'Pirezidantii Joon Magufuulii du'e waliin ana hin dorgomsiisinaa'- Pirezidaant Saamiyaa Hasan

Madda suuraa, AFP
Pirezidaantiin Taanzaaniyaa Saamiyaa Suluuhuu Hasan dhimma isaanii fi pirezidaantii duraanii du'aan boqotan Joon Magufuulii waldorgomsiisuurratti walfalmuu akka dhaaban miseensota paarlaamaa biyyattiitti himan.
Garaagarummaa isaanii fi pirezidaantii duraanii gidduu jiru irratti maii paarlaamaan biyyattii taasiseen akka mufatan dubbataniiru pirezidaantiin kun.
Dhimma kanarratti walfalmaa yeroo gubuurra waa'ee ajandaa mootummaan harkaa qabuurratti haa xiyyeeffannu jechuunis miseensota paarlaamaa gorsan.
Biyyattii daandii haaraa irratti qajeelchuuf sodaa akka hin qabne kan dubbatamuuf Pirezidaant Saamiyaa Suluuhuu, pirezidaantii duraan turan, Joon Magufuulii waliin tokko ta'uusaanii mirkaneessan.
Hojii Magufuuliin eegalan bakkaan ga'urratti akka xiyyeeffatan himan.
Waanti miidiyaa hawaasummaarratti ajandaa ta'ee jiru hundi qabiyyee marii paarlaamaa wayita hoogganu arguutti akka yaadda'anis himan.
"Waa'ee bajata mootummaarratti mar'annee raggaasisuutu nurra jiraata. Mee waan paarlaamaarraa eegamu haa hojjennu,'' jechuun waltajjii dureewwan amantii biyyattii yaadannoo pirezidaantii duraaniif qopheessan irratti dubbatan.
Saamiyaa Suluuhuu Hasan erga Pirezidaantiin duraanii Taanzaaniyaa Joon Magufuuliin Bitootessa 17, 2021 du'aan addunyaa kanarraa boqotanii booda pirezidaantii biyyattii ta'an.
Ergasii jijjiramoota bu'uuraa fidan keessaa inni ijoon hojii dhimma weerara koronaavaayirasii irratti hojjetaniidha.
Pirezidaantiin duraanii Joon Magufuuliin dhibee balaafamaa kana tuffachuun akkanni garmalee lammiilee biyyattii gaaga'u godhaniiru jedhamuun komatamu.
Pirezidaant Saamiyaa Suluuhuu garuu akkuma aangoo qabataniin garee dhimma vaayirasichaa irratti gorsa kennuuf hundeeffachuun irratti xiyyeeffatanii hojjechuu eegalan.
Miidiyaaleen pirezidaantii duraaniin luugamamanii turan akka walabaan hojjetan gochuudhaanis maqaansaanii ni ka'a.
Pirezidaant Saamiyaa Hasan eenyu?

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidaant Saamiyaa Suluuhuu Hasan pirezidaantii dubartii jalqabaa Taanzaaniyaa fi Afriikaa keessattis dubartii duree biyyaa ta'uun nama siyaasaa jalqabaati
Afriikaa keessaa biyyi yeroo ammaa pirezidaantii dubartii qabdu Itoophiyaa yoo taatu, garuu aangoo guddaan harka Ministira Muummee waan jiruuf hagas mara aangoo biyya bulchuu hin qaban.
Aadde Saamiyaa Suluuhuu Hasan bara 2014, wayita itti aantuu dura teessuu koree heera biyyattii bocuun fooyyessuu ta'uun filatamanii as siyaasa keessatti daran beekamaa dhufan.
Bara 2015 michuu Joon Maagufuulii ta'uun waliin dorgomanii, Itti Aantuu Pirezidaantii ta'uun filataman, bara darbemmoo irra deebiin filataman.

Madda suuraa, AFP
Qondaalli siyaasaa umrii waggaa 61 kun tibba duula na filadhaa gaggeessaa turanitti gareen weellistootaa fi kaan isaan dabaalan harmee jedhanii akka isaan waaman itti himaa turan.
Kunis aantummaa lammiilee biyyattiif qaban irraati jedhu namoonni isaan beekan.
'Hooggantuu cimtuu'
Namoonni siyaasaa itit dhihaatan akka dhugaa bahanitti, Saamiyaa Suluuhuu Hasan nama jabduu Taanzaaniyaan ammallee itti hin fayyadamneedha.
''Akkuma nama siyaasaa kamittuu of ilaalti. Dhugaan jiru garuu kana miti. Isheen dandeettii addaa qabdi. Waliin hojjedheen arge,'' jedhe miseensi mana maree bakka bu'ootaa January Makaambaa.
Kaan ammoo isheen goota, siyaasa keessatti qooda guddaa ba'atteetti ittiin jedhu.
Haata'u malee akkaataa bulchiinsa isaanii kan pirezidaant Magufuulii irraa dhaalan akkanumaan itti fufsiisu moo jijjiirama fidu kan jedhu gaaffii ta'eera.
Keessattuu waa'ee weerara koronaavaayirasii irratti shakkii pirezidaantichi qabaachaa turanii fi ejjennoo falmisiisaa isaan agarsiisaa turan irratti murtee mataasaanii fudhachuutu irraa eegama.
Samiyaa Suluuhuu Hasan pirezidaantichaaf amanamoo turanis ejjennoo isaanii irratti nama cichaniidha.
Kanaaf ammoo agarsiistuu guddaan, bara 2017 qondaala paartii mormituu ajjeechaa irratti aggaamame jalaa baraaramee hospitaala ture Tundu Issu jedhaman Keeniyaa magaalaa Naayiroobii keessatti dhaqanii gaafatanii ture.
Jireenya dhuunfaa
Bara 1960 biyya gariin of-dandeesse Taanzaaniyaatti maxxantee jirtu odola Zaanzibaar keessatti dhalatan.
Barnootasaanii digirii jalqabaan gosa barnootaa bulchiinsa uummataa (public administration) jedhamuun Taanzaaniyaa keessatti baratan, achii digirii lammataa(MA) UK, Yuuniversitii Maanchistar keessatti baratan.
Bara 1978 ogeessa qonnaa fi nama jireenya gadi aanaa jiraatu Haafiz Ameeyir nama jedhamutti heeruman.
Garuu erga pirezidaantii itti aantuu ta'anii waliin mul'atanii hin beekan.
Ijoollee afur qaban keessaa tokko, Mwanu Haafiz Ameeyir, miseensa mana maree Zaanzibaar ta'ee jira.














