Yeesuraalem: Walitti bu'iinsa alkan Israa'elootaafi Filisxeemota gidduutti umameen baayyeen madaa'an

Madda suuraa, Reuters
Walitti bu'iinsa poolisoota Israa'eeliifi Filisxeemotaa jidduutti akka haaraatti Yesusaalam keessatti Sanbata kaleessaa umameen hedduun miidhaman.
Mormitoonni magaalaa durii seensa Damaasqootti dhagaa poolisootattii yoo darbatan, poolisoonni ammoo bishaaniifi aara imimaaneessaaniin ittisuuf yaalaa turan.
Gareen wallaansaa Filisxeemotaa akka jedhaniitti, namoonni 90 miidhaaf saaxilamaniiru. Gama Israa'eeliin ammoo yoo xinnaate qondaalli poolisii tokko hubameera.
Gayyaa Jimaataas Filisxeemonni 200 fi poolisoonni Isiraa'ee 17 dhiheenya masjiida Al-Aqsaatti miidhamanii turan, akka maddeen hojjattoota yeroo atattamaafi poolisii jedheetti.
Masjidni Al-Aqsaa kan Yarusaaleemitti argamus lafa Islaamaan beekamaa yoo ta'u, bakkisaa ammoo warra Yihudootaaf ammoo lafa qulqulluu akka Gaara mana Waaqayyootti beekamudha.
Bakkeen kun lafa yeroo hunda wal dhabdeen irratti ka'u yoo ta'u, kan Jimaata darbee garuu baroota keessaa isa baayyee cimaa akka ta'e himama.
Haraarsitoonni Jiddu gala Bahaa- US, Gamtaan Awuroppaa, Raashiyaafi Mootummoonni Gamtoomanii Sanbata jeequmsicharratti baayyee yaadda'u ibsaniiru.
Gama biraatiin ammoo guyyaa Sanbata kaleessaa waraanni milishoonni Filisxeem Qarqara Gaazaa irraa gara Israa'eeliitti rookkeettii dhukaasuu himeera.
"Deebii kennuuf jecha humni qilleensaa keenya buufata waraana Hamaas kan kibba Gaazaa keessaa rukuteera," jedhe Humni Raayyaa Israa'el karaa twitaraatiin.
Raayyichi dhimmicharratti odeeffannoo gadi fagoo kennuu baatulleen midiyaalee Israa'el garuu rookkeettichi dirreerra waan bu'eef miidhaa omaa hin qaqabsiifne jedhan.

Madda suuraa, Reuters
Walitti bu'insi Sanbataas wayita amantoonni kumaatamni Masijiida Al-Aqsaatti kadhachuuf deemaniitti ture.
Addeessi Diimaa Filisxeem namoonni 90 miidhamuufi 14 hospitaala seenuu beeksiiseera.
Sanbata ganama poolisoonni Israa'el atoobisoota waaqqeeffattoota baatanii gara masjiidaatti imalaa turan dhaabsiisan.
"Akka kadhannaa taasifnuuf nu hin barbaadan. Guyyaa hunda lolaafi walitti bu'insatu jira,'' jedha Mahmuud al-Maarbu'aa Rooyitarsiitti yoo himu.
MM Israa'el Biniyaamiin Netaaniyaahuun biyyisaa seeraafi tasgabbii, akkasumas bilisummaa waaqeeffannaa kabachiisuuf of eeggannoon hojjataa jiraachuu himan.
Dureen Filisxeemotaa Mahaamuud Abbaas, 'haleellaa cubbamaa' jechuun Israa'eliin balaaleeffatan.














