Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ameerikaa Ohaayootti shamarreen sanyii warra gurraachaa taate dhukaasa poolisiin duute
Ameerikaa kutaa biyyaa Ohaayootti poolisiin balaa albeen nama waraanuu akka to'atuf bilbilaan waamame, shamarree sanyii warra gurraachaa ganna 16 dhukaasee ajjeese.
Balaa magaalaa guddoo Kolombas kanaan shamarreen lubbuu dhabde maqaanshee Ma'Khia Bryant tahuun ibsamera.
Poolisiin Kolombas viidiyoo kaameeraa qaama poolisicharraan waraabame gadhiise akka mul'isutti, intalli kun ajjeefamuusheen dura waan qara qabuun namoota kaanitti aggaamaa turte.
Angawoonni taatee kana qorachaa akka jiran himuun, jiraattonnis akka tasagabbaa'an dhaaman.
Miseensi poolisii dhukaasee intala ajjeese, boqonnaa kanfaltii qabu akka bahu godhameera.
Guyyaa Kibxataa poolisiin taatee kibba-baha magaalaa Kolombasitti mudataa jiru akka furaniif sa'aatii biyyattiin guyyaa keessaa 10:45tti waamaman jedhe gaazexaan Columbus Dispatch [Afaan Ingiliizii].
Viidiyoon poolisiin gadhiifame akka mul'isutti, fuuldura mana tokkotti namoota muraasa wayita waldhabaa turan agarsiisa. Achis isaan keessaa tokko ka taate Ma'Khia Bryant, albee harkaan qabatteen nama biraa waraanuuf wayita aggaamtu waan agarsiisu fakkaata.
Poolisiin waamamee dhufees, gara namoota kanatti siquun ''gadi jedhaa'' erga jedhee booda, shugguxiisaa dhukaase - kanaanis shamarreen kun lubbuun darbe.
Viidiyoo kana keessatti poolisiin kun wayita: ''Albee harkaa qabdi, waraanuuf jirti,'' wayita jedhu dhagahama. Namni taatee kana hordofaa tures isheen daa'ima xiqqoodha wayita jedhus dhagahama.
Akka qondaaltonni jedhanitti, poolisichi kan dhukaaseef lubbuu shamarree biraa oolchuufi. Dubartiin adaadaa shamarree kanaati jedhamte akka jettutti, Maakiyaan haleellaa irra gahaa ture ofirraa qollachaa turte.
Hazel Bryant WSYX-TV irratti akka dubbattetti: ''Daa'ima dassaa turte. Dhuguma rakkoollee qabdi turte, garuu waanuma jirudha. Akka sareetti daandiirra ajjeefamuun isheef hin malle.''
Harmeen intala lubbuu dhabdee Pawulaa Biraayaant waanta uumameen miidhamuu isaanii dubbachuun, intallisaanii ''daa'ima jaalatamtuu'' turte jedhan.
''Wanti kun raawwachuu hin malle. Deebiin barbaada,'' jechuunis dubbatan.
Harmeen kun akka jedhanitti intallisaanii kun mana guddistuutti (foster) turtee gara manaa deebi'uuf guyyaa eegaa turte jedhan.
Kantibaan Kolombas Aabba Andriw Ginther haalichi ''hamaa fi kan onnee cabasudha,'' jechuun magaalattiifis guyyaa gaddaati jedhan.
Oduun ajjeechaa kun kan dhagahame wayita Manni Murtii US miseensi poolisii duraanii Deerik Shoovin morma nama gurraacha Afrikaan-Ameerikaan ta'ee Joorj Filooyid irra jilbasaan gadi qabuun daqiiqaa sagaliif erga hiraarsee booda ajjeesuun yakkamaa ta'uusaa mirkaneesse boodadha.
Ajjeechaa Joorj Filoyid bara darbe Caamsaa keessa Miniyaapolis keessatti raawwate qorachuufi dhimma kana hordofuuf abbootiin murtii hawaasa keessa filataman kan 'jury' jedhamuun beekaman 12 yaada gamaafi gamanaa dhaggeeffachaa turaniiru.
Viidiyoon daqiiqaa sagalii wayita ga'eessi umrii ganna 45, poolisiin duraanii US Deerik Shoovin morma Filooyid gadi qabuun dararu agarsiisu addunyaarratti mormii guddaa kaasiseera.
Kana hordofuun guutummaa US fi biyyoota addunyaa garaagaraa keessatti hiriirri mormii haleellaa sanyummaa fi gocha suukanneessaa poolisii balaaleffatu yeroo dheeraaf walitti fufee gaggeeffamaa tureera.