedhan eeyyama argachuu akka qaban ajajan.
''Dhaabbileen amantii fi anga'oonni siyaasaa kanarratti nu deeggaruu qabus'' jedhan.
Daa'imman 10 Kibba dhiha naannoo Nijobiitti kan ajjeeffaman yoo ta'u, daa'imman lakkoofsi isaani hin baramne ammoo Naannoo Simuyuu jedhamutti ajjeefaman.
Guudlaak Fugalee daa'imni ganna shanii sababii kanaan ajjeeffamuu fi lubbuusaa sababa kanaan dhabuu maatiin BBCtti himan.
Daa'imman gogaan qaamasaani halluu adiitti sababa dhukkuba 'albinism' jedhamuun jijjirame barbaadanii aarsaaf dhiyeessuun lubbuu namaa baayyee balleessani.
Daa'imman 10 ajjeeffaman garuu rakkoo Albinism jedhamu qabaachuu ragaan agarsiisu hin jiru.
Taanzaniyaatti tamsa'inni rakkoo Alibizisimiin kan heddummatu yoo ta'u, namoota 1400 tu rakkina kana waliin jiraata.
Biyyoota lixaatti namoota kuma 20 keessaa tokkotu rakkoo kanaaf saaxilamaa akka jechuuti.
Rogeyyiin Ardii Afrikaa akka jedhanitti namoota rakkina kana qaban shakkuuni fi qaamnisaanii maallaqa guddaatti gurgurama jedhanii amanuuf kan gumaache hiyyummaadha jedhu.













