Namoonni 600 Naannoo Oromiyaa fi Beenishaangul irraa buqqa'an Walloo qubatan

Torban darbe namoonni 600 ta’an naannolee Oromiyaa fi Beenishaangul Gumuz irraa haleellaa baqachuun buqqa’an naannoo Amaaraa Walloo Kibbaa galan.

Hogganaan waajjira sagantaa ittisa balaa fi wabii nyaataa godina Walloo Kibbaa Obbo Masaay Maaruu namoonni buqqa’an kunneen A.L.I Bitootessa 17 hanga 19 jidduu magaalaa Dassee gahuu BBC’f mirkaneessanii jiru.

Irra hedduun isaanii dubartootaa fi daa’immani jedhu aanga’aan kun. Namoonni buqqa’an BBCn dubbise kan baqatan, haleellaa eenyummaa irratti fuulleffate irra deddeebiin raawwatamu baqachuun akka ta’e himu.

“Bakka itti dhalanne, itti guddannee, maatii fi qabeenya itti horanneefi biyya keenya jennee jiraachaa turre irraa buqqaane,” jedhu naannoo Oromiyaa Godina Horro Guduruu Wallaggaa aanaa Jaardagaa Jaartee irraa buqqa’uu kan himan Aadde Taguwaadaa Yusuuf.

Biyya arganii hin beekne, kan akaakilee fi abaabileen isaanii irraa jiraachaa akka turan itti himametti baqachuuf dirqamuu himu.

Aadde Taguwaadan qabeenya isaanii gatanii ijoollee isaanii sadi waliin Wallo gahuu himu. “Uummanni kiyyas, maatiin kiyyas achuma jiru.

Duuti nutti hammaannaan, ABO-Shanee jedhanii, seerris dhiibbaa nurratti uumee nu tumnaan gannee baane,” jedhan.

Akka isaan jedhanitti Waxabajjii darbe naannoo isaan jiraachaa turanitti namoonni afur qonnaaf bahanii ajjeefamaniiru.

Kanas mootummaatti iyyatanii jennaan “federaalli isiniif ajajama” jedhamanii, abdii kanaan osoo jiraachaa jiranii Hagayya keessaa ajjeechaan biraa isaan mudate.

“Waxabajjii irraa eegalee buddeenallee seeraan tolfannee nyaannee hin beeknu. Gaafa nutti cime warri dhiiraa dhaabbatanii osoo nu eeganii bukeessinee tolfannee akka bineensaa deebinee bosonatti fiigna. Erga Waxabajjii as mana bullee hin beeknu.”

“Ergasii duuti nurraa dhaabbatee hin beeku” kan jedhan dubartiin kun, firooti isaanii haa jiraatanii haa du’anii wanti beekan akka hin jirre himu.

“Warri keenya naannoo Amaaraa haa ta’an, Afaan Amaaraa haa dubbatan malee nuti kan beeknu Wallaggadha. Garuu nutti hammaannaan gannee baane,” jedhan.

'Daa'imman ajjeefamuu'

Achuma Aanaa Jaardagaa Jaartee ganda Agamsaa jedhamturraa buqqa’uu kan dubbatan dubartiin biraa Aadde Araggaash Tafayaa ijoollee isaanii ganna 14 gadii waliin baqachuu himu.

“Ajjeechaan nutti jabaannaan lubbuu keenya oolchuuf jecha dhokannee, magaala keessas kadhachaa baane,” jedhu.

Adde Araggaash kan dhalatanis, kan guddatanis, bultii fi ijoollee kan horanis achuma Wallaggatti ta’uu himu.

Wayita ammaa maatiin isaanii gariin baqatee achii bahuu kan himan “gariin garuu achuma bosona keessatti rakkachaa jiru” jedhan.

Amma Walloo Kibbaa magaalaa Hayiq kan jiran Aadde Araggaash, “obbolaan keenya yoo ajjeefaman, daa’imman xixiqqoo osoo hin hafiin yoo ajjeefaman agarree jirra, qaamni nageenyaas dafee nuuf hin dhaqqabu, homaa furmaata dhabnaan baqanne” jedhu.

Namni biraa Obbo Alamuu Kaasaa jedhaman haadha warraa isaanii waliin maatii shan qabatanii buqqa’uu himu.

Haleellaawwan raawwatamaniin firoota dhihoo dhabuu dubbatu.

Hogganaan waajjira sagantaa ittisa balaa fi wabii nyaataa godina Wallo Kibbaa Obbo Masaay Maaruu namoonni iddoowwan haleellaan irra deddeebiin itti raawwatamu keessaa kanneen baqatan daahannoowwan yeroo lama keessatti deeggarsi akka nyaataa fi meeshaalee bu’iiraa godhamaafi jira jedhan.

Naannoo Oromiyaa godinaalee Wallaggaa fi Naannoo Beenishaangul Gumuz keessatti haleellaa hidhattoonni lammilee nagaa irratti raawwataniin namoonni ni ajjeefamu.

Kibxata darbe A.L.I Bitootessa 21 Godina Wallagga Lixaa Aanaa Baabboo Gambeel ganda Bonee jedhamtutti haleellaa hidhattoonni raawwataniin namoonni nagaa 28 ajjeefamuu Poolisiin Oromiyaa beeksisee ture.

Bitootessa darbe ajjeechaa wal fakkaataa Godina Horro Guduruu Wallaggaatti raawwatameen namoonni 22 ajjeefamuun ni yaadatama.

Sadaasa darbe ammoo Wallagga Lixaa Gullisootti lammileen nagaa 50 ol hidhattootaan ajjeefamanii turan.

Haleellaawwan kunneen eenyummaa bu’uura kan godhatan ta’uu komiishinii mirgoota namoomaa Itoophiyaa fi gareen mirga namoomaaf falmu ‘Amnesty International’ yeroos ibsanii turan.

Mootummaan naannoo Amaaraas haleellaan kun eenyummaa irratti kan xiyyeeffatedha jedha.

Qondaalonni nageenyaa mootummaa naannoo Oromiyaa garuu haleellaa hidhattoonni naannicha keessatti raawwataniin kan miidhama jiru saba tokko qofa miti jechuun mormu.

Haleellaa kanaafi hidhattoota ABO-Shanee jechuun waamani fi TPLF itti gaafatamtoota godhu.

Haleellaawwan kanneen hordofuunis tarkaanfii baatilee darban fudhateen hidhattoota kuma 2tti siqan ajjeesuu fi kanneen 500tti siqan ammoo booji’u Poolisiin Oromiyaa beeksiseera.

Paartileen siyaasaa dhaabbileen hawaasaa saba Amaaraa haleellaawwan kanaaf mootummaatu itti gaafatama jedhu.

Ameerikaatti direektara Advookasii Waldaa Amaaraa kan ta’an Obbo Hone Mandafroo “haleellaawwan kanaaf adda durummaan kan itti gaafataman mootummaa fi hogganoota sadarkaan jiranidha” jedhu.

“Ragaalee amma dura walitti qabneen haleellaawwan kunneen kan raawwataman, erga humni mootummaa naannoo gadi dhiisee bahe, yookin osoo achi hin gahiin yookin ammoo osooma jirani dhimmamuu dhabuu isaaniitiini” jedhu.

Mootummaan federaalaas ta’e kan naannoo Oromiyaa warra buqqa’an deebisanii dhaabuu qabu jedhan.

Himata namni kun mootummaa irratti dhiyeessaniif mootummaa Naannoo Oromiyaa irraa deebii hin arganne.

Mootummaan naannoo Amaaraa ibsa torbee darbe baseen mootummaan federaalaa haleellaawwan akkanaaf ariitiin furmaata akka kennu gaafateera.

Imbasiin Ameerikaa Finfinnee jirullee ajjeechaa torbee darbee balaaleffachuun ibsa baasee ture.