WhatsApp qajeelfama itti fayyadamaa haaraa borirraa eegalee hojiirra oolcha

WhatsApp qajeelfamaa fi dirqama itti fayyadamaa haaraa hojiirra oolchuuf guyyaan dhumaa inni qabatee ture xumuramaa wayita jirutti, ergaawwan dhimma kanaan walqabatan kan fayyadamtootaaf ergaman akkaan heddummaataniiru.

WhatsApp fooyya'iinsaa fi jijjiiramoota akkaataa itti fayyadamaa fi qajeelfama isaarratti taasise guyyaa borii irraa eegalee hojiirra oolcha.

Fayyadamtoonni WhatsApp erga miidiyaan hawaasaa kun qajeelfama itti fayyadamaa fooyyessuu isaa beeksisee eegalanii seerota haaraa ba'an irratti waliigaluu qabu.

Maamiloonni qajeeltoo fi dirqama haaraa miidiyichi baafate hin simanne tajaajiloota hedduu hin argatan.

Miidiyaan hawaasaa addunyaarratti guddicha ta'e kun erga qajeelfama haaraa baafachuu ibsee as maamiloonni akk irratti waliigalaniif ergaawwan yaadachiisaa irra deddeebiin ergaa ture.

Jijjiiramni taasifamu irra jireessaan quunnamtii jaarmiyaalee biizinasii fi maamiloota isaanii gidduutti taasifamu irratti xiyyeeffata.

Akkaataa fooyya'iinsa taasifame kanaan WhatsApp fi Feesbuukiin odeeffannoo waliif qoodu, fooyya'iinsa Amajjii darbe keessa taasifamerratti qabxii ijoon komii kaasise isa kanadha.

Haata'u malee qajeeltoo haaraa kana keessatti dhimmi miidiyaalee hawaasummaa lameen gidduutti odeeffannoon qoodamuu jedhu keessaa haqameera.

Maamiloonni qajeelfama haaraa hin fudhanne akkaawuntiin WhatsApp isaanii jalaa cufamuu baatus, akka kanaan duraa ergaa barreeffamaa, sagalee fi viidiyoodhaan waliif erguu hin danda'an.

Nageenya amansiisaa qabaachuunsaa kan leellifamu WhatsApp, jalqaba irraa hanga dhumaatti odeeffannoon namoonni waliif qoodan iccitiidhaan akka qabamu hojimaata taasisu qaba.

Kana jechuun ergaan barreeffamaan, sagalee fi viidiyoodhaan ergame, nama ergee fi nama ergameef gidduutti hafa malee harka qaama biraa seenuu hin danda'u jechuudha.

WhatsApp jalqaba wayita qajeelfamaa fi seera haaraa ifa godhu, kanneen armaan gadii dabalatee odeeffannoowwan adda addaa Feesbuukiif akka qoodamu ibsee ture.

  • Lakkoofsa bilbilaa dabalatee odeeffannoowwan WhatsApp banachuuf fayyadan, kanneen akka maqaa
  • Gosa bilbilaa maamilootaa-Kun gosa mobaayilaa fi kaampaanii oomishee dabalata
  • Lakkoofsa addaa bilbilaa(lakkoofsa eenyummaa bilbilaa ibsu-IP address- Kun ammoo bakka maamiloonni itti argaman kan eeruudha
  • Kaffaltii fi daddabarsa maallaqaa karaa WhatsApp gaggeeffamu

Haata'u malee qajeelfamoonni haaraan WhatsApp baase kun biyyoota seera iccitii dhuunfaa(privacy laws) hojiirra oolchan kanneen akka Awurooppaa fi UK keessatti hojiitti hin hiikaman.