Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Covid: Hospitaalonni Biraaziil baay'ina dhukkubsattoota Covid irraa kan ka'e 'hojii dhaabuuf'
Biraaziil keessatti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii fi du'anii akkaan dabaluun sirna fayyaa biyyattii yaaddoo keessa galcheera jedha gabaasi jaarmiyaa dhimma fayyaa hawaasaa to'atu kan magaalaa guddittii Riyoo di Jeneroo keessa buufate 'Fiocruz institute'.
Akka gabaasa kanaatti kutaan namoonni akkaan dhukkubsatan keessatti yaalaman (ICU) kan magaalota kutaalee biyyattii 25 keessatti argaman dhibbeentaa 80 kan caalan qabamanii jiru.
Biraaziil kutaalee biyyaa 27 kan qabdu yoo ta'u, kanneen keessaa hospitaalonni kutaalee biyyaa 25 keessatti argaman yeroo ammaa heddummina dhukkubsattootaa irraa kan ka'e hojii dhaabuurra ga'aniiru.
Kaleessa, Kibxata 09,03,21 biyyattii keessatti namoonni 1,972 vaayirasichaan du'aniiru, kunis lakkoofsa isa olaanaadha.
Gama kaaniin kaleessuma qofa namoonni qabaman 70,000 yoo ta'an, kunimmoo lakkoofsa kanaan dura guyyaan galmaa'aa ture irratti dhibbeentaa 38 dabaluu agarsiiseera.
Biraaziil keessatti hanga ammaatti namoonni miiliyoona 11 ta'an vaayirisichaan kan qabaman yoo ta'u kanneen keessaa 266,000 kan caalan du'aniiru.
Biyyattiin lakkoofsa namoota du'aniin US'tti aanuun lammaffaarratti argamti, lakkoofsa namoota qabamaniin ammoo sadaffaarra jirti.
Akka jaarmiyaan Fiocruz jedhamu gabaasetti, hospitaalota keessatti kutaaleen namoonni garmalee dhukkubsatan itti yaalaman (ICU) kan magaalota Riyoo di Jeneroo, Biraasiiliyaa fi Sa'oo Pooloo dabalatee kan kutaalee biyyattii 15 keessatti argaman dhibbeentaa 90 ol qabamaniiru.
Hospitaalota magaalota lameen Portoo Alegre fi Kaampoo Graand keessatti lakkoofsi namoota kutaa ICU seenanii hammaa ol ta'eera.
Lakkoofsi namoota akkaan dhibamanii fi du'i garmalee dabaluun sirna fayyaa biyyattii yaaddoo hamaa keessa galcheera jechuun akeekkachiise jaarmiyaan kun.
Biyyattiin tarkaanfiiwwan ittisa weerara koronaavaayirasii cimsuun cinaatti talaalliis kennaa jirti.
Hanga ammaatti namooni miiliyoona saddeet caalan talaallicha kan fudhatan yoo ta'u, kunis lakkoofsa uummata biyyattii keessaa dhibbeentaa afur qofadha.