Biyya qote-bulaan omishasaatti hin fayyadamne Itoophiyaan’ akkamiin qaala’iinsa jireenyaa hir'isuu dandeessi?

Adeemsi omishni tokko qotee-bulaa irraa hanga gara fayyadamtoota bira ga’uuf keessa darbu qindaa’aa akka hintaane ogeessonni dinagdee hedduun irratti waliigalu.

Dhimmi kun qaala’iinsa jireenyaatiif gumaacheeraa laata? Dhimmoon biraa gummaachi wayi jiraatu? Fallisaa hoo maali laata? Gaaffiilee kanneeniif deebii argachuuf jecha oggeessoota dubbifneera.

Ogeessonni dinagdee akka jedhanitti, adeemsi omishni bakka itti omishamerraa hanga tajaajilamtoota bira ga’u jiru, guddina biyyaatiif utubaa wantoota ta’an keessaa tokkodha jedhu.

Adeemsa dhiyeessii salphaatti agarsiisuuf, bunni Jimmatti omishame hanga fayyadamtoota Finfinnee jiran bira ga’ee dhugamutti, gulantaa hedduurra darbeetu.

Kan omishu jira, isarraa fuudhee kan jumlaadhaan raabsu jira, jumlaadhaan bitee kiiloodhaan kan gurguruufi kan bitee dhugu kana hunda hammata.

Adeemsi kun jireenya keenya guyyuu waliin hariiroo akkamii akka qabu haa ilaallu.

Namni qaala’iinsi jireenyaa isaan yaaddesse tokko ‘gatiin shunkurtii bakka omishaa Naannoo Amaaraa jiruufi magaalaa gidduu jiru hedduu wal-caaluun isaa baay’ee nayaaddessa’ jedhanii fuula Tiwiitaraa isaaniirra barreessanii turani.

Ofii, qaala’iinsi jireenyaafi adeemsi dhiyeessii walitti dhufeenya qabuu? Osoo sun sirraatee jijjiiramni ni dhufaa?

"Dhugumatti walitti dhufeenya qabu, haata’u malee sababoonni biroo dhiibbaa caalu qabu," jedhu Piroofeesar Alamaayyoo Gadaa, Yunvarsiitii finfinnee irraa.

Akka piroofesarichi jedhanitti, sababoota afurtu jiru.

"Inni jalqabaa dandeettii omishuuti. Dandeettiin omishuu keenya heektaaraan wayita safaramu gadi bu’aadha. Fakkeenyaaf, omishni qonnaa waggaatti kan guddatu harka 2.5 qofadha, kunis lakkoofsa ummataa waliin yoo ilaalamu xiqqaadha.

Gosa omishaatiin gargar ta’uu mala. Waliigalatti garuu ga’aa miti.’’

"Sababa lammaffaa ta’ee kanin arge, ganna 12/13 darbetti nootiin birrii humnaa ol maxxanffamaa ture. Fakkeenyaaf 2000 ALI ammeentaan qarshii Itoophiyaa keessa ture birrii biiliyoona 67 dha. Amma biiliyoona 870 ga’eera. Sana jechuun giddu-galeessaan %30 guddachaa ture jechuudha."

Ammeentaan qarshii garuu %4 ykn 5 darbuu hin qabu ture jedhu.

Sababni sadaffaanis maallaqa waliin kan wal-qabatu yoo ta’u, humni birrii Itoophiyaa dadhabaa dhufuudha.

"Keessumaa mootummaan haaraan erga dhufee as, humni qarshii dadhabaa ykn rakasaa dhufeera.

Meeshaaleen galtee indastrii akkasumas boba’aafi kan biroo hedduun biyya alaarraa bitamu, wayita humni qarshii dadhabuttis gatiin meeshaalee kunneenii niqaala’a. boba’aan birrii 21 bitamaa ture amma 40 galeera."

Piroofeesar Alamaayyoon sababa afraffaa kan jedhan adeemsa dhiyeessii waliin wal-qabata.

"Sababni afraffaan daldaaltonni bu’aa akka malee argachuudha. Fakkeenyaaf, qarshii qotee-bulaan tokko shunkurtaa omishee itti argatuufi daldaalaan Finfinnee jiru argatu garaagarummaan isaa mataa nama qabachiisa.

Qutee-bulaan omaa hin argatu. Biyyoota guddatanitti daldaalaan %20 yoo buufate waan guddaadha. Itoophiyaa keessatti garuu %100-200 buufatu.’’

Kanaaf falli maali?

Akka ogeessi kun jedhanitti, fallisaa rakkinootuma kunneen garagalchuudha. Kun akkamiin? isa jedhu ni ibsu.

Falli jalqabaa omisha guddisuudha.

Akka barsiisaan saayinsii dinagdee kun jedhanitti, omisha guddisuuf invastimantii guddaatu barbaachisa. Yeroo gabaabaa keessatti jijjiirama fiduuf garuu jallisiitti fayyadamuutu fala.

"Omishni waliigalaa guddachuu baatus, waggaatti yeroo lama omishuu dandeenye jechuudha. Kan silaa kuntaala shan argannu si’a lamaan 10 arganna. Furmaata yeroo dheeraa kan natti fakkaatu kanadha."

Dargaggoota hojii dhabdoota guutanii jiran gara kanatti galchuun ammoo daran mishaa dha.

Furmaanni lammeessoo imaammata maallaqaa baasuudha.

Ta’uu baannaan, liqii fudhatamu fala gubbaatti eerame milkeessuuf oolchuudha.

Lakkoofsi qarshii maxxanffamuu xiqqaachaa dhufeera. Suni waan jajjabeeffamudha. Qarshiin maxxanfame eessa seene? Kan jedhu garuu deebifamuu qaba. Osoo omisha dabaluuf ooleera ta’ee silaa rakkoo tokko hanqise jechuudha.’’

Sababni sadaffaan humna qarshii gadi buusuu dhiisuudha.

Bulchiinsa MM H/M Dasaalanyirraa kaasee humni qarshii gadi buufamuu hin qabu jedhee falmachaan ture jedhani.

"Ammeentaan meeshaalee biyyaa baasuun gurgurru kan garanatti galfamuun wal-gituu baannaan jijjiiramni hin jiru. Ganna 10 darbaniifis meeshaan alatti erginu hin guddanne. Kan biyya seenus akkuma ol ka’aa ta’etti jira. Maallaqni humni yoo gadi bu’u ammoo, gatiin meeshaalee alaa galchinu akka malee dabala."

Piroofeesarichi fala afraffaa yoo himan, adeemsa dhiyeessii osoo sirreessinee gatiin meeshaalee gadi bu’a ture.

"Malli jiru to’annoodha. Daldaalaa to’attee garuu hin dandeessu. Finfinnee keessa qofa daldaaltota kuma 200 caalantu jiru. Nan t’oadha jennaan rakkootu dhalachuu mala.

Anaaf fala ta’ee kan natti mul’atu, dhuunfaafi mootummaadhaan wal-ta’uun gabaa gandoota hundatti hundeessuudha. Keessumaa meeshaalee bu’uuraa hawaasaaf dhiyeessuuf. Waldaalee omishtootaafi shamattootaa kan jedhaman jiru, ta’us hannaan kan guutamanidha.

Kanaafuu ammeentaa bu’aa argatamuu qabu daangaa kaa’uun haala seer-qabeessa ta’een dhuunfaafi mootummaan miiltoo ta’anii akka hojjetan osoo taasifamee fala ta’uu malan jedha,’’ jedhani.

Garuu gabaawwan kunneen meeshaalee bu’uuraaf qofa ta’uu qabu.

Dhiyeessiin Itoophiyaafi biyyoota ollaa keessatti yoo ilaalamu

Keeniyaa akka fakkeenyaatti yooo fudhanne jedhu Piroofeesar Alamaayyoon, mootummaan teeknooloojiitti fayyadamuun gatiin omishtootaafi warreen bitee fayyadamu gidduu jiru akka hin bal’anne taasisuun, bu’aasaa deebisuun qonnaan-bulaaf haala isa dandeessisu diriirsee jira jedhu.

"Kaayyoonsaa bu’aa sana qotee-bulaaf deebisanii raabsuudha. Fakkeenyaaf dhaabbilee fayyaa banuu, manneen barumsaa ijaaruufi wantoota akkasii diriirsuu irratti xiyyeeffata."

Lammiin Keeniyaa hojimaata kana hundeessaa jiran akka jedhanitti, teeknooloojiiwwan kan akka ‘Raayid’ fi ‘Uubar’ fayyadamuuf yaalaa jiru.

"Kaayyoon imaammata kanaa teeknooloojiidhaan omishtootaafi fayyadamtoota karaa elektirooniikiin walitti fiduudha."

Kan Keeniyaa keenyarraa adda kan ta’u lakkoofsi daldaalaa gadi aanaafi qindaa’aa ta’uusaatiin yoo ta’u, to’achuuf hin rakkisu.

Nuti bakka Keeniyaan amma jirtu ga’uuf ganna 20 wayii nutti fudhachuu mala, ‘‘kanaafuu boodatti hafuun keenya dafee nuuf galee, ariitiin gara falaatti seenuu qabna,’’ jechuun yaadasaanii goolabu, ogeessichi.