Dureen Chaad haaraa - Maahaamat Idris Debii eenyu?

Leetanaal Janaraal Maahaamaat Idriis Debii Itno abbaan isaa Idris Debii humnootii riphe loltootaan adda waraanaatti ajjeefamuu hordofuun akka duree biyyaa haaraatti mudaman.

Maahaamaat amma ogganaa miseensoota Mana Maree Ce'umsaa Waraanaa (CMT) 15 qabuufi baatiiwwan 18 dhufaniif aangoorra turuuti.

Innis obbooleeyyan isaarraa hubannoo fi maqaa gaarii qaba. Haata'u malee, akkuma abbaa isaa loltuu amaleeffataa adda waraanaati.

Maahaamaat kan umuriin waggaa 37 kunis abbaansaa amma ajjeefaman bara 1990tti karaa folqolcha waraanaatiin aangoo yoo qabatan umurii walfakkaataa irra turan.

Waraana keessatti guddina saffisaa

Hanga abbaan isaa ajjeeffamaniitti duree garee eegdoota pirezideentummaa kan ta'ee, Daareektoreetii Waliigalaa Institiyuutiiwwan Motummaa Tajaajilawwan Nageenyaa (DGSSIE) ture.

Bara Idris Debiin aangoorra turaniitti nageenya isaanii eegsisuun gahee olaanaa baheera.

Maahaamaat miseensoota maatii pirezidaantii duraanii motummaa keessatti aangoo olaanaarratti argaman hedduu keessaa tokko.

Abbaansaa Bulchiinsa Lixa Kaaneem keessatti riphee loltoota osoo waraanuu adda waraanaarratti wayita miidhamaniitti innis adda waraanaa akka ture himama.

Sababii akkayyoo isaa 'Kaakaan' isa guddisaniif, Maahaamaat akka 'Janaraala Kaakaa'tti beekama.

Ilmi Deby kunis ogummaa loltummaa bal'aa kan akka gulaantaalee guddichaa saffisaa akka argatu isa taasisan qaba.

Innis leenjii baatii sadii biyya Faransaayiitti argateetti aansuun walakkeessaa bara 2000mootatti Chaad keessatti leenjii loltuummaa fudhate.

Bara 2009tti bulchiinsa lixaa keessatti oppireshiniiwwan gareewwan riphee loltoota Chaad keessattis hirmaateera.

Maahaamaat bara 2010tti ammoo battalamunaan gara janaraalaatti guddachuun, ajajaa kutaa loojistikii egdoota pirezidaantummaa ta'e.

Bara 2013tti ammoo, humnootii Chaad kan Maalii keessaatiif itti aanaa hoogganaa ta'un muudame. Achittis waraana Faransaay waliin ta'uun jihaadistoota gara magaalaa guddoo Baamaakootti qajeelaa turan loluun dhaabaniiru.

Yeroo sanattis ''dahannoo shororkeessitootaa akkanaa qabachuun waan salphaa miti... garuu kun waraana keessatti lola tokko akka ta'e ni hubanna,'' jedhee ture.

Waggaa tokkoon booda ammoo, duree garee eegdoota pirezidaantummaatiif mudame.