Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Addunyaarratti gatiin nyaataa saffisaan qaala’aa jira-FAO
Haala waggoota kurnan darban keessatti argamee hin beekneen gatiin nyaataa saffisaan qaala’aa dhufuu Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii beeksise.
Dhaabbatichi haala gabaan nyaata idil-aadunyaairra jiru qoratee ilaaluun akka jedhetti, gatiin nyaataa ji’oota 12f walitti aansee dabaleera.
Rakkoo sababa weerara koronaavaayirasiirraa kan ka’een omishini gufachuu, rakkoo hojjetootaafi geejjibni gufachuun omishootarraan dhiibbaa geessiseera jedhe UN qorannoo isaa kanaan.
Gatiin nyaataa amallee kana caalaa qaala’uu akka anda’u yaaddoo qabu ibseera Dhaabbatichi.
Baasiin sababa qaala’insa nyaataatiin ba’us carraaqqii dinagdeen addunyaa akka dandamatu taasisuu gufachuu mala jechuun soda qabus dabalee addeesseera.
Mootummoota Gamtoomaniitti Dhaabbanni Nyaataafi Qonnaa (FAO)n gatii foonii, sukkaaraa, bu’aawwan aannanii, midhaan dibataafi dheedhotaa addunyaa irratti maal akka fakkaatu sakatta’eera.
Qorannoo gaggeesse kana irratti hundaa’uudhaanis, gatiin nyaataa sadarkaa addunyaatti kan bara 2011 galmaa’e amma caaleera.
Gatiin nyaataa maaliif dabale?
Gatiin midhaan nyaataa ji’a Caamsaa keessa %39.7n dabaleera. Kun ammoo Onkoloolessa bara 2010 booda gatii qaala’aadha jedhameera.
Akaakuu midhaan nyaataa Dhaabbatichi qorate shan walumaagalatti gatiin isaanii dabaleera. Haaluma kanaan gatiin midhaan nyaataa erga Fulbaaana 2011 as bifa kanaan dura argamee hin beekneen qaala’eera.
Akka gatiin midhaan nyaataa qaala’uun sababiin biroon fedhiin biyyootaa dabaluudha jedhameeras. Fedhiin dabaluu waliin faallaan ammoo omshni xiqqaateera akka FAOn jedhetti.
Sababa weerara Koronaavaayirasitiin sochiin dhorkamuu isaarraan kan ka’e omishini xiqqaachuun akka gatiin midhaan nyaataa qaala’u taasiseera.
Akka xiinxaltoonni jedhanitti, fedhiin dabalee yeroo hiyeessiin hir’atutti qaala’insi gatii ni uumama. Biyyoonni weerara Koronaavaayirasii ittisuudhaaf sochii dhorkanii turan yoo kaasanillee inagdeen isaanii raafamuun isaa waan hin oolle.
Gama biraan ammoo dameen dinagdee dafanii dandamatan ni jiru.
Akka raaga FAOtti, omishni mihaan nyaataa bara kana itti jiramu dabalee hanga tokko qaala’insa gatii ammaa kana tasgabbeessuu mala.
Qaala’insi jireenyaa maali, akkamiin uumama?
Qaala’insa jireenyaa kan jedhamu gatiin omishaafi tajaajilaaf kaffalamu dabaluu jechuudha.
Kiraa manaafi baasii geejjibaa dabalatee dhiibbaan qaala’insa gatii waan hedduu irratti ni mul’ata.
Namni tokko sochii dinagdee fayyaalessa ta’e akka hin qabaanne qaala’insi jireenyaa isa ni dhorka. Omishaafi tajaajila bitachuuf fedhellee gosa isaatiifi hanga isaa yeroo jijjiiru ykn daangessu ni jiraata jechuudha.
Yeroo qaala’ini gatii hin jiraanne ykn baayyee kan ol ba’e hin taanetti namni jireenya isaaf kan barbaachisu hangaafi gosa filate bitachuu andeessisa. Miindaan dhaabbileen gara garaa hojjetoota isaaniitiif kafalanillee gabboo kan qabu ta’a. Kun ammoo waliigala tasgabbiin dinagdee biyyaa akka jiraatu gochuu keessatti gahee ol-aanaa qaba.
Qaala’insi gatii osoo hin eegamiin mudateefi kan akka malee ol bahe yeroo jiraatutti ammoo faallaa kanaaatiin jireenya dhuunfaa miidhuurra darbee dinagdee biyyaas ni huba.
Baankiiwwan biyyoota hedduu qaala’insi jireenyaa %2 hanga %2.5 uumamuu akka danda’u tilmaama isaanii ni kaa’u.