Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Google lammii Itoophiyaa booda ogeettii gameettii teeknolojii biraa hojiirraa ari’e
Dhaabbanni Google hundeessituu fi wiirtuu hubannoo nam – tolchee (AI) dhaabbatichaa hoogganuu keessaa qooda qabdu dambii dhaabbatichaa diigde jechuun ari’e.
Ibsa baasen, qorannoon taasifame Aadde Margaaret Miichel faayilii dhaabbatichaa kaampanichaa alatti baasun bira gahameera jedhe.
Erga baatii Muddee eegalee kutaan naamusaa dhaabbatichaa qeeqamaa jira. Keessumaa lammiin Itoophiyaa Dr Timniit Gabruu erga ari’amtee booda.
Dubartoonni lamaan dhaabbata Google’tti heddumminni (diversity) akka jiraatu duula gochaa turan.
Aadde Miichel ari’amuu ishee tiwiitara gubbaa kan barreessite yoo ta’u torban shan darbaniif siistama Google kanneen imeeliifi kaalaandara dabalatee fayyadamuu hin dandeenye.
Aadde Miichel Google qeequun kan beekaman yoo ta’u Dr Timnit Gabruun dhaabbaticha gadhiisuu isaanitti yaaddoo qaban ibsanii turan.
Dr Timnit Gabruu qorattuu gameettii naamusa hubannoo nam tolchee (Artificial Intelligence) qorachuun beekamtu yoo taatu ji’oota muraasa dura Google irraa ari’amte.
Dr Timniit dhaabbaticha hacuuccaan himachuun imeelii hojjettootaaf erga barreessite booda ari’amte. Dhaabbatichi garuu ofumaa gadhiifte jedha.
Qorannoon ishee hojjette teknolojii afaanii hubannoo nam – tolchee irrattiyoo ta’u kan Google tolche dabalatee rakkinni akka jiru hubachiisa.
Dhaabbatichi garuu qorannoo isheen nama biraa waliin hojjette akka itti dhiiftu ishee gaafatu himti.
Akkaataan isheen hojiirraa ari’amte hawaasa saayinsii hordofuu biratti mufi guddaa uumeera.
Hojjettoonni ishee waliin hojjetan dhibbaan lakkaa’aman ishee deeggaruun mallattoo walitti qabaniiru. Boodarra, hojii gaggeessaan dhaabbatichaa Sundaar Pichaayi dhiifama gaafatan.
Google hojjetoota isaa gidduu heddumminni hin jiru jedhame kan qeeqamu yoo ta’u waa’ee teknolojii hubannoo nam – tolchee (AI) hundee hojii isaa hedduu ta’eerrattimmoo yaaddoon jira.