Jarman biiraa loltootni ishee Afgaanistaanitti dhuguun irra ture gara biyyaatti deebisuuf

Humnootni Nato Afgaanistaan keessaa ba’uuf yeroo qophaa’anitti Jarmaniin biiraa liitira 22,500 ol gara biyyaatti akka deebistu beeksiste.

Looltoni ba’uu isaaniin dura waldhabdee Afgaanistaan keessatti hammaate sababeeffachuun dhiyeenya komaandaroonni loltoonni dhugaatii akka hin dhugneef dhorkaniiru.

Humnootni biyyattii ammoo sababa garaagarummaa amantaafi aadaa Afgaanistaan keessa jiruun dhugaatii alkoolii kana gurguruu hin dandeenye.

Dubbi-himtuun ministeera ittisaa Wiixata akka dubbatanitti kontiraaktara dhugaatii kana biyyatti deebisu argataniiru.

Ebla keessa Pirezidaantiin US Joo Baayiden humnootni isaanii Afgaanistaan keessaa Fulbaana 11, 2021 akka ba’an erga beeksisanii booda, waayilootni Nato biroonis murtee kana akka hordofan beeksisaniiru.

Erga yeroo sanaatii biyyattii keessatti tasgabbiin dhibaa dhufeera. Mootummaan biyyattii, US fi Nato’n, hokkora kanaaf hidhattoota sochii Islaamummaa Taalibaaniin himatu.

Gartuun kun hokkora hir’isuuf waadaa galeeru diigeera jedhanis, Taalibaan garuu himata kana haaleera.

Looltoonni Jarman wiirtuu waraanaa biyyatttii keessatti dhugaatii alkoolii hedduu hafeeru akka qaban jalqaba Jimaata kan gabaase Der Spiegel ture.

Loltoonni Jarmanii guyyaatti biiraa buccullee lama ykn dhugaatii hamma alkoolii walfakkaataa qabu dhuguun ni eeyyamamaafi.

Biiraan buccullee 60,000 ol ta’uufi dhugaatii wayiinii dhibbaan lakka’amu akkasumas shaampeeniin wiirtuu waraanaa Marmaal kaabaa Afgaanistaan naannaa Mazaar-i-Shariifitti akka argamu gabaafameera.

Dubbi-himtuun Kiristiinaa Rawuutsii waan jedhan, hojiin looltoota biyyattii achii baasuun xumuramuun dura, kontaraaktarichi dhugaatii kunneen gara Jarmaniitti akka deebisu beeksisaniiru.

Jarmaniin looltoota 1,100 ol Afgaanistaan keessaa qabdi. Erga waldhabdeen eegalee as looltoonni Jarmanii 59 ta’an Afgaanistaan keessatti ajjeefamaniiru.