Jarmanitti baqattuun lammii Itoophiyaa daa’imashee ganna lamaa waliin ajjeefamte

Jarman Baayiran Koroonaah’tti kaampii baqattootaa keessatti lammiin Itoophiyaa daa’imashee waggaa lamaa waliin ajjeefamuutu dhagahame.

Hiriyyoonni dubartii Haayimaanoot Gabirasillaasee jedhamtuu BBCtti akka himanitti haatiifi daa’imni Dilbata darbe Caamsaa 22,2021 gara galgalaa sa’aa 11:00tti ajjeefaman.

Haadhaafi intala waan qara qabuun waraanee boba’aa itti firfirsuun ibidda qabsiisee ajjeesuun kan shakkame lammii Moorookoo nama ganna 30 keessa jiruufi jaalallee duraanii Haayimaanoot ture, jechuun hiriyyoonnishee Tihitinnaa Tsaggaawuufi Wandwasan Fantaahuun dubbatu.

Shakkamaan kuni gochaa sana erga raawwateen booda ofirrattis boba’aa firfirsuun miidhaa geessisuufi poolisiin to’atamee gara hospitaalaa geeffamuu hiriyyoonni Haayimaanoot dubbatu.

Haaymaanoot nama ganna 31 yoo tahu waggoota torbaaf kaampii baqataa keessa jiraatteetti.

Gaazexaan Jarman keessatti maxxanfamu Firaankanpoost oduu gaafa Dilbataa baaseen Poolisiifi abbaan alangee Koobarg shakkamaa lammii Morookoo ganna 34 irratti qorannoo taasisaa akka jiru gabaaseera.

Namni kuni haala fayyaa yaaddessaa taherra jiraatus abbaan alangee ajaja hidhaa itti baasuun himameera. Firaankanpoost dubartiin ganna 31 fi daa’mnishee waggaa lamaa mana jireenyaa isaanii keessatti ajjeefamuu gabaaseera.

Akka gabaasa kanaatti shakkamaan kuni gara gamoo mana jireenyaa haadhaafi mucaan deemuun albeedhaan waraanee hin ajjeesiin hin oolle.

Dubartoonni sadii gamoo sanarra jiraatan battaluma poolisiif akka bilbilan gaazexaan kuni eereera. Mana jireenyaa kana keessatti ibiddi kan ka’es yerooma sana dha.

Namni kuni dhiibbaa tokko malee fedhiisaatiin haadhaafi intala irratti ibidda akka qabsiise poolisiin shakkuu Firaankanpoost ibseera.

Reeffi haadhaafi intalaas hojjettoota yeroo balaatiin argame. Akka gaazexaa kanaatti yoo tahe shakkamichi ibidda keessa karaa barandaa utaalee yeroo bahuuf jedhu balaa jireenyasaaf yaaddessurra of buuseera.

Qorannoon reeffaa haadhaafi intalaa akka agarsiisutti daa’imni waggaa lamaa waan qara qabuun waraanamtee yoo duutu haati garuu haaduu dhaan miidhaan irra gahus kan duute garuu erga ibiddi ka’ee booda tahuu gaazexichi barreesseera.

Manca’insi gamoo jireeenyaa isaaniirraan gahes birrii miiliyoona lamaa ol baasa jedheera gaazexichi.

Hiriyyoonni ishee itti dhiyaatan maal jedhu?

Tihitinnaa Tsaggaawu hiriyyaa dhiyoo Haayimaanoti dha. Kan jiraattus Jarman magaalaa Baayiran Kooronaah keessa dha.

Manni jireenyaa ishee kaampii baqattota irraa fageenya adeemsa daqiiqaa shaniiti.

Haayimaanoot waliin sa’atii ajjeefamte jedhame sa’aa shan dura walii bilbilanii akka ture dubbatti.

Namni ganna 34 kuni yeroo daa’ima qabattee adeemtu ‘nan si ajjeesa’ jechuun itti dhaadachuu itti himtee turte.

Haa tahu malee namichi dhukkuba sammuu ijaa hin qabneef kana narratti raawwata jettee akka hin yaanne natti himte jetti.

‘’Waan hammaataa fida jedhee ijaa hin yaadneef, dhimmisaa poolisiin waan qabameef ‘hin sodaatiin, jabaadhu’ ittiinan jedhe,’’ jetti.

Sa’atii muraasa booda sagalee heliikooptariifi konkolaataa yeroo balaa dhageesse. Dubbiin bitaa itti tahus waca nama koronaavaayirasiin qabame fuudhuuf tahaa jiru itti fakkaate.

Gara manaatti deebitee yeroo galtu ergaan gabaabaa ishee qaqqabe-‘’kaampii baqattootaatti ibiddi ka’eera,’’ kan jedhu. Gara bilbila namoota beektutti bilbilte. ‘’Gudii nu godhe!’’ deebii jedhu argatte. Kallattiimaan gara iddichaatti deemte. Yeroo achi geessu poolisiin reeffa haadhaafi intalaa baasaa ture.

Shakkamichi haadhaafi intala balbala cabsee seenuun waan qara qabuun qoma isaaniirra waraanee ajjeese. Achii ibidda itti qabsiise.

Namni kuni ofirrattis boba’aa firfirsuun of gubeera.’’ Jechuun BBCtti himteetti.

Akka Tihitinnaan jettutti namichi jaalallee Haayimaanoot ture.Hiriyyummaa ji’aataaf ture qabu ture. Kaampii sana keessa lamaanuu qofa, qofaa jiraatu ture. Inni kutaa dhiirotaa, isheen immoo kan dubartootaa garuu immoo ollaa turanii jetti.

Haa tahu malee aadaafi amalaan waliigaluu ijaa hin dandeenyeef adda bahani.

Inni garuu isheerraa adda bahuu hin barbaadu ture.

Dubbiin isaa waan ishee yaaddesseef yeroo garaagaraatti poolisiitti boo’aa beeksiisaa turte jetti.

‘’Boo’ee yeroon isaanitti himu yaaliin sammuu si barbaachisa jechuun deemi naan jedhan,’’ jettee natti himtee beekti jetti hiriyyaan ishee kuni.

Akka Tihitinnaan jettutti buufatni poolisii turjumaana afaan Amaaraa dhaabee dhimma kanarratti sa’atii lamaaf af-gaaffii godheefii ture.

Haa tahu malee mootummaan yoo iddoo jijjiire malee fedhiidhaan iddoo biraa deemuun waan hin danda’amneef achuma turuuf dirqamteetti jechuun dubbatti.

Shakkamaan lammii Morookoo kuni eeyyama kooluugaltummaa argatee dhiyoo kana hojii jalqabee ture.

Kaampii kana keessa namoonni rakkoo fayyaa sammuu fi garaagarummaa aadaa qaban ijaa jiraniif rakkoon akka kanaa ni uumama jetti.

Kana duras lammiin Afgaanistaan tokko ajjeefamuu himti.

Hiriyyaan Haayimaanot inni biraan Wandwasan Faantaahuun Jarman Baayermuuniik jiraata.

Haayimaanoot erga Jarman galteen booda wal-barre jedha.

‘’Ajjeefamuu isaaniin daqiiqaa 20 dura naa bilbiltee ture’’

Wandwasan waggootaaf kaampii sana keessa jiraachaa ture. Achi kan gales ishee dura dha. Hiriyyoota gaariis turani.

Ajjeefamuusheen daqiiqaa 20 duras naa bilbiltee turte. Karaarra ijaan turee bilbilashee hin kaasne ture jedha.

Yeroo dhumaaf kan haasa’an garuu gaafa Sanbataa ture. Kaampii jirturraa geeddaruuf xalayaa galchuu akka feetu ture kan haasa’an.

Haayimaanoot sodaa akka qabdu isaafi hiryyootashee biraatti himaa turte, iddooshee geeddaruuf otoo adeemsarra jirtuu duute jedha Wandwasan.

Innis kaampii baqattootaatti ibiddi mudachuu oduu irraa dhagahee yeroo garasitti bilbilu ‘’ajjeefaman’’ waan jedhu dhagahe jedha.

‘’Akka namicha tahe hin shakkine daa’imni homaa hin beekne garuu kuni irra gaha jedheen takkaa hin shakkine,’’ jedha.

‘’Haayimaanot nama namootaaf kennamteefii hiriyyee koo gaarii turte,’’ jedha.

Wandwasan sababa isheetiin lammii Morookoo sanaa waliinsi wal-beeka. ‘’Namichi nama gaarii ture, mucaashees ni kunuunsa ture. Garuu garaagarummaan aadaa ijaa jiruuf dubartiin nama gara biraa maaliif ilaalti jedha, ‘’natti geeddarame’’ naan jechaa turtes,’’ jedha.

Sababa kanaan waliin jiraachuu akka hin dandeenye haasa’anii gargara bahanii turan. Tahus al lamaan tokko dhufee ishee reebee ture jedha hiriyyaanshee kuni

‘’Jalqaba yeroo poolisiitti iyyattu gurbaan akka bira hin geenye furamaata kennuu danda’u ture. Poolisiin boodatti jechuun isheefi daa’imashee nu dhabsiiseera,’’ jechuun himata.

Yeroo ammaa hiriyyoonni Haayimaanot reeffa gara Finfinneetti erguuf qarshii walitti qabaa akka jiran BBCtti himaniiru.

‘’Koroonaan magaalaa xiqqoo dha. Kaampichi buufata poolisiitti dhiyoo dha. Garuu poolisoonni daqiiqaa 20 booda dha kan qaqqabani, hojii isaanii sirnaan bahachuu dhiisuutiinis seeraan gaafatamuu qabu,’’ jedha Wandwasan.

Dhimma kana ilaalchisee embaasii Itoophiyaa Jarman jiru gaafachuu yaallus hin milkaa’in hafeera.