'Osoo uummatni na gargaaruu baatee filannoon jiru sireerra ciisanii du'uudha'-Dr. Qananiisaa Laayyoo

Madda suuraa, Dr Qananiisaa Laayyoo
Itoophiyaa keessatti tajaajilli fayyaa bilisaa(health insurance) ogeeyyii fayyaaf hayyamame guutummaatti hojiirra ooluu hanqachuu isaatiin ogeeyyiin fayyaa akka salphaatti lubbuu dhabaa jiru jechuun Waldaan ogeeyyii fayyaa fi ogeeyyiin fayyaa BBC'n dubbise komatan.
Ogeeyyiin fayyaa gariin maallaqa waldhaansaa dhabuun du'aaf yoo saaxilaman, gariin ammoo deeggarsa uummataa gaafachuun lubbuu oolfachuuf dirqamu.
Dr. Qananiisaa Laayyoo hakiima Hospitaala Ispeeshaalaayizdii Naqamteeti.
Duula waldhaansa Covid-19 keessatti adda durummaan osoo qooda fudhachaa jiruu vaayirasichaan qabamee dhukkubbii jabaa lubbuu isaaf yaaddesse irraa fayyus, osoo hedduu hin turiin Kaleen isaa lamaan sadarkaa tajaajila kennuu hin dandeenyerra gahuu beeke.
Turtii BBC waliin taasiseen labsiin haaraan ogeeyyiin fayyaa tajaajila fayyaa bilisaan akka argatan ALI bara 2012'tti bahee, dhaabbileen fayyaas bara sanaaf qofa bajata keessoo isaaniirraa fayyadamuu akka danda'an labsame irraa akkasumas bara 2013 irraa eegalee bajata mootummaan ramaduuf waadaa gale irraa fayyadamuu akka hin dandeenye hime.
Lubbuudhaan turuuf waldhaansa kalee qulqulleessuu(dialysis) yeroo yeroon gochuun irraa eegamuufi gatiin isaa akkaan qaalii ta'e hospitaala kan mootummaa ta'e Phaawuloosiitti bilisaan argachuuf yaaliin ji'aa oliif gochaa ture fudhatama dhabuu akka fakkeenyaatti ibsa Dr. Qananiisaan.
''Wanti baayyee si gaddisiisuu kalee miiccachuun dirqama yeroo turetti hospitaala mootummaa ani itti yaalamu Phaawuloositti tola miiccisiisuuf hayyamsiisuuf ji'a tokkoo ol deddeebinee ta'uu didnaan gara dhuunfaatti deemne.''
Fulbaana darbe dhibeen kalee sadarkaa dhumaa isa qabuun erga beekamee booda, ji'oota afuriif Finfinneetti yaalamaa akka tureefi baasiin waldhaansa fayyaa isaa ammoo akka muuxannoo biyyoota kaaniitti bilisa ta'uun osoo irra jiruu gargaarsa uummataa gaafachuuf dirqamuus hima.
Boodas Kaleen obboleessa isaa ulaagaa waldhaansa kalee bakka buusuu(kidney transplant) guutuu isaatiin baasii birrii miiliyoona 1.2 ta'u deeggarsa uummataarraa argameen biyya Tarkiitti ji'oota sadiif waldhaanamaa erga turee biyyatti deebi'eera.
''Guraandhala 25,2021 gara Tarkii deemne. Achitti sakatta'iinsa garaagaraa erga godhanii booda yeroon biyyattii kalee miiccisiisaa ture dhibeen biroon 'hepatitis c' na qabatee ture argamee jennaan dabalataan ji'a lamaaf yaala dhibee sanaa fudhachaan ture,'' jedha.
''Waldhaansa koof gatiin hospitaala waliin waliigalame jalqaba $25,000(birrii miiliyoona tokko) ture yeroo achi geenyu sharafni waan dabaleef birrii miiliyoona 1.2 gahe, yaaliin dhibe tiruu gosa C jedhamuus gatiin isaa qaalii ta'e $16,000(birrii 600,000) nu gaafateeraa'' jedha Dr Qananiisaan.
Dr Qananiisaan waldhaansa argachuuf biyya Tarkii guyyoota 92 turuufi guyyoota kana keessaa guyyoota 72'f baasiin isaa waliigaltee waldhaansaa keessa kan hin jirreefi addatti kaffalaa turuu hima.
Miindaa ogeessaa fayyaa harkaa gara afaanii hin geenye qabna kan jedhu Dr Qananiisaan, ''uummatni gargaarsa akka naa godhu karaa garaagaraan gaafachuun dirqama turee,'' jedha.
Qajeelfamni mootummaan ALI bara 2012 baase tokkoyyuu hojiirra akka hin oolle anarra gahee argeera kan jedhu ogeessi kun, ''osoo gargaarsi uummataa naa qaqqabuu baatee filannoon tokko hin jiru, filannoon jiru sireerra ciisanii du'uudha'' jedha.
Uuummata iyya isaaf birmatee isa gargaares galataffateera.
Osoo qajeelfamni bahe hojiirra oolee ogeeyyiin fayyaa jireenya isaanii harkaa gara afaanii ta'e cinaatti dhibeewwan salaphaan du'uurraa baraaramuu danda'u turee jedha Dr Qananiisaan.
Qajeelfama hojiirra oluu hanqatee ogeeyyii fayyaa du'aaf saaxile
Ogeeyyiin Fayyaa Itoophiyaa keessa jiran waggoota lamaa oliif sirna fayyaa biyyattii wayyeessuu keessatti fayidaalee bu'uuraa isaaniif guutamuu malan irra deddeebiin mootummaa gaafachaa turan.
Gaaffilee hedduu dhiyeessan keessaa tokko inshuraansii fayyaa kan waldhaansa fayyaa bilisaa ofii fi maatii isaaniif kennamudha.
Gaaffiin kun qaama mootummaan fudhatama argatee labsiin kana hayyamu bahe magaala Finfinnee fi naannolee biyyattii garaagaraa keessatti hojiirra oolus, Oromiyaa keessatti ALI bara 2012 keessa dhaabbileen fayyaa yeroodhaaf bajata mataa isaaniirraa ogeeyyii fayyaa isaanii akka yaalchisan qajeelfamni bahee ture.
''Sirni fayyaa ogeessa fayyaa malee ijaaramuu hin danda'u''
ALI bara 2013'f ammoo mootummaan bajata kanaaf oolu addatti ramaduuf waadaa galee ture.
Ogeessi fayyaa BBC'n dubbise Dr. Guutaa Gurmeessaa qajeelfamni mootummaan baaseefi waadaan galame raawwatamuu dhabuun lubbuu ogeeyyii fayyaa hedduu du'aaf saaxilaa jiraa jedhu.
Akka fakkeenyaattis Hakiima Dr Dirribaa Margaa ji'oota dura waahillan isaa maallaqa waldhaansaaf ta'u walitti qabuun lubbuu isaa baraaruuf osoo socho'anii lubbuun darbuu kaasu Dr Guutaan.
''Sirni fayyaa ogeessa fayyaa malee ijaaramuu hin danda'u. Ogeessa fayyaa bajatni meeqa itti bayee waggaa meeqa eegamee omishamu kana akka salphaatti dhabuun ammoo biyya hangam akka miidhu hundu ni tilmaama'' jedhu Dr Guutaan.
Ogeessii fayyaa qoricha mataa bowwoollee maallaqa kiisii isaatii baasee bitaa jira kan jedhan Dr. Guutaan, inshuraansiin fayyaa ogeessa fayyaa fi maatii isaaf hayyamamuun ''ogeessa fayyaaf dafnee qaqqabuu akka dandeenyufi ogeessi hawaasa tajaajilasaa eegu hamilee horatee akka gargaaru fayyadas'' jedhu.
Pireezidantii Waldaa Hakiimota Oromiyaa kan ta'an Dr Jiilchaa Dirribii waggoota lamaan darban fooyya'iinsa sirna fayyaa biyyattii keessatti ta'uun irra jiruufi faayidaa ogeeyyiin fayyaa argachuu malan ilaalchisee gaaffilee hedduu dhiyeessaa akka turan BBC'tti himaniiru.
Kanuma hordofee mootummaan ogeeyyiin fayyaafi maatiin isaanii bilisaan waldhaansa fayyaa akka argatan qajeelfama baasus, qajeelfamni kun magaalaa Bishooftuun alatti Oromiyaa keessatti guutummaatti hojiirra oolaa hin jiruu jedhan.
''Dhaabbileen fayyaa hedduun qajeelfama kana ukkaamsanii kaahan. Hangan beekutti qajeelfama kana hojiirra oolchaa kan jiru Hospitaala Bishooftuu qofa'' jedhu Dr Jiilchaan.
''Bajata mootummaan bara 2013'tti ramaduuf waadaa gales hanga ammaa hin argine'' jedhu.
Magaala Finfinnee keessatti Hospitaalota akka Phaawuloos fi Yakkaatit 12 inshuraansii fayyaa ogeeyyii fayyaa isaaniif kennaa akka jiran, Naannoon Amaaraa dursee qajeelfama kana hojiirra oolchuuf socho'aa akka tureefi Naannoo Uummattoota Kibbaattis hojiirra akka hin oolle quba akka qabaniis himaniiru.
Ogeeyyiin fayyaa sababa labsiin kun hojiirra ooluu hanqateefi maallaqa waldhaansaaf ta'u dhabuurraa kan ka'e osoo yaalamanii fayyuu danda'anii du'aa jiraachuu pireezidantiin Waldaa Hakiimota Oromiyaa Dr Jiilchaan himaniiru.
Mootummaan ogeeyyii fayyaa biyya ormaatti ergee yaalchisuuf humna dhabullee biyyuma keessatti bilisaan yaalamuu akka danda'an qajeelfama baase hojiirra akka oolchu gaafannaas jedhaniiru.
Komii ogeeyyii fayyaarraa ka'u kanaaf deebii akka kennan hoogganaa Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa kan ta'an Dr. Mangistuu Baqqaalaa bilbilaan dubbifnee komiin kun sirrii ta'uu amaniiru.
Haata'u malee rakkoowwan raawwii qajeelfama bahe mudatan jedhan irratti odeeffannoo dabalataa nuu kennuuf beellama nuu qabanis deebifnee argachuu hin dandeenye.













