Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Burkinaa Faasootti haleellaa ganda tokkorratti raawwateen namootni 132 ol ajjeefaman
Kaaba Burkinaa Faasootti hidhattootni haleellaa ganda tokkorratti dhaqqabsiisaniin namoota 132 ol ajjeesan - kunis haleellaa hamaa yeroo dhiyootti biyyattiitti tahe jedhe mootummaan.
Bakka Solhan jedhamu keessatti hidhattootni halkan haleellaa hin eegamne gaggeessaniin, manneetiifi gabaan naannichaa gubataniiru.
Gareen tokkoyyuu haleellicha raawwachuuf itti gaafatamummaa hin fudhanne. Garuu haleellaan garee hidhattoota Islaamaa naannichatti waanuma baramedha.
Hogganaan UN haleellichaan ''guddaa rifachuu'' himan.
Antooniyoo Guuterees ''haleellaa hamaa kana cimsanii balaaleffachuun, hawaasni idil-addunyaa miseensota isaaniif finxaalessummaa loluuf deeggarsa isaanii dachaan dabaluu qabu. Du'aatiin nama hamma kanaa fudhatama hin qabu,'' jechuu dubbi-himaan isaanii himan.
Pirezidaanti Burkinaa Faasoo Rooch Kaaboree guyyaa gaddaa biyyaalessaa sadii labsaniiru. Eraa Tiwiitera isaanii irrattis ''humnoota hamaa irratti tokkummaan kaana'' jedhan.
Humnootni nageenyaa warreen haleellicha geessisan barbaadaa akka jiranis dabaluun himaniiru.
Haleellaa biraan Jimaata galgala ganda Tadariyat jedhamtu Km150 Solhaan irraa gara Kaabaatti fagaattu keessatti, namootni 14 ajjeefamuu gabaafameera.
Ji'a darbes haleellaa Baha Burkina Faasootti dhaqqabeen namootni 30 ajjeefamaniru.
Biyyattiin rakkoo nageenyaa guddaa keessa galteetti. Akkuma biyyoota ollaa isaanii gareen hidhate haleellaa uummata irratti gaggeessa. Akkasumas ukkaamsanii fudhataa jiru.
Ji'a Caamsaa keessa, humni Burkinaabee humnoota haleellaa dhaqqabsiisan irratti oppireeshinii bal'aa tahe gaggeessee ture.
Kuni tahees, humnootni nageenyaa waggoottan darban lamaan kanatti haleellaa uummata irra gahu ittisuu dadhabuun namootni miliyoonotaan qe'ee isaanii gadhiisanii baqataniiru.
Biyyi Afrikaa naannoo Saahel keessatti argamtu kun. erga hidhattootni bara 2012 fi 2013 keessa jireessa Kaaba Maalii qabatanii as naannichatti haleellaan gaggeeffamaa ture.
Loltootni Faransaay loltoota Maalii, Chaad, Mooritaaniyaa, Niijer fi Burkinaa Faasoo gargaaruun hidhattoota naannichaa lolaaa turan,
Tibbana garuu fonqolcha mootummaa Maaliitti gaggeeffame hordoftee tumsa ishee dhaabdeetti.