Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lola Tigraay Itoophiyaa keessaa: Itoophiyaan lammiilee nagaa Maqalee jiran 'akka miidhaarraa ittistu' HRW gaafate
Yeroo loltonni gara Maqalee imalan lammiilee nagaa magaalattii keessa argamaniif eegumsa akka godhan, gareen mirga namoomaaf falmu Humaan Raayitis Waach gaafate.
Ministirri Muummee Abiy Ahimad gaafa Dilbataa humnoota nageenyaa Tigraayif yeroo 'xumuraaf' jechuun akka harka kennan sa'aatii 72 kennaniiru.
Haa ta'u malee, Naannoo Tigraay kan bulchu dhaabni TPLF garuu lola akka itti fufu ibse.
Daarektarri Olaanaa Humaan Raayitis Waach Keneet Raawut tiwiitara irratti ergaa barreessaniin qondaaltota Itoophiyaaf dhaaman.
Waraanni Itoophiyaa 'dhiifamni hin jiru' jedhee sodaachisuurra ''kanneen magaalaa Maqalee keessa jiraatan miidhaarraa ittisuuf dirqama qabu'' jedhan.
Duratti qondaalli waraana Itoophiyaa jiraattota Maqalee 500,000 tahanif ergaa dabarsaniin, waraanni magaalattii ''marsuun meeshaalee waraanaa jajjabootti waan dhimma ba'uuf'' lammiileen akka of eeggatan akeekkachiisi kennameera jedhanii turan.
''Gama kanaan dhiifamni hin jiru,'' jedhanii turan qondaalli kuni.
Mootummaan federaalaa magaalota gurguddoo naannichaa kanneen akka Aksum, Adwaa fi Addigraat fa'i to'achuun gara Maqalee akka qajeelaa jiru ibseera.
Mootummaa federaalaafi dhaaba Naannoo Tigraay bulchu TPLF gidduu waldhibeefi himannaan yeroo dheeraaf ture xumura waggaa darbe naannichi ajaja mootummaa federaalaa malee filannoo gaggeessinaan hammaate.
Buufata waraanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Naannoo Tigraay jiruurratti haleellaa raawwate ibsuun, MM Abiy Ahimad tarkaanfiin waraanaa akka fudhatamu ajajuu isaanii hordofee, humnoota federaalaafi TPLF'f amanamoo ta'an gidduu erga lolli eegale torban lama darbeera.
Lola kanaan haga ammaa dhibbaan kan lakkaa'aman yogguu lubbuu dhaban, kumaatamni buqqa'aniiru.
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) lolli kun hawaasarratti rakkoo namoomaa geessisa jechuun akeekkachiiseera.
Dhaabbileen gargaarsa kennan naannawa lolli itti gaggeeffamaa jiru ga’uu hin dandeenye.
Erga lolli eegalee ammoo lammiileen dhiibbaan lakkaa’aman ajjeefamuu akka hin oolle dubbataa jiru.
Haga ammaatti lammiileen 33,000 ta’an daangaa ce’uun Sudaanitti baqataniiru.
Lolli kun haga ji’oota ja’an itti aananiitti yoo itti fufe, lakkoofsi baqattootaa dabaluu yaaddoo kan qabu UNHCR, haga namoota 200,000’f simachuu akka danda’utti haala mijeessaa jiraachuu hima.