Ameerikaan biyyoota 100 olirraa saroota biyyatti galchuu dhorkite

A pet bulldog wears an American flag kerchief around its neck

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, CDCn uggurri amma kaa'ame yeroo yeroon irra deebiin ilaalama jedheera

Giddugalli To'annoo fi Ittisa Dhibee Ameerikaa (CDC) waggaa tokkoof biyyoota addunyaa 113 irraa saroota biyyattii galchuurra dhorkaa kaa'e - sodaa dhukkuba saree akka sababaatti kaasuun.

Uggurri kun saroota deeggarsa miiraa (emotional support dogs) jedhaman dabalatee saroota hunda kan dabalatu oggaa tahu, kanneen biyyoota jedhaman keessatti ji'oota jahan dabran turanis ni ilaallata.

Oduun kun kan dhagahame wayita lakkoofsi sarootaa biyyattiitti galanii haalaan dabaleettidha. Wayita weerara koroonaavaayirasii keessa saroota ofitti fudhachuun haalaan dabaleera jedhama.

CDCn akka jedhutti, saroonni dhibbaan lakka'aman waraqaan ragaa talaallii 'rabies' sobaa irratti argameera.

''Fayyaa fi nageenya sarootaa gara US galan eegsisuufi akkasumas gosoota vaayirasii 'rabies' hawaasatti akka hin daddabarre eeguuf tarkaanfiin kun barbaachiseera,'' jedhe CDCn ibsa baaseen.

Uggurri kun biyyoota ardii garagaraarraa tahan hedduu kan ofkeessaa qabu oggaa tahu Itoophiyaa dabalatee, Masrii, Keeniyaa, Biraazil fi Raashiyaan keessatti argamu.

Uggurri kun biyyoota Afrikaa 52 irraa saroonni akka hin galle dhorka.

US saroota miiliyoona tokko tahan waggaa waggaan biyyatti galchiti. Saroonni biyyoota amma balaa guddaa qabu jedhaman kanarraa galan, lakkoofsa kana keessaa %6 tahu.

Ameerikaatti saroonni talaallii yeroo yeroon waan argataniif, dhukkubni saree maraattee (dog rabbies) 2007tti guutummaatti badee ture.

Haa tahu malee dhukkubni kun addunyaarra tamsa'ee kan jiru oggaa tahu, waggaatti lubbuu 59,000 galaafata. Namni tokko 'rabies'n qabamee yoo mallattoo agarsiisuu eegale, gara caalu carraa lubbuun ooluu hinqabu.

Wayita weeraraa kanatti lakkoofsi saroota ofitti fudhatamanii dabaluun, sartifikeeta talaallii reebis sobaa agarsiisuun kan dhufaniin walqabata jedhameera.

2020 keessa, CDCn saroota 450 ragaa talaallii sobaa wajjin gara US galan argachuu hima. Kunis baroota dabran lamaan wajjin walbiratti yoo qabamu %52n dabaleera jechuun CDCrraa kan tahan Dr. Emily Pieracci miidiyaa NPRtti himan.

''Haala garmalee adda taheen'' namoonni muraasni bineensota manaa qabaniifi jaalatan, dhorkaa kaa'ame kanarraa bilisa tahuu danda'u jedha dhaabni kun. Kunis akkitti tahuu danda'u jarri CDCf gara Ameerikaa dhufuusaaniin guyyoota 30n dura barreeffamaan yoo gaafatan carraa kana argachuu danda'u jedhameera.

Uggurri waggaa tokkoof kaa'ame Waxabajjii 14 kan eegalu oggaa tahu, yeroo yeroon irra deebiin ilaalama.