Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Yeroo tokko qofa kan kennamu talaalliin Joonsan &Joonsan bu'a qabeessa jedhame
Ameerikaatti gareen dhimma qorichaa hordofuu fi to'atu gosti talaallii koronaavayirsaii Joonsan & Joonsan jedhamuu nageenyummaa fi bu'a qabeessummaansa kan mirkanaa'eedha jedhan.
Kanaanis gosoota talaallii Ameerikaa keessatti beekamtii argate isa sadaffaa ta'eera, guyyoota muraasa keessatti iyyama argatas jedhameera.
Talaalliin Joonsan & Joonsan jedhamu kun kanneen Faayizar fi Moodarnaa jedhaman waliin yoo walbira qabamu maallaqa kan qusatuu fi tempireechara baratamaa keessa kan turuu danda'uudha, kunis akka filatamu isa taasiseera.
Talaalliin kun yaaliif erga hojiirra oolee booda bu'aansaa ji'a darbe keessa ifa ta'eera.
Kubbaaniyyaan biyya Beeljiyem Joonsan akka ibsetti talaalliin kun namoota akkaan dhukkubsatan irratti yaalamee bu'a qabeessa ta'eera.
Bu'a qabeessummaan talaallii kanaa kan beekamtii argate, wayita Gaanaan yeroo jalqabaaf karaa sagantaa Covax talaallicha argatteeti.
Gaanaan karaa sagantaa Covax talaallii Covid argachuun biyya jalqabaa taateetti.
Bulchiinsi Nyaataa fi Qorichaa Ameerikaa(FDA) talaalliin Joonsan & Joonsan jedhamu kun namoota malaattoolee sasalphoo qaban irraa hanga kanneen akkaan dhukkubsataniitti wal'aanuudhaan bu'a qabeessummaansaa mirkanaa'eera jedhe.
Talaalliin kun Ameerikaa, Afriikaa Kibbaa fi Biraaziil keessatti yaaliif erga kennamaa tureen booda biyyoota hundattuu bu'a walfakkaataa agarsiisuun fudhatama argateera.
Haata'u malee akaakuu koronaavaayirasii haaraa Afriikaa Kibbaa fi Biraaziil keessatti tatamsa'e irratti bu'aan inni agarsiise gadi aanaa ture.
Namoota vaayirasii kanaan garmalee miidhaman fayyisuurratti dhibbeentaa 85 bu'a qabeessa ta'e, namoota waliigala gosa vaayirasii kanaan qabaman fayyisuurratti ammoo walumaagalatti dhibbeentaa 66 qofa bu'a qabeessa ta'e.
Namoonni gossa vaayirasii kanaan qabamanii talaallicha fudhatanii turan kan du'anis jiru, talaallicha fudhatanii guyyoota 28 booda kan dhukkubsatanii hospitaala seenanis jiru.
Gareen ogeeyyii Jimaata borii walga'anii akkaataan FDA'n talaallii kanaaf iyyama kennuu danda'urratti ni mari'atu.
Qondaalli Waayit Haawus tokko akka jedhanitti talaalliin kun haala addaatiin hatattamaan iyyama argachuu qaba jedhan.
Yoo kun ta'e FDA'n torbeewwan itti aanan keessa yoo xiqqaate talaallii miiliyoona sadi kennuu danda'a jedhan.
Jaarmiyaan talaallii kun hanga dhuma Waxabajjiitti doozii miiliyoona 100 dhiyeessuuf akkaataa waliigaleen dhuma ji'a Bitootessaatiin doozii miiliyoona 20 dhiyeessuuf karoorfateera.
Biyyoota hanga ammaatti talaallii kana ajajan keessaa UK'n miiliyoona 30, Gamtaan Awurooppaa miiliyoona 200, Kaanadaa miiliyoona 38 fi biyyoonni sagantaa Covax keessatti hammataman miiliyoona 500 ajajaniiru.