Amhaaraa: Bulchiinsa Waag-himraa Aanaa Tsagibijiitti maaltu uumamee ture?

Naannoo Amhaaraa bulchiinsa godina saba Waag-himraa keessatti haleellaa torbee darbe Bitooteessa 18, 2021 raawwatameen namoonni baay'een yoo ajjeefaman, kaan irra ammoo miidhaan qaqqabuu aanga'oonni naannichaa fi jiraatoonni BBC'tti himan.

Bakki haleellaan kun itti raawwatamee godina saba Waag-himraa aanaa Tsagibijii jedhamtutti yoo ta'u, bulchaan aanichaa Obbo Heenok Nagaash lubbuun namoota 76 darbuu mirkaneessuu BBC'tti himan.

Namoonti nagaan hedduun balaaf saaxilamaniiru kan jedhan aanga'aan kun, lakkoofsi kun kana caalus akka malu himu.

Bakkeewwan miidhaan oolaanaan namootaa fi qabeenyaa keessatti qaqqabee keessaa tokko kan taate Tsagibijiifi magaalaa guddoo aanichaa kan taatee Tsaataa ta'u jiraattoonni BBC Amaarriffaa'tti himan.

Aanaan Tsigibajii karaa Kaaba kan naannoo Tigraay waliin wal daangeessitu yoo ta'u, daangaa naannoo Tigraay irraas fageenya km 10 hin caalle irratti argamti jedhu jiraattoonni.

Maaltu ta'e?

Jiraattonni magaalaa Tsaataa haleellaa Bitooteessa 18 hidhattoota lakkoofsaan hedduu ta'aniin raawwatame jedhameen miidhaa qaqabee ilaalchisee ragaa gara garaa himu, baay'ina namoota ajjeefaman jedhamee garu walfakkaata himu.

Obbo Hiluuf Salamoon kan Magaalaa Tsaataa keessa waggoota hedduuf hojjataa motummaa ta'uun tajaajilaa jiranis, wayita rakkinnichi qaqqabu bakka sana jiraachu ibsuun, ''magaalattiin akkuma tasaatti dhukaasaan raafamu kan eegaltee, Kamisa halkan sa'aa 11 irraa jalqabeeti'' jedhu.

Hidhattoonni haleellichaa raawwatanis magaalattii keessatti kallattii lamaan dhukaasa banuun jiraattoota magaalichaa hookkara keessa galchuu Obbo Hiluuf dubbataniiru.

Dabalunis humni addaa naannoo Amaaraas ta'e raayyaan ittisa biyyaa naannichaa akka hin turree himuun, qaamoolee haleellicha raawwatan ittisuuf yaalii kan taasisan miseensoota milishaa magaalattii eegaa turan ta'u himan.

''Milishoonnis dhiyeessii rasaasaa waan hin qabaanneefu kan harkaa qaban xumuruun hedduun saanii wareegamaniiru'' jedhan Obbo Hiiluuf.

Itti gaafatamaa Waajjira Nageenyaa fi Tikaa aanichaa kan turan Koloneel Xaqililee Geetahuniin dabalatee hedduun ajjeefamu dubbatan.

Qaamooleen haleellicha raawwatan ammoo kan milishoota naannichaa caalaa hidhatanii fi baay'inas waan qabaniifu miidhaan cimaa qaqabu himan.

Milishootaan alattis jiraattoonni naannichaa hedduun haleellaa kanaan miidhamu BBC'tti himan.

Bulchaan aanichaa Obbo Heenook Nagaash gama isaanitiin, ''haleellaan kunis kan raawwatame hidhattoota TPLFn'' ta'u ibsun, halellicha ittisuuf milishoonnii fi jiraattoonni yaalii taasisanii turan jedhan.

Haleellaa kana ilaalchisee Naannoon Amaaraa hanga ammaatti ibsi ifatti kennee hin jiru.

Itti gaafatamtoota waajjira kominikeeshinii fi nageenya naannichaa dubbisuuf yaaliin BBCn taasisee hin milkoofne.

'Gandootni baadiyyaa saamaman'

Obbo Heenook akka jedhanitti hidhattoonni haleellaa kana raawwatan ''erga gara magaalattii seenaniin booda biiroolee mootummaa magaalicha keessatti argamanii fi konkolaataawwan dhunfaa gubuun barbadeessaniiru'' jedhan.

Magaalichatti buufata fayyaa fi raabsaa deeggarsaa irrattis erga miidhaan qaqqabeen booda, meeshaalee wal'aansaa, nyaataa fi miidhaan gargaarsaa irratti hanni raawwatamu Obbo Hiluuf dubbatan.

Qaamooleen miidhaa qaqqabsiisan kunneenis aanichatti yoo xinnaate qabeenyaa gandoota jaha keessatti argamu hunda kan barbadeessan yoo ta'u, loodaraafi Ekskaavetara akkasumas maashinoota gara biraa ijaarsa daandiitiif bobba'anii turan gubaniirus jedhan.

Hannaa fi barbadiinsi kun kan mudate ''magaalattii keessatti qofaa osoo hin taane naannawa baadiyaattis mana jireenyaa qonnaan bultootaa seenuun sangaa fi re'eettii dabalate, maallaqa, buna, sukkaara, soogidda, mimixxaa fi dammaa saamaniiru'' jedhan.

Lakkoofsi qaamoolee miidhaa qaqqabsiisan kanneenii baay'ee olaanaadha kan jedhan jiraattoonni, uffata danbii gara garaa fi sivilii kan uffatan akka turan himu.

Haleellaan sababii badiinsa lubbuu hedduufi qabeenyaa ta'e kunis kan dhaabbate erga raayyaan ittisa biyyaa gara naannichaa galeen booda ta'u jiraattoonni ibsaniiru.

''Raayyaan ittisa biyyaa gama Maayicawu ture naannicha qaqqabusaatiin magaalattiin tasgaboofte'' jedhan Obbo Hiluuf.

''Raayyaan dhufe jennaan magaalattii gadhiisanii bahan, dhukaasni raayyaa waliin gaggeeffamees hin turre'' jedhan.

Ammaan tanas humni addaa naannichaa fi raayyaan ittisa biyyaa magaalattii waan seeneef, jiraattoonni haleellicha baqachuun gara gammoojjiitti baqatanii turan deebi'aa kan jiran yoo ta'u, sochiin nagaas deebi'aa jiraachu himu jiraattoonni.

Naannichatti amma sagaleen dhukaasaa kamiyyuu jiraachu baatulleen, haleellaa tasaa raawwatamee tureen, hojiin motummaa fi baruu barsiisuu yeroof adda citeera.