Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Joon Maagufuuli: Pirezidantiin Taanzaaniyaa waggaa 61tti du'an boqotan eenyu turan?
Joon Pombee Magufuuliin ilma qote-bulaa Taanzaaniyaa bara 2015 pirezidantii biyyattii ta'e yommuu ta'u, umurii waggaa 61tti du'aan boqoteera.
Weerara koronaavaayirasii salphisee ilaaluusaatiif erga waggaa darbeetii ijoo dubbii ta'eera.
Paartiin mormituu filannoon hatamuufi doorsifamuun isa himatanillee, Magufuuliin bara 2020 marsaa lammaffaatiif filatameera.
Osoo Pirezidantii biyyattii hin ta'iin dura ministira hojii ta'uun yeroo tajaajilaa turetti sagantaa ijaarsa daandii adeemsisaa tureef, akkasumas boodarra ejjennoo farra malaammaltummaarratti agarsiiseen maqaa masoo "Ze Buldoozer" jedhu argateera.
Magufuuliin maallaqa akka hin malletti qisaasa'u irrattillee ejjennoo qabuun ni jaallatamu ture.
Yeroo pirezidantummaa isaatti mormitoota irratti tarkaanfii fudhateeniifi bilisummaa ukkaamsuun himatamaa kan ture yoo ta'u, erga du'uun isaa dhaga'amee booda garuu ilaalcha addaa ta'e inni waa'ee COVID-19 ilaalchisee qaburratti waan hedduun jedhamaa jira.
'Koronaavaayirasiin Seexana'
Yeroo Covid-19 Taanzaaniyaa seenetti pirezidant Magufuuliin tarkaanfii namoonni akka mana turan godhamu itti hin amanne ture. Akka namoonni gara waldaa Kiristiyaanaafi Masgiidaa deemanii kadhatan barbaada ture.
"Wanti seexana ta'e kun, Koronaavaayirasiin, qaama Kiristoos keessa hin jiraatu...battalumaan gubata," jechuun Kiristiyaana cimaa kan ta'e Magufuuliin waldaa Kiristiryaanaa magaalaa guddoo Dodomaa keessa jirtu dura dhaabbatee dubbatee ture.
Erga Waxabajji bara 2020 as biyyattiin "Covid-19" irraa bilisa jechuun labsanii, pirezedaantichiifi aanga'oonni olaanoo biyyattii dhimma dhibee kana irratti qoosaa turaniiru.
Milkaa'ina maaskiin Covid-19 ittisuurratti qabu ilaalchisuun dubbii waa'ee hin baasne dubbachuu, qorannoon koronaavaayirasii hojjechuu isaa shakkuufi biyyoota hollaa weeraricha ittisuuf tarkaanfii ugguruu fudhatanirrattillee ga'insaa turan.
Hanga ammaattis Taanzaaniyaa keessatti qorannoo Covid-19 muraasni qofti kan gaggeeffame yommuu ta'u, talaallii ilaalchisees karoorri qabame hin jiru.
Tarkaanfiiwwan isaanii gochaan qajeelfaman rakkoo bulchiinsaa Afrikaa dhaaf ni hojjetuu jedhamaaa ture.
Guyyaa jalqabaa pireezidantummaa isaaniitti ministeera faayinaansii erga daawwataniin booda namoota gaafas hojiirra hin jirre gaafachuun, hojjettoota hojiirraa hafaniif obsa akka hin qabaanne dubbatan.
Hojjettoota maqaansaanii waraqaa irra jiran garuummoo hojiirratti otoo hin argamiin miindaan kaffalamuuf qulleessanii, qondaalota malaammaltootaafi hojii sirnaan hin hojjetan jedhan ari'an.
Kana malees baasii akka malee ni hir'isan, kabaja guyyaa bilisummaa, waggaa 54 keessatti yeroo jalqabaaf akka hin kabajamne dhorkan. Iddoosaa namuu naannoo akka qulqulleessu ajajan, ofiisaanii balfa masaraa mootumma fuuldura jiru yeroo kaasan mul'atan.
Hojjettoonni mootummaan imala gara biyya alaa taasisan hunda dhorkan.
Bara pireezidaantummaa jalqabaarrtti gochaawwan isaa kunneen leellisa guddaa fidaniif. Ergaa gabaabaa Twitter #WhatWouldMagufuliDo. Maagufuuliin maal hojjeta kan jedhutu qoodamaa ture.
Kaanimmoo imaammata isaa jabaataa tahetti qoosaa turan ''sumsuma elektiriikaa bitachuu barbaadeen, achiin Maagufuliin waan jedhun yaadadhe,'' kan jedhan jiru. Kaanimmoo hogganootni Afrikaa biroo akkataa hoggansa isaa fudhatan gaafataa turan.
Bara 2017tti piroofeesarri Keeniyaa tokko barattoota Universiitii Daar es Salaamiifi haasaa yoo taasisu waan 'Afrikaa Maagulfuleessuu' jedhu dubbatee ture.
Haa tahu malee jalqabumaa qabee hoggansii isaanii roga dukkanaa akka qabu beekama ture. Hojiiwwan isaan jalqabsiisan suutuma baduu jalqaban.
Waa'ee Joon Maaguufuuli gabaabaatti
·Kaaba-lixa Taanzaaniyaa, iddoo Chaatoo jedhamtuttii bara 1952tti dhaltan
·Yunivarsiitii Daar es Salaamitti Keemistiriifi Herreega qo'atan
·Barsiisaa Keemistirii fi Herreegaa tahuun hojjetaniiru
·Miseensa paarlaamaa tahuun bara 1995tti yeroo jalqabaaf filataman
·Bara 2000tti ministira kabinee tahan
·Bara 2015 yeroo jalqabaaf pireezidantii tahuun filataman
·Yeroo lammataaf bara 2020tti pireezidantummaa mo'atan
Bara 2016tti filatamanii baatii lamaan booda baasii hir'isuuf jech TV'n biyyaalessaa wal-gahii paarlaamaa kallattiin akka hin dabarsine beeksifame.
Warri mormituu garuu karaa ittiin uummanni mootummaa gaafatamaa taasisu keessaa tokko cufan jedhan. Hiriira mormii dhimma kana balaaleffachuuf bahamuuf tures mootummaan dhorke.
Gulaalliin biraan akka fakkeenyaatti ka'u immoo raappariin byyattii Naay Waa Miteegoo sirbasaa baasee guyyaa tokko otoo hin guutiin hidhaatti of argate.
Raappariin kuni sirba isaa keessatti pireezidantii arrabsite jedhamuuni kan inni hidhaa bu'e.
Waa'ee yaada ofii bilisaan ibsachuu sirbeeti ofiisaa hidhaa bu'e.
Maaguufuliin sirbitichi akka hiikamuuf guyyaa tokko booda ajajanillee sirbisaa rakkoowwan hawaasaa kanneen akka hanna taaksii irratti xiyyeeffachuu akka qabu gorse.
Bara 2017tti miseensi paarlaamaa Tunduu Lisuu waggaa sadii booda pireezidantummaaf dorgome manasaa fuulduratti dhahamee miidhamee ture.
Innis mootummaan isa ajjeesuu akka barbaadu hime, mootummaadhaan abbaa irree jechuunis haasaa jibbinsaan himatamee ture. Mootummaan garuu haleellaasaa keessaa harka hin qabu jedhe.
Bulchiinsi pireezidantichaa maxxansi gaazexaa akka dhaabbatu gochuun garee mirga namaaf falman bilisummaa yaada ofii ibsachuu boodatti deebisuu dha jechisiisee ture.
Amnesty International illee gaazexeessitoonni ija mootummaa keessa akka hin galle ni sodaatu jedhee ture.56425343
''Hiyyeessa tahuun akkam akka tahe nan beeka"
Maaguufuuliin yeroo Nyereereen bulchaa turan guddatan, araddaa Chaatoo naannoo laga Viiktooriyaatti. Jireenya gad-bu'aa keessaa dhufuun uummata Taanzaaniyaa tajaajiluuf akka isaan kakaase dubbatu.
''Manni keenyi lafa margaarra ture akkuma dhiirota biroo loon eeguu,aannaniifi qurxummii gurguruun maatii koo gargaara ture,'' jedhan yeroo duula na filadhaa bara 2015.
''Hiyyeessa tahuun akkam akka tahe nan beeka. Jireenya namootaa fooyyessuuf nan hojjedha,'' jedhanii turan.
Erga eebbifamaniin booda herregaa fi keemistirii barsiisaniiru, otoo 1995 paarlaamaa hin seenin duras warshaa keessatti keemistii tahuun tajaajilaniiru.
Erga paarlaamaa keessatti teessuma argatee, saffisaan gita itti-aanaa ministira hojiiwwan hawaasaatti muudame.
Magaafuuliin turtii waggaa tokkoo keessatti amala waan qabatamaafi fuulduratti dubbachuu qabuun, hojii bu'aa qabatamaan mul'atu taasisuu keessatti nama addaa akka ture aanga'oonni olaaanoon ni dubbatu.
Milkaa'ina isaa yeroo gita kanarra hojjetaa ture keessaa daandii waggoota dheeraaf osoo hin hojjetamiin irra harkifataa turame ijaarsisuun xumursiiseera.
Magufuuliin bara 2015 paartii waggoota 54f aangoorra ture Chama Cha Mapinduzi (CCM) bakka bu'uudhaan pirezidantummaaf dorgome.
Filannoo bara Sanaa sun seenaa biyyattii keessatti baayyee cimaa turullee, Magufuuliin sagalee %58 argachuun mo'ate.
Yeroo marsaa lamaffaaf dorgome garuu sagalee %84 argachuun mo'atus paartileen mormitootaa garuu bu'aan filannoo hatameera jedhanii turan.
Magufuuliin akka sabboonaa Afrikaatti kan of ilaalu yommuu ta'u hunoonni alaa biyyoota Afrikaa Bahaa saamuu barbaadu jechuun qeequun beekamu.
Amantiin isaa Kaatolikii yommuu ta'u, nama amantii isaatti cimaa ta'edhas jedhama.