Maatiin Indiyaa mana isaanii Deelihii keessa jirutti fannifamanii argaman

Magaalaa guddittii Indiyaa, New Delihii keessatti maatiin miseensota kudha tokko qabu tokko ajjeefamanii argaman. Akka poolisiin jedhutti kurnan isaanii baaxii mana isaaniitti fannifamanii argaman.

Isaan keessaa durbartiin waggaa 70 taatu tokko lafarratti kuftee argamte. Miseensonni maatii ajjeefaman kun baayyeen isaanii iji isaanii hidhamee, arki isaaniis duubatti hidhameera.

Ajjeechaa kana duuba maaltu akka jiru ifa miti, poolisiinis hanga ammaa warra ajjeechaa raawwatan hin qabne.

Ragaan "shaakala amantaaf jecha" maatiin kan raawwatamedha yaadni jedhu himamaa jira.

Guutummaan ibsa poolisii akka agarsiisutti ergaan arkaan barreeffamee mana keessaatti argame sun akka mullisutti "Shaakala dhimma amantaa waliin walqabate" du'aatii miseensota maatii kanaaf walitti dhufeenya qabaachuu mala jedha.

Ammallee bu'aa qorannoo reeffaa, gaaffiiwwan ollaaf dhiyaataniifi kan kaameraan naannoo sana jiru sakatta'amee mullisu eegamaa jira.

Akka qondaalli poolisii tokko AFP'tti himetti, maaltuu akka uumame baruudhaaf "ammallee yeroon hin geenye".

"Ammallee qorannoo itti jirrudha. Hanga ammaatti waanti to'annaa jala oolchine hin jiru," jedhan.

Maatiin kun siriin isaanii kan Rajaashtaanirra dhufan ta'anillee Delihii keessaa naannoo Buraarii jedhamu waggoota 20 ol jiraataniiru. Gamoo darbii sadii qabu keessaa kutaa lafa jiru lama keessatti suuqii itti daldalan qabu.

Reeffi maatii kanaa kan argame Dilbata ganama ollaa aannan bitachuuf gara suuqii kanaa deeme ture.

"Yeroon suuqicha seenu, karri hundinuu banaadha, reeffi miseensota maatii kanaa garuu arki isaanii akkuma duubatti hidhameen fannifamaniin arge," jechuun Obbo Gurcharaan BBC'tti himeera.

Namoonni du'an kun obbolaan dhiiraa lama, haadha warroota isaanii, ijoollee akkasumas dubartoota maanguddoota of keessaa qaba. Sareen maatii kanaa garuu lubbuun jirti ture.

Reeffii maatii kanaa manatti argamuun ollaa isaanii rifaatii guddaa keessa galcheera jechuun BBC'n Hinduu bakka sanarraa gabaaseera.

Jiraattonni naannoo sanaafi firoonni maatii dhumanii kanaa akka jedhanittti maatiin kun gammadoofi hawaasummaa gaarii qabu.