Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Zimbaabween ammallee attamiin ekeraa Roobarti Mugaabeen rakkataa akka jirtu
Xalayoota BBC Afriikaarraa torban kanaa kan gaazexeessaan lammii Zimbaabwe Bireen Hungwee barreesseen, pirezidaantiin bara dheeraaf biyyatti bulchaa turaniifi kan bara 2019tti du'an Roobarti Mugaabeen ammas awwaalchaan boodallee ekeraansaanii rakkina uumaa jiru fakkaata.
Gaazexeessaan kun xalayaan kana akkanaan qindeessee BBC'f ergeera.
Firoonni Roobarti Mugaabee, erga aangoo humnaan irraa fudhatamee gara Imaanu'eel Mnaangaawaatti dabarfamee booda waggaa lamatti kan du'an gaddarraa kan ka'e jedhu.
Aarii isaanii yeros rure kunis ammallee erga du'anii booda waldhabdee uumaa jira.
Haala aadaa biyyoota Afriikaa tokko tokkootti, ekeraan nama du'ee ni dubbata jedhamee amanama.
Yeroo baayyee afuurri nama du'ee ka'uun dararama yeroo lubbuun jiru irra gahee akka haaloo bahu amanama.
Kanaafuu balaa qaqqabsiisuu danda'u hambiisuuf afuurichi gabbara barbaada.
Osoo aariin Mugaabee wayita lubbuun jiranii sun kan gara haaloo bahiinsa afuuraa du'aan boodaatti geedarama
ta'ee, akka dhoohiinsa laavaa dhiheenya kana DR Koongootti gaara Myiraagongoo keessaa dhoohuun waan isa dura
ture hunda barbadeessee sana taasisa ture.
Roobart Mugaabeen hordofaa amantaa Kaatoliikii kan turan yoo ta'an, gara tokkoon ammoo kan jireenya isaanii keessatti irra caalaa dhiibbaa taasise mishinarii keessatti guddachuu isaaniiti.
Haata'u malee ammoo, ilaalcha aadaa hunda gonkumaa hinganne qabu ture.
'Aangoo afuuraa', goota siyaasaa
Yeroo baayyee Mugaabeen wayita lubbuun jiran lafa qulqulluu biyyaalessaa kan gootonni bara-bilisummaa itti awwaalaman deemuun 'afuura' gootiitti waraana bilisummaa kan taate, Mbuyaa Nehaandaatiif kanadhannaa taasisaa turan jedhama.
Nehaandaan gara dhuma jaarraa 19tti kolonoleeffattoota Biritishiin fannifamuun kan ajjeeffamte.
Isheenis lafeen ishee qubattoota koloneeffattoota warra adii irratti akka ka'u dubbataa akka turte amanama.
Yaadni kunis afuura dhaadannoo ta'uun diddaa biyyaalessaa Afriikaa keessa kan galeedha.
Torban darbe ammoo, pirezidaant Imaanu'eel Mnaangaagwaan siidaa Neehaandaa jidduugala magaalaa guddoo Haraaree keessatti ijaarame eebbisan.
Muraasni siidaa kana akka waan leegaasii isheen walqabsiisee umameef cimsuun, rakkina awwaalcha addaa Roobarti Mugaabeen umamee dagachiisuuf hojjatameetti ilaalan.
Kunis isaaf akka bakka awwalchaa dowwatuuf carraa waan kennuufiif, achumaan afuura Mr Mugaabeetti fiixaan bahiinsaa kadhannaa taasisuuf dandeessisa.
Garuu ammoo Giiftii dureen Girees Mugaabee pirezidaantii biyyattii itti aantu ta'uuf osoo hawwaa jirtuu ture kan bara 2017tti jaalleensaa Mnaangaagwaan kan aangoo qabatan.
Amma Giiftii dureen duraanii Girees Mugaabeen akka carraa sana hinarganne diduun, bakka dhalootasaa Zvimbaatti awwaalcha hadhaasaa biratti awwaalama jechuun pirezidaantii ammaa didde.
Antiroppoolistiin kan ta'efi barreessaan 'The politics of the dead in Zimbabwe: Bones, Rumours and Spirits' Joost Foonteen, murettee giiftuu duree duraanii kanaaf ibsa sababii gara biraa kenna.
''Mugaabeen haadha warraasaa duraanii Saallii Mugaabee cinaatti akk awwaalamtu waan hinbarbaanneef, sababiinsaas Saallii ishee caalaa beekkamtii kan argattu taatee turti
''Akkasumas tarii buulchiinsi haaraan bakka awwaalcha Mugaabee lafa gootootaatii akka isaan irra hintaaneef seera qabeessuummaa dhowwachuufis ta'a'' jedhan.
Waldhabdeen kunis karaa murtee duree aadaa Zvimbaa kan Mrs Mugaabeen abbaa warraa ishee dallaa biyyaa mana isaa keessatti awwaaluun naamuusa aaddaa cabsitee jirtii jechuun dubbataniitti ture baatii darbe keessa ifatti kan bahe.
Gireesi Mugaabee kan yeroo baayyee dhukkubsataa fi irra deddebbiin SIngaapooriitti dedeebii'aa jirtuus, dhaddacha sanarratti hinargamne. Garuu dureen aadaa akka addabbii saawwan shanii fi ree'eettii kanfatuuf ajajeera.
Ilmi obbooleessa Mugaabee Liiyoo Mugaabee murtee kanaan dureen kun dhimmicharrratti aangoo omaa hinqaban jechuu kufiiseera.
Uffata Mugaabee akka kennaniif ajaja
Pirofessar Foonteen garuu Nevertheless, Zimbaabwee keessatti waa'een du'aa, lakee fi afuuraa eddoo olaanaa qabaachuun siyaasa miidha jedhan.
''Wal dhabdeen amma waa'ee awwaalcha Mugaabeetiin walqabate ta'aa jiruus, kan sirna yaadannoo biyyaaleessaa pirezidaantiidhumti duraanii mataansaa uumaniifi gahee ofiin keessatti qabaataa turaniin'' jedhu.
Dureen aadaa biyyattiis murtee isaanitiin, Mugaabeen akka ''uffaataawwan isaafi waan qabuun hunda waliin bakka awwaalcha gootootaatti akka awwalamuuf ajajan. Dhimmoonni kunneenis Adooleessa 1n dura akka itti kennamu gaafatan.''
Ilmi obbooleetti Mugaabee Paatiriik Zhuwaa'oo, uleen aangoo dibata dureewwan aadaa 16n akka pirezidaantii Zimbaabweetti Mugaabee kennameefiira jedhamee amanamus waldhabdee kana duuba jiraachu mala jedha.
Pirezidaantiin ammaa Mnaangaagwaan wantoota akkasii fa'i akka barbaaduu madda oduu Afriikaa Kibbaa 'SABC'tti hime.
Sodaa xibaartuu
Dubbii himaan Mr Mnaangaagwaa Joorji Chaaraambaan, kan aangoo Mugaabee jalatti sadarkaa walfakkaatu kabaataa ture, yaada ulee aangoo pirezidaantiin duraanii qabaataa turan amma Mnaagaangwaan barbaadu jedhuutti ni qoofa.
''Qabsaa'aa farra-fiwudaalii sana gara Mootii yeroon irra darbeetti geedaru!! Jaalatamtoota lammiilee Zimbaabwee hubachuun ni gargaara!! jechuu tiwitara maqaa Jamwanda jedhu jalatti barreessan.
Haala qabatamaa aadaa siyaasaa walxaxaa keessatti, lafeewwan xibartuuf fayyadamamu danda'u.
Akkasumas baaltaan Girees Mugaabee abbaa warraa ishee bakka awwalcha maatiitti raawwachu kan dideef, akka diinni lafee qotee baasuun isheefi ijoollee ishee hin hubneef sodaatteeti jedhuus yeroo baayyeef oodeeffama.
Kaan ammoo eegumsa lafee abbaa warraashee tursiisuun bakka afuurri isaa itti waaqeeffatamu ofiisheetii ijaarachu barbaadeetii jedhu.
Kanaafuu waaqeeffannaan siyaasaa Mr Mugaabeen mataansaa wayita lubbuun tureetti jireenya ofiisaa irratti ijaaree, ammalleen lammiilee Zimbaabweetti awwalcha isaa keessaa rakkina uumaa jira.