Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lola Tigiraay: Manni Maree UN dhimma Tigiraayirratti tarkaanfii qabatamaa fudhachuu qaba-HRW
Jaarmiyaan idil-addunyaa mirgoota namoomaaf falmu Humaan Raayits Waach (HRW) Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNSC) rakkoo hamaa gargaarsaafi mirgoota namoomaa naannoo Tigiraay jirurratti tarkaanfii atattamaa akka fudhatuuf gaafate.
UNSC mana cufatee waa'ee rakkoo Kaaba Itoophiya, naannoo Tigiraay jiru yeroo shanaffaatiif mariyachaa jira kan jedhe jaarmiyaan kun, rakkoo gargaarsaafi mirgoota namoomaa addunyaarratti hamaadha jedhame amma ji'a shan guute kana dhaabsisuudhaaf tarkaanfii qabatamaa fudhachuu qaba jedheera.
Miseensa dhaabbatoo Mana Maree Nageenyaa kan ta'an Chaayinaafi Raashiyaan carraaqqii xiqqaa miseensonni biroon taasisanillee salphisee ilaaluun akka marii dhimma gargaarsaarra darbee miidhaawwan Tigiraay keessatti gahaa jiran hin abaarre taasiseera jedha HRW.
UNSC marii dhimma naannoo Tigiraay keessatti deemaa jirurratti Bitootessa keessa taasisee tureen waliigalteerra waan hin ga'amiin hafeef ibsa osoo hin baasiin hafeera.
Kun osoo kanaan jiruu, ragaan yakkawwan waraanaafi gochawwan hammeenyaa biroon Tigiraay keessatti dabalaa waan jiruuf, dhiibbaan inni Itoophiyaafi guutummaa naannichaarratti qaqqabsiisu daran hamaa akka ta'u shakkiin hin jiraatu jedha ibsi HRW baase.
Torbanuma kana keessa erga mootummaan Itoophiyaa loltoonni Ertiraa akka daangaa Itoophiyaa keessaa bahan beeksiseellee loltoonni Ertiraa magaalaa Aduwaatti namoota nagaatti dhukaasuun yoo xiqqaate sagala ajjeessanii baayyee madeessaniiru jedheera HRW.
Jaarmiyaan kun dhuma Bitootessaa keessa loltoonni Itoophiyaa ijo hojjetoota dhaabbata Médecins sans Frontières (Doctors without Borders) duratti dhiirota afura ajjeesaniiru jechuun ibsa.
Odeessaalee lola Tigraay biroo:
- Manni maree nageenyaa UN waa'ee Itoophiyaa maal mari'ate?
- UN loltoota lammiilee Tigraay ajjeesan irratti qorannoo hatattamaan eegaluu qaba - HRW
- 'UN Tigraayitti seerri waraanaa cabuu qorachuu qaba' - HRW
- Loltoonni Itoophiyaa Tigraay keessatti ajjeechaa jumlaa raawwachuu ragaaleen mul'isan
- Tigraayitti 'beelli meeshaa waraanaa godhamuu' imbasiin Itoophiyaa soba jedhe
Akka HRW jedhutti, oeessonni fayyaafi UN miidhaa saal-qunnamtii waliin walqabatan suukaneessoo ta'an humnoota Itoophiyaafi Ertiraatiin raawwatamaa jiru gabaasuu itti fufanii kan jran yommuu ta'u, miliyoonaan kan lakkaa'aman ammoo gargaarsa nyaataa barbaadu.
Dhiibbaa hiika qabuuf, qorannoon cimaafi tarkaanfiin qindaa'aa ta'e Mana Maree Nageenyaa kanaa ni barbaachisas jedheera HRW.
"Manni marichaa marii ummataa gaggeessuun sarbama mirgoota namoomaafi rakkoo gargaarsa namoomaa osoo iji isaanii ilaaluu raawwatamaa jiru kana abaaruu qaba," jechuun itti gaafatamummaan ifa ta'e akka jiraatuuf yakkawwan qaama hundaan raawwataman jedhaman hundaaf qorannoon idil-addunyaa walaba ta'e akka gaggeeffamuuf ifatti deeggarsa akka taasisuuf gaafateera HRW.
Carraaqqii akkasii kana irratti waltumsuu dhabuun qoqqobbiiwwaniin walirratti xiyyeeffannaa akka qaqqabsiisuu malu Manni Marichaa ifa gochuu qaba jechuun hubachiiseera Jaarmiyaan kun.
"Dhalattoonni Tigiraay bakka hundarra mootummaa isaaniitiin qofa osoo hin taane addunyaadhaanillee akka dagatamanitti irra deddeebiin ibsaniiru.
UNSC gocha gidiraa namaafi safuu addunyaa osoo beekanii tuffatanii bira darbuu kana irratti har'uma tarkaanfii fudhachuu qaba," jechuun hubachiiseera HRW.
Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UNSC) Bitootessa 04 taa'een waa'ee Itoophiyaa mari'atee waliigalteerra osoo hin gahiin xumuruun ni yaadatama.
UNSC miseensa mana marichaa ta'an biyyoota 15 kan of keessaa qabu yoo ta'u, biyyoonni shan: Chaayinaa, Ameerikaa, Raashiyaa, UK fi Firaans miseensota dhaabbii mana marichaa yoo ta'an aangoo dhimma tokko ofii isaaniin kuffisuu (veto power) qabu.
Biyyootni kudhan hafan Istooniyaa, Indiyaa, Aayarlaandi, Keeniyaa, Meeksikoo, Nijeer, Noorweey, Seent Viinsent, Tuniiziyaa fi Veetnaam ammoo miseensota dhaabbii hin ta'iin waggoota lamaaf miseensummaa mana marichaa harkaa qabanidha.
Naannoo Tigraay keessatti uummanni miliyoona 4.5 ta'u deeggarsa namoomaa akka barbaadu, ammallee uummanni baadiyyaa keessa jiraatu deeggarsa akka hin arganneefi hanqinni nyaataa yaaddessaan akka jiru UN himeera.
HRW dabalatee dhaabbileen mirga namoomaa idil-addunyaa biroon waraanni Ertiraa naannoo Tigraayitti sarbama mirgaa cimaa raawwataniiru jechuun himatu.
Mootummoonni Itoophiyaafi Ertiraa yeroo dheeraaf erga waraana Tigraay keessatti hirmaannaa loltoota Ertiraa erga haalaa turanii booda, MM Abiy Ahimad paarlaamaatti dhiyaachuun Ertiraan sodaa nageenyaa waan qabduuf waraanashee daangaa cehuun galte jedhan.
Lotoonni Ertiraa akka daangaa Itoophiyaa keessaa bahan kan himan MM Abiy, yakka namoomaa qaama kamiiniyyu raawwatame jedhames qorannee itti-gaafatamummaan akka jiraatu ni taasifna jedhanii turan.
Ertiraan gamasheen hanga ammaa loltoonni ishee Itoophiyaa galuu ifatti kan hin amanne oggaa tahu, himannaalee dhiyaatanis waakkachaa turteetti.
Lola naannoo Tigiraayitti uumame booda namoonni 70,000 ol gara Sudaanitti baqachuu isaanii dhaabbileen gargaarsaa ni himu.
Bulchiinsi yeroo Tigraay akka jedhutti, hanga ammaatti naannicha keessatti namoonni miiliyoona lamaa ol buqqa'anii kan jiran yoo ta'u, namoonni miiliyoona afurii ol ta'an ammoo gargaarsi namoomaa isaan barbaachisa.