WhatsApp seera haaraa iccitii dhuunfaa eeguu irratti baase hojiirra oolchuu eegale

WhatsApp iccitii dhuunfaa fayyadamtootaa eeguurratti seera haaraa baase hojiirra oolchuuf UK keessatti duula isa jalqabaa eegaleera.

Miidiyaan hawaasummaa fayyadamtoota hedduu qabaachuun beekamu kun erga bara darbe seera icciteessuu haaraa fooyyessee baasee as maamiloota biraa mormii hamaan isa mudateera.

WhatsApp akkaataa iccitiin ergaawwanii itti eegamurratti hojiin hojjetamu kamuu dhiibbaa mootummaarraa bilisa ta'uu qaba ejjennoo jedhu qabaachuu ibsa.

Hoogganaan WhatsApp Will Cathcart, qondaaltonni mootummaa ''nageenyummaan miidiyaa hawaasummaa kanaa daran akka cimu gaafachuu qabu malee dura dhaabbachuu hin qaban,'' jechuun BBC'tti dubbatan.

"Nageenyummaa namaa eeguuf gulantaan jalqabaa miidiyaan hawaasummaa nageenyummaansaa akka cimu mirkaneessuudha. Mootummoonni addunyaa ammoo dhaabbileen teeknooloojii nageenyummaa amansiisaa akka mirkaneessan deggeruu qabu malee mormuu hin qaban.''

WhatsApp seera iccitii fi nageenyummaa dhuunfaa maamila isaa mirkaneessuuf haaraa baase UK fi Jarmanii keessatti hojiitti hiikuu eegaleera, itti aansuun biyyoota addunyaa birootti babal'isa.

Seera nageenya WhatsApp keessaa inni ijoon, ergaawwan kan dubbisuu fi waliif deebisuu danda'an namoota walitti dubbatan qofaa ta'uusaati.

WhatsApp fi maatiisaa kan ta'e Feesbuukiin mataansaanii ergaawwan kunneen arguu fi dubbisuu hin danda'an.

Garuu miidiyaan hawaasummaa kun ergaa namootaa gidduu hin seenu jechuun qabiyyeewwan rakkoo qabanii fi qaama biraa miidhuu danda'an callisee ilaala jechuu miti jedhan qondaalli WhatsApp Priti Patel.

''Ergaan namoonni waliif ergan kan duudhaa hawaasaa hin sarbinee fi nageenya daa'immanii balaarra hin buusne ta'uu qaba,'' jedhan.

Feesbuukiin seera ergaawwan icciteessuu, miidiyaalee hawaasummaa ofharkaa qabu hunda keessatti hojiirra oolchuuf akka jiru himeera.

WhatsApp erga seera iccitii dhuunfaa fayyadamtootaa egguu cimsee as Chaayinaa keessaa ugguramee jira.

Qajeelfama ergaa gabaabaa ilaalchisee seera koo sarbeera jechuunis mootummaa Indiyaa himateera.

MaamilootaWhatsApp biiliyoona 2 ta'an adunyaarra jiran keessaa miiliyoona 400 kan caalan Indiyaa keessatti argamu.

Hoogganaan WhatsApp Will Cathcart, akkuma seerri isaa cimaa deemu biyyoonni addunyaa hedduun nu ugguruu danda'u jedhan.

Haala kana hubatanii nageenyummaa maamilaaf xiyyeeffannaa kennuun hojjetaa akka jiranis himan.