Namicha Harvaard irraa barnoota addaan kutee biiliyeenara ta’e

Dhabbati daldala interneetarraa Kooriyaa Kibbaa Koopang Kamisa qooda isaaa gabaatti dhiyeessee booda hundeessaan dhaabbatichaa Boom Kiim biiliyenara taasiseera.

Qoodni dhaabbatichaa yeroo bitamuu eegaletti qabeenyi namicha yuunivarsitii Harvaard irraa barnoota addaan kutee ture kanaa gara doolaara biiliyoona 8.6’tti ol guddate.

Tilmaami qabeenya Koopang US keessatti, kan dhabbata Alibaba bara 2014 keessatti galmaa’eetti aanuun dhabbata Eshiyaaf isa guddaadha.

Galiin dhabbata kana yeroo weerara kanaatti yemmuu interneeta irratti daldalli bayyatetti dachaan dabaleera.

Dhabbati Koopang takka takka Amaazon Kooriyaa kibbaa jedhame waamama.

Gabaan interneeta kun, hojjaattoota mana kusaa isaa fi hojjattoota mi’a deddebisan 15,000 hundaaf qooda isaa hanga gara doolara miiliyoona 90tti akka kennu beeksiseera.

“Invastarronni gurguddoo hedduu irraa gaffiii argachuu keenyaa fi invarstaroota kunneen hundaaf iddoo dhabuu keenyaan carroomneerra,” jedha hundeessaa fi hogganaan Koopang Kiim.

Magaalaa Sool, Koriyaa Kibbaatti kan dhalate Kiim, barataa mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa ta’e gara Ameerikaatti erga goodaanee booda lammummaa US argate.

Erga Yunivarsitii Harvaard irraa barnoota isaa addaan kutee booda, Kooriyaa Kibbaatti deebi’ee bara 2010tti Koopang hundeesse.

Koopang dabalataan daldala haaraa kan akka nyaata geessuu fi tajaajiloota tamsaasaa irratti invastii godheera.

Dhabbati kun beekkamtii qabaatus, erga gabaasi hojjattoonni isaa hedduun irra darbaa hojjachuu irraa kan ka’e lubbuun isaani darbuu himu ba’ee booda heedduu qeeqamee ture.