Poolisii duraanii Joorji Filooyid ajjeesuun himatame ilaalchisuun har'a murteen ni darba

Manni murtii dhimmi kun itti ilaalamaa jiru eegumsa cimaatu godhamaafii jira

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Manni murtii dhimmi kun itti ilaalamaa jiru eegumsa cimaatu godhamaafii jira

Ajjeechaa suukanneessaa Joorji Filooyid irratti raawwatameen kan himatame poolisiin duraanii magaalaa Miniyaapolis har'a murtee argata.

Kanaan walqabatee manni murtii dhimmi kun itti ilaalamaa jiru eegumsi cimaan godhameefiira.

Murteen darbu kamiyyuu magaalota biyyattii keessatti argaman keessatti hiriira mormii kaasisuu danda'a sodaa jedhutu jira.

Himattootaa fi Abukaatoowwan torban sadiif erga falmii gaggeessanii boodadha murteen har'aa kan darbuuf jedhu.

Himattoonni miseensi duraanii poolisii Miniyaapolis Deerik Shooviin Joorji Filooyidiin ajjeeseera jechuun abbootii seeraa dhimma kana harkaa qabanitti yoo himan, abukaatoon himatamaa gamasaaniin miseensi poolisii kun adeemsaa fi hojimaata poolisii hordofaa akka ture himan.

Abukaatonni himatamaa maal jedhan?

Abukaatoon himatamaa Eerik Neelsan wayita poolisichaaf falman

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Abukaatoon himatamaa Eerik Neelsan wayita poolisichaaf falman

Abukaatoo himatamaa keessaa tokko kan ta'e Eerik Neelsan, maamilli isaanii nama qaama guddaa akka Joorji Filooyid, kan poolisiidhaan shakkamee, garuu wal'aansoo qabaa ture to'annoo jala oolchuunsaa badii miti jedhan.

Nama to'atamuu didee poolisii sadiin qoccolaa ture akkasii kana toa'nnoo seeraa jala oolchuun miseensa poolisii kamiinuu waan raawwatamuu danda'uudha jechuun falme.

Battala sanatti Joorji Filooyid qoricha sammuu namaa hadoochu hedduu fudhatee ture jedhe abukaatoon himatamaa kun.

Maamilli isaanii(himatamaan) akka kaameeraadhaan waraabamaa ture osoo beekuu, itti yaadee tarkaanfii madaalawaa hin taane fudhateera jedhee hin yaadu jedhe abukaatoon kun.

Himattootni hoo maal jedhan?

Ragaa baatota

Abbaan Alangaa Istiiv Ischeelechar, Deerik Shoovin daqiiqaa sagaliif morma Joorji Filooyid irra jilbasaatiin gadi qabuun wayita hiraarsu viidiyoo agarsiisu eeruun, ''Waan argitan amanaa. Waan argitan argitanniittu,'' jechuun abbootii seeraa dhimmicha harkaa qabanitti himaniiru.

Gochi poolisii duraanii Deerik Shooviin, hojii poolisii osoo hin taane yakka ajjeechaati jedheera Abbaan Alangaa kun.

Itti aansee maaltu ta'a?

Dhimma ajjeechaa Joorji Filooyid qorachuuf abbootiin seeraa 12 ramadamaniiru, dubartoota torba fi dhiira shan .

Kanneen keessaa afur ammoo gurraachota lammiilee Ameerikaati.

Abbootiin seeraa kunneen kanaan booda ragaalee 45 dhaggeeffachuu danda'u.

Ragaaleen isaan dhagahuuf jiranis hakiimota, miseensota poolisii fi namoota naannoo wayita ajjeechaan kun raawwate ijaan argan dabalata.

Miseensi poolisii duraanii Deerik Shoovin itti yaadee shira xaxee lubbuu Joorji Filooyid balleessuun isaa yoo mirkanaa'e hidhaan hanga waggaa 40 itti murtaa'uu danda'a.