Ameerikaan DNA bineensa lafa kanarraa baduuf jetturraa fakkaattii tolchite

Saayintistoonni Ameerikaa bineentii lafa kanarraa baduuf jettu DNA bineensa wal-fakkaataa bara 1988 cabbaa’ee taa’eerraa fakkaattiishee tolchan.

Dhalachuun fereetii Elizaabeet Aan jedhamte kanaa Tajaajila Qurxummii fi Bineensotaa Ameerikaan himame. Fakkeessanii tolchuun kuni bineensotaa badaa jiraniif kan jalqabaati.

Bineensonni baduuf jedhan kunneen sanyii akaakilee torba irraa dhufantu bara 1981tti argame.

Fakkaattii isaanii hojjechuun kun baay’inni isaanii akka dabalu gargaara jedhan saayintistoonni.

Dhalachuun Eliizaabeet tarkaanfii guddaa dha jedhe Tajaajilli Qurxummii fi Bineensa Bosonaa Ameerikaa.

Qaccee sanyii Wiillaa jedhamurraati fakkaatiinshee kan hojjetame.

Willaan akaakilee fereet torba keessaa tokko miti. Sanyiinsaa bara 1981 dura badeera jedhameeti yaadama.

Wiillaan sanyii amma lafa kanarra jiaraataa jiru hin qabu, bosonuma keessaati argame. Dhalachuun Elizaabeet sanyii danuu fi warra badaa jiru oolchuuf taha jedhanii amanu saayintistoonni.

‘’Qorannoon kuni sadarkaa jalqabaarra haa jiraatuyyuu malee, sanyii badaa jiru fakkeessanii tolchuun kuni kan jalqabaati. Kana boodaafis abdii qaba,’’ jedhan Tajaajila Qurxummii fi Bineensa Bosonaa daariktara kan taha Nooriin Waash.

Elizaabeet gara bosonaatti hin gadhiifamtu achuma iddoo dhalatteetti saayintistoonni ishee qoratu.

Fereetiin kun dhaabbata Vaayijiin jedhamuun micireen gadameessa feereetii biraa keessa akka kaa’amuun dhalatte.

Bona darbe dhaabbatichi sanyii fardaa Mongooliyaa baduurra jiru adeemsa walfakkaataan tochee ture. Farda kanas DNA waggaa 40 irraa hojjechuun maqaasaa Kurrt jedhaniin.

Fereetiin Ameerikaa keessatti sanyii badaa jiran keessaa ishee tokko dha.

Saayintistoonni baayyee waan sodaataniif kanneen 120 tahaniif talaallii Cocid-19 kennaniiruufi.

Sanyii fereetii kan fakkaatan mink kan jedhaman kuma kudhaniin lakkaa’aman sababa koronaavayirasiin du’aniiru. Awurooppaa keessattis miiliyoonaan kan lakkaa’aman talaallii fudhataniiru.