Ziyoonaa Chanaa: Abbaa warraa dubartoota 38 fi abbaa ijoollee 94 du'aan boqate

Manguddoon ganna 76, adunyaa irratti dursaa maatii bal'aa jedhamuun beekamu Indiyaa, kutaa bulchiinsa Mizooram keessatti boqate.

Ziyoonaa Chaanaa, dursaa amantaa haadha warraa baay'ee fuudhuu jajjabeessu tokkoo yoo tahan, Dilbata kaleessaa ture, haadha warraa isaa 38 fi ijoollee 89 akkasumas ijoollee ijoollee isaa 36 duubatti dhiisuun kan boqate.

Oduu kana kan mirkaneesse ministera ol aanaa kutaa Mizooraam, Zoramtaanga jedhamu yoo tahu, Tiwiitera irratti ''gadda lapheetti ulfaatu'' jechuun ibse.

Chaanaan dhibee sukkaaraa fi dhiibbaa dhiigaan miidhamaa akka ture hamama.

Hakiimonni tajaajila oduu PTItti akka himanitti, fayyaan Chaanaa ganduma jireenya isaa Baaktwaang Tilaanyuwam keessatti gadi bu'ee ture. Dilbata halkan hospitaala geeffamus gaafasuma achitti boqate.

Chaanaan dhugumaan adunyaa irraa dursaa abbaa maatii guddaa tahuu mirkaneessuun ni ulfaata. Namootni baay'een anadha jedhan waan jiraniif jechuudha.

Kana malees baay'ina maatii Chaanaa sirrii tahe tiklmaamuun ulfaataa waan taheef. Gabaasni tokko haadha warraa 39, ijoollee 94 fi ijoollee ijoollee 33 akkasumas tokkoof ammoo habaabilee tahuu hima. Walumaagala maatiin isaa 181 tahu jechuudha.

Gabaasotni miidiyaalee naannoo maatii baay'ee qabaachuun ''rikardii adunyaa'' qabate jechuun gabaasanis rikardii isa kam akka tahe garuu ifa miti.

Akkasumas maatiin isaa kun al takkaa sagantaa televizhinii 'Ripley Believe it or Not' jedhamu irratti dhiyaatanii ture.

Rikardii adunyaa qabachuu ifa tahuu baatus maatiin Chaanaa Kaaba Baha Indiyaatti turistootni akka gara ganda isaaniitti yaa'an godhaniiru.

Kan amalees jireenyi isaa mijataan dubbii ijoo tahuun turaniru.

Maatiin isaa kun hundi ammoo walumaan man-kuusaa afur 'Chuuar Than Run'' yookaan mana dhaloota haaraa jedhamu, kutaa 100 qabu keessa jiraatu. Haadholiin warraa isaa ammoo cinuma kutaa ciisicha dhuunfaa Chana cina kutaa waliin qooddachuun jiraatu.

Manni jireenyaa isaanii kun bakkatti daawwattootni adunyaa wal gahan taheera. Namootni haala jireenya isaanii kana ilaaluuf deemu.Akka gabaasa Rooyitersitti, Chaanaan bara 1945 dhalate. Yeroo umuriin isaa waggaa 17 tahu haadha manaa isaa jalqabaa waggaa sadii isa caaltu waliin wla fuudhe.

Maatiin kun hordoftoota amantaa kiristaanaa yoo tahan, dameen isaanii kun Chana Paawil jedhama-hordoftoota 2,000 tahan qaba. Hundi isaanii naannoo mana jireenyaa Chaanaa ganduma Baktawaang Tilangnuam, jedhamtu KM 55 magaalaa kutaa Mizooraam, Ayizawal iraa fagaachuun jiraatu.

Dameen amantaa isaani kun haadha warraa baay'ee fuudhuu kan eeyyamu yoo tahu, akaakayyuu Chaanaadhaan bara 1942 jalqabame.