Lola Tigiraay: Pireezidant Joo Baayidan dhimma Tigraay irratti Itoophiyaatti ergamaa addaa erguuf

Ameerikaan haala naannoo Tigraay ''akkaan na yaaddesseera'' jettu ilaalchisee ergamaa addaa tokkoo Itoophiyaatti ergaa akka jirtu beeksifte.

Lola Kaaba Itoophiyaa naannoo Tigraay keessatti gaggeefamaa jiru hordofee mootummaan Ameerikaa rakkoon namoomaa naannichatti dhalate akka furamuuf, sarbamni mirga namoomaa raawwatamaa jiraachuu isaaf ragaa qabna jedhan akka dhaabbatuufi waraannni Eertiraafi milishaan Amaaraa naannichaa akka bahu gaafachaa ture.

Kamisa kaleessaa ammoo Gorsaan Nageenya Biyyaalessaa Waayit Haawus Jeek Solivaan, dhimma naannoo Tigraay keessa jiru kana ilaalchisee Senaatar Kiristoofar Koonsi Itoophiyaatti ergamaa jiraachuu isaanii ibsan.

Jeek ergaa tiwiitara gubbaatti maxxansaniin senaatarri warra Dimookraatotaa amanamaan kun gara Itoophiyaa imalaa kan jiraniif gaaffii pireezidant Joo Baayidan irraa dhiyaateen ta'uu ibsan.

Kayyoon isaa ammoo Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad waliin wal arguun ''yaaddoo akkaan jabaa rakkoo namoomaafi sarbama mirga namoommaa Tigraay irratti Pireezidant Baayidan'' itti jiran dhiyeessuudha jedha ibsi gorsaa nageenya biyyaalessaa US.

Yaaddoon pireezidant Baayidan haalli naannoo Tigraay keessa jiru kun Gaanfa Afrikaa gara tasgabbii dhabuu guutuu ta'eetti geessa kan jedhu of keessaa qabaa jedha ibsichi.

Ergamaan addaa Baayidan seenatar Kiristoofar Koonsi yaaddoo Baayidan kana mootummaa Itoophiyaaf dhiyeessuun cinatti, Gamtaa Afrikaa waliin dhimmoota waloo biyyootaa akka nageenyaafi badhaadhinaarratti ni mariyatu jedhame.

Torban darbe Ministirri Haajaa Alaa Ameerikaa Antooniy Biliinken turtii koree dhaabbii dhimmoota haajaa alaafii hariiroo idila-addunyaarratti dhimma Tigraay gaafaatamanii ''duguuggaan sanyii''(ethnic cleansing) raawwatamaa jiraa jedhanii turan.

Dubbii kana mootummaan Itoophiyaan jabeessee balaaleffatee, himannaa ragaa malee dhiyaateedhaa jechuun morme.

Pirees Sekireetariin Waayit Haawus Jeen Saakiis torban darbe ibsa miidiyaaleef kenniteen pireezidant Baayidan haala naannoo Tigraay Itoophiyaa keessaa ilaalchisee ''akkaan yaaddoo qabuu ministeera haajaa alaa waliin ta'uun dhimmicha dhiyeenyaan hordofaa jiru'' jettee turte.

'US birmadummaa Itoophiyaa cabsuurraa of qusachuu qabdi'

Imala ergamaa addaa pireezidant Joo Baayid ilaalchisee hanga ammaatti mootummaan Itoophiyaa wanni ifatti dubbate hin jiru. Senaatar Kiristoofer Kooniis dhiyeenyatti akka imalan malee guyyaan imala isaa hin ibsamne.

Torban darbe ibsa mootummaan Ameerikaa dhimma Itoophiyaarratti baasaa ture hordofee yaada qaban kan gaafanneen dubbii himaan Ministeera Haajaa Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii, 'US birmadummaa Itoophiyaa cabsuurraa of qusachuu qabdi' jedhanii turan.

Sarbama mirga namoomaa naannoo Tigraay keessatti raawwatameera jedhamu qamni barbaade akka qoratu hayyamamuufi mootummaaniis kanneen badii dalagan seeratti dhiyeessuuf kutannoo qaba jedhanii turan.

Haala naannoo Tigraay ilaalchisee sochiin mootummaan US yeroo ammaa taasisaa jiru hariiroo biyyoota lameenii ni miidha jettanii hin yaaddoftanii jedhamanii kan gaafataman Ambaasaaddar Diinaan, ''Lakki hin yaaddoofnu,'' jedhan.

''Walitti dhufeenya biyyoota lamaanii yeroo dheeraadhaaf ture kana cimsuudhaaf nuti gama keenyaan rakkoo hin qabnu. Wanti walitti dhufeenya kana balleessan ammoo hojjetamuu hin qaban jechaa jirra.''

Garuu jedhan Ambaasaaddar Diinaan, sararri diimaan darbamuu hin qabne jirti jedhan.

"Walabummaa biyya tokkoo abbaan fedhe dhiibuu hin qabu. Seerri addunyaas, kan biyyoota lamaaniis kana kan hayyamu miti,'' jedhan.

Deeggarsa Ameerikaa

Ameerikaan biyyoota Itoophiyaa dameewwan garaagaraan gargaaruuf baasii guddoo baasan keessaa adda dureedha.

Lola naannoo Tigraayitti dhalateen walqabatees rakkoo namoomaa mudate wayyeessuuf Kamisa kaleesaa deeggarsa maallaqaa doolaara miiliyoona 52 ta'u gochuu beeksifteetti.

Embasiin Ameerikaa Finfinneetti argamu ibsa baaseen deeggarsa kaleessa ibsame dabalatee erga rakkoon naannoo Tigraay dhalatee hanga ammaattii gaaga'ama namoomaa uumame wayyeessuuf biyyittiin doolaara miiliyoona 153 gumaachuun ibsameera.

Ammallee gaaga'amni namoomaa naannicha keessa jiru Ameerikaa akka yaaddessu ibsuun, rakkoo kanaaf falli siyaasaa hin argamu taanan rakkoon kun hammaachaa deema jedheera.

Arjoomtotni biroonis hojii deeggarsa namoomaa naannoo Tigraayiif akka qaqqabu gumaacha akka godhanillee eembasichi ibsa baaseen gaafateera.