'Dhimmi Naannoo Tigraay hunda keenya yaachisuu qaba'- UN

''Dhimma Naannoo Tigraay irratti tarkaanfiin dabalataa fudhatamu baannaan, waanti dhufuuf jiru hunda keenya yaachisu qabaa,'' jedha Dhaabbanni Motummoota Gamtoomanni (UN).

Dhaabbatichi dhimma naannoo Tigraay ilaalchisuun ibsa Sanbata galgala fuula isaarratti baaseen, ''beela akka meeshaa waraanaatti fayyadamuun yakka'' jedheera.

''Dhimmichi hunda keenya yaaddeessuu qaba. Tarkaanfiin dabalataa yoo fudhatamu baatee, kun agarsiiftuu waan fulduratti ta'uuf jiruuti. Beela akka meeshaa waraanaatti fayyadamuun yakka,'' jedhan UN'tti dursaan Gargaarsa Namoomaa Maark Lowkook.

Maark Lowkook akka jedhaniitti, naannichatti karaan gargaarsi namoomaa ittiin qaqqabu ammalleen rakkoo guddaa akkuma ta'eetti jira.

Kanaafuu, namoonni beelaan du'aa jirus jechuun haalli naannicha keessa jiru yaadeessaa ta'u hima.

Dhaabbata Motummoota Gamtoomanis ta'e ejansiiwwan gargaarsa namoomaa dhaabbaticha waliin hojjataa jiran, loltoonni Ertiraa bahaa jiraachuu isaanii hinagarre jedhan qondaalli UN kun.

Gama biraatiin ammoo Ertiraan loltoonni ishee naannoo Tigraay seenuusaanii baatiiwwan shanan darbaniif waakkataa erga tureen booda, Ebla 16, 2021 yeroo jalqabaatiif loltoonnishee Itoophiyaa keessa jiraachu ifatti amante.

UN'tti ambaasaadara Ertiraa kan ta'an Soofiyaa Tasfaa Maariyaam, Mana Maree Nageenyaa Motummoota Gamtomanii dhimmoota marii Kamisa Ebla 15, 2021 taa'eerratti ka'aniif xalayaa deebii barreessaniin, loltoonni Ertiraa Tigraay keessa jiraachu jalqabaaf ifatti dubbatan.

Odeessaalee lola Tigraay biroo:

MM Itoophiyaa Abiy Ahimad Bitootessaa dabre wayita paarlaamaa biyyattiitti irratti hasaa taasisaniitti loltoonni Ertiraa Tigraay keessa jiraachuu amananii, guyyoota muraasa booda ammoo gara Asmaraattti imaluun, waraanni Ertiraa daangaa Itoophiyaa gadhiisee akka bahuuf pireezidantii Ertiraa waliin waliigaluu isaanii himaniin turan.

Haata'u malee, guyyaa Jimaataa Eble 16, 2021tti Dhaabbata Gamtoomaniitti Ambaasaaddarri Ameerikaa 'loltoonni Ertiraa waraana Itoophiyaatiin wal makanii Tigraay turuuf ta'uu ragaa amanamaa qabna' jechuunsaanii ni yaadatama.

Dhaabbatichatti Amaasaaddarri Ameerikaa Lindaa Toomaas Giriin Fiild, Manni Maree nageenyaa rakkoo naannoo Tigraay irratti sagalee tokkoon dhaabbachu qaba jedhanii ture.

Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata motummoota Gamtoomanii rakkoo namoomaa fi lola naannoo Tigraay keessaatti adeemaa jiru ilaalchisee Ebla 15, 2021 cufaatti marii taa'ee ture.