Israa'el-Gaazaa: US lola booda Gaazaa deebisanii ijaaruu nan gargaara jette

Palestinians sit in a makeshift tent amid the rubble of buildings destroyed in Israeli air strikes in Gaza (23 May 2021)

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Manneeniifi iddoowwan daldalaa 1,000 ol tahan haleellaa Israa'elin barbadaa'e jedhu anga'oonni Paalastaayin

Waliigalteen waraana dhaabuu Israa'eliifi gareewwan hidhattootaa Paalestaayin gidduu taasifame lafa akka qabatuufi Gaazaa deebisanii ijaaruuf nan tumsa jechuun US waadaa galte.

Erga minisitira muummee Israa'eliin haasawaniin booda, Ministirri Hajaa Alaa Ameerikaa Antonii Bilinken, irra deebiin gara lolaatti akka hin deebineef, rakkoolee namoomaa haalaan yaachisoo tahan furuun daran murteessaadha jedhan.

Itti dabaluun garuu, Ameerikaan gareen hidhattootaa Gaazaa bulchu Hamaas, kanarraa akka hin fayyadamne ni mirkaneessiti jedhan.

Kana malees Aabba Bilinken, Ameerikaan mirga ofirraa qolachuu Israa'el ni deeggarti jedhan.

Lolli waraanaa guyyoota 11f turee Jimaata dabre jaarsummaa Masriin dhaabbate, namootni 250 ol lubbuu itti dhabaniiru - garri caalu Gaazaa irraati.

Waraanni kun kan dhalate erga muddamni Israae'liifi Paalestaayin gidduutti torbanootaaf Jerusaalem Bahaatti ture hammachuun, bakka amantaa qulqulluu jedhamee fudhatamutti hokkorri erga dhalateen boodadha.

Kana hordofees Hamaas, Israa'el bakka sanaa akka baatu erga akeekkachiisee booda rokkeettii dhukaasuu eegale, Israa'elis haleellaa haaloo bahuu fudhachuu eegalte.

Aabba Bilinken daawwannaasaanii Baha Giddugaleessaa guyyoota sadii Jerusaalemitti kan eegalan oggaa tahu, Ministira Muummee Israa'el Beenjaamin Netaaniyaahuu wajjin walarganiiru. MM Netaaniyaahuu wayita lolaatti ''mirga ofirraa qolachuu Israa'elif deeggarsa cimaa godhaniif'' galateeffataniiru.

''Mirga ofirraa qolachuu qabnu akka salphaatti hin ilaallu: Hamaas waliigaltee cabsuun Israa'el kan haleelu taanaan, deebiin keenya garmalee cimaa ta'a,'' jechuun Netaaniyaahuun akeekkachiisan.

Ministirri muummichaa dabaluun sirna ittisa haleellaa qilleensaa 'Iron Dome' jedhamu waan keessaa hanqate deebisanii guutuufi Hamaas meeshaalee haaraan akka hin hidhanne gochuuf mari'achuu isaanis himan.

US Secretary of State Anthony Blinken and Israeli Prime Minister Benjamin Netanyahu hold a joint news conference in Jerusalem (25 May 2021)

Madda suuraa, Reuters

Aabba Bilinken akka jedhanitti waraana dhaabuu torbee darbe duuba, dippiloomaasiin golgaa duubaa Pireezidantii Amerikaa Joo Baayidan akka ture eeran.

Dabaluunis: ''Irra deebiin gara lolaatti akka hin seenneef, waltajjii uumametti fayyadamnee, danqaalee sababa tahan furuuf hojjechuu akka qabnu beekna. Kunis kan eegalu rakkoo namoomaa hamaa Gaazaa keessa jiru furuufi ijaarsa eegaluuni,'' jedhan.

US deeggarsa qaamolee idiladdunya tumsuuf hojjechuun cinatti ''gumaacha guddaa ofillee ni gooti,'' jechuun, kunis boodarratti ibsama jedhan.

Aabba Bilinken dabaluun Hamaas qarqaarsa taasifamu kanarraa bu'aa akka hin arganne ni mirkaneessina jedhan.

Hamaas US, Gamtaa Awurooppaa, UK fi Israa'eliin garee shororkeessaa jedhamee labsameera.