Miidhaa rakkoon nageenyaa Shawaa Kaabaatti uumame qaqqabsiise

Madda suuraa, Social media
Rakkoo nageenyaa dhuma torban darbee aanaalee Naannoo Amaaraa godina Shawaa Kaabaatti mudateen lubbuun namootaa darbee, qabeenyi barbadaa'uu jiraattonni BBCn dubbise himan.
Aadaa Efiraataafi Gidim ganda Molaallee kan jiraatan Obbo Abey Habtamaariyaam haleellaan raawwatame ganda isaaniirratti miidhaa qaqqabsiisuu dubbata.
"Haleellaan kun erga jalqabee ji'a tokko guuteera," kan jedhu Obbo Abey, ALI Bitootessa 12, 2013 irraa jalqabee walitti bu'insi eegalamee gara gandoota birootti baballatus gara bakka inni jiraatutti garuu akka hinqaqqabne hima.
Haleellaa ammaa kanaatiin, ganda namni kun jiraatu Molaallee keessatti qofa yoo xiqaate manneen 250 meeshaa waliin abiddaan waan gubataniif jiraattonni lubbuu ofii baafachuuf naannoo sana gadhiisanii baqachuu hima.
Haleellaa kanaan gandicha keessatti qofa namoonni 10 ol akka du'an kan dubbatu Obbo Abey, namoonni saddet ammoo madaa'aniiru jedha.
Dilbata irraa kaasee humni raayyaa ittisa biyyaafi Poolisiin Federaalaa naannoo sanatti waan bobba'eeruuf nageenyi deebiyaa jiraatus, "daa'imman manni jalaa gubatee haatiifi abbaan irraa du'an qabannee maal akka gochuu qabnu yaadda'aa jirra," jedha jiraataan kun.
ALI Bitootessa 12 haleellaa Molaalleetti qaqqabee ture hordofees, jiraattonni ganda ollaa Nageessaa jedhamtu keessa jiraatan manni waan jalaa gubateef namoonni baayyeen baqatanii akka turan yaadatu.
Isaan booda walitti bu'insi torban darbe deebiyee ka'e, namoonni buqqa'an jiran ganda Molaalleetti babballachuu dubbateera.
Obbo Abey akka jedhanitti, yeroo sanatti humni raayyaa ittisaa naannawaa sanatti bobba'ee turus, bakka sana baayyee turuu dhabuu isaatiin humnoonni hidhatan ganda Molaalleetti dhufuudhaan manaafi qabeenya gubuu isaanii hima.
Akka jiraataan kun jedhutti, gandattii keessa qofa buqqaatonni kuma shanii ol ta'an kan argaman yoo ta'u, "dahoos ta'e nyaata dhiyeessuuf qaamni mootummaa nu dubbise hin jiru," jedheera.
". . .namoota bakka biraarraa dhufanidha"
Obbo Ahimad Idiriis jiraataa ganda Kuriibiiriidha. Gandi Kuriibiirii kun ammoo aanaa Qawweettii keessatti kan argamtu yoo ta'u, haleellaan tibba kana qaqqabe warra mudate keessaati.
Haleellaan gandattii keessatti mudate Jimaata ganama akka ta'e kan himu Obbo Ahimad, haalli ture baayyee rakkisaa akka ture ibsuun, "nama du'e awwaaluuf haala mijataa dhabnee halkan saatii sadiin ooda loonee deemuudhaan baasnee awwaalle," jedha.
Obbo Ahimad eessuma isaa dabalatee namoonni 11 haleellaa qaqqabe kanaan ajjeefamuu akka mirkaneeffate dubbata.
Namoonni bakka biraatii dhufan haleellaa kana qaqqabsiisuun namaafi qabeenyarra midhaa geesisuu kan himu Obbo Ahimad, meeshaa gurguddaatiin haleellaa raawwatedha jechuun rakkoo dhalate kanaaf mootummaa itti gaafatamaa taasiseera.
Jiraattonni gandattii haleellaa jalaa miliquudhaaf mana gadhiisanii gara aanaa Manziitti baqataniiru. Gada kana keessatti garuu lubbuun namaa badulleen akka gandoota biroo manni akka hin gubatiin dubbata Obbo ahimad.
Naannawaan suna bulchiinsa saba Oromoo waliin waan waldaangessuuf yeroo cidhaas ta'e gaddaatti waliin jiraachaa kan jirruufi gaa'elaanillee walitti makamneerra kan jedhu Obbo Ahimad, "hidhattoonni haleellaa kana raawwatan garuu bakka biroorraa kan dhufanidha," jechuun haala jiru ibsa.
Nama miseensa maatii sadet qabatee baqate
Namni BBCn dubbise biroon Obbo Malaakee jiraataa Shawaa Roobitidha. Haleellaa raawwatame hordofee miseensota maatii isaa saddet qabatee gara Dabrasiinaatti baqateera.
Akka jiraataan kun rakkoon kun Shawaa Roobiti keessatti kan uumame Sanbata waaree booda yommu ta'u, yaaddoo nageenyaa uumame jiraattonni magaalattii hedduun naannawaa sana dursanii gadhiisanii bahuuf dirqamaniiru jedha.
Yeroo jalqabaa haleellaan kan raawwate gandoota magaalaa Shawaa Roobiti keessaa Zuuxii keessatti qofa daangeffamee kan ture gara giddu-galeessa magaalaatti akkahin seeniin yaadata.
Akka Obbo malaakeen jedhanitti, Ministeerri Ittisaa bakkeeewwan walitti bu'insi itti uumame Komaad Poastti akka galu murteessuu hordofee ijoollee isaa Dabrasiinaati dhiisee ofiin amma gara mana isaatti deebiyuu BBCtti himeera.
Yeroo ammaa kana Shawaa Roobiti keessa nageenya hanga tokko deebiyuu kan himu Obbo Malaakeen, akka kanaan duraa ta'uu baatus, namoonni baayyeen sochii jalqabuun gara jiruu idileetti deeinyaa jiraachuus ibseera.
BBC'n dhimmicha irratti ibsa dabalataa argachuudhaaf gara gara aanga'oota Qaweetii, Efirataafi Gidim, bulchiinsa Shawa Kaabaa, Biiroo Kumunikeeshinii naannichaa, akkasumas Paartii Badhaadhinaa Amaaraatti irra deddeebiin bilbillus bilbila waan hin kaasneef yaaliin keenya hin milkoofne.
Dilbata galgala keessa naannooleen Shawaa Kaabaa godina Dabra Siinaa hanga Walloo Kibbaa Magaalaa Kombolchaatti komaandi poostii jala ta'u Raayyaan Ittisaa beeksiiseera.
Bakkawwaan kanneen keessatti keessatti daandiirraa fageenya km 20 keessatti meeshaa waraanaa qabatanii socho'uun akka hindanda'amne labsameera.
Godinaaleen Shawaa Kaabaafi bulchiinsa Addaa saba Oromoo keessatti yeroo garaa garaatti walitti bu'insiifi haleellaan raawwatamaa kan turan yoo ta'u, kan dhiheenyaa kun garuu haalaan bal'aa ta'usaatiin alatti miidhaa qaqabsiiseen cimaa ta'utu himame.
Aanga'oonni naannichaas namoota qee'esaaniiraa buqqa'an deebiisuun haalicha tasgabbeessuuf hojjataa jiraachu himuun, badiinsi qabeenyaafi namoota irra qaqabee ammatti gadi fageenyaan ibsuun akka hindanda'amne ibsan.
Baatii Bitootteessaatti haleellaa fi walitti bu'iinsa walfakkaataa mudateen miidhaan cimaa jedhamu qaqabusaa AFPn dhaabbata Abbagaari eeruun gabaasunsaa ni yaadatama.
Eenyuutu maal jedhee?
Itti gaafatamaan Waajira nageenyaafi Tika Naannoo Amaaraa Obbo Sisaay Daamxee naannichatti miidhaa olaanaan qaqabu himuun, badhiinsa kana kan raawwate 'shaneedha' jechuun sabaa himaan naannichaa ibsuun isaa ni yaadatama.
Naannicha gutummaatti garee miidhaa qaqabsiise irraa bilisa taasisuuf qindoominaan hojjataa jiraachu kan himan Obbo Sisaay, jiraattoota qee'esaanii irraa gara Dabra Sinaafi naannoolee biraatti baqatan deebiisuuf yaalii taasisaa jiraachu ibsan.
Naannoo Amaaraatti bal'inaan socho'aa kan jiru paartiin Sosochii Biyyaaleessa Amaaraa rakkinichaaf dursaan itti gaafatamaan Ministira mummeefi paartii isaan ogganaan Badhaadhiina jechuun ibsa baasee ture.
Paartiin EZEMA gama isaatiin motummaa rakkoolee naannichatti irra deddeebiin umamaniif 'ka'umsa isaa qorachuun maddasaarraa gogsuurra wayita rakkoon mudatuutti waraana bobbaasuu fi yoo kan tasgabbaa'e fakkaatu wayita waraana baasu agare jirra'' jedheera.
Kanaafu motummaan tarkaanfii sirrii fudhataa akka hinjire himun, ''caasaawwan bulchiinsaafi nageenyaa qorachu qaba'' jedhe.














