Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lagannaa nyaataa: Namni nyaata malee guyyoota hangam turuu danda'a?
Torbee sadii oliif namoota mana hidhaatti lagannaa nyaataarra jiran keessaa Obbo Baqqalaa Garbaafi kaan dadhabanii sadarkaa hospitaala geeffamuun yaalamuun isaan barbaachisurra gahaniiru.
Roobii darbe Obbo Baqqalaan manni murtii gaaffii isaaniirratti hundaa'uun hospitaala dhuunfaatti akka wallaansa argatan ajajullee dirqamaan gara hospitaala waraanaa mootummaa, Xoor Hayiloochitti geeffamuu abukaatoofi hakimasaaniirra BBCn hubateera.
Maaliif mormii lagannaa nyaataa jalqaban?
Gaaffiin lagannaa nyaataa akka jalqaban taasise mootummaan hoggantoota paartilee mormituu hidhuun waajjiraalee jalaa cufsiisuun sirrii akka hin taane, haala qabinsi qondaala ABO Koloneel Gammachuu Ayyaanaa sirrachuu qaba kan jedhuufi namootni dhaddacha irratti isaan dubbisuu deeman hidhamuufi dhorkamuun sirrii akka hin taane mormuudha.
Oromoon jijjiirama aarsaa guddaa itti kaffalee fidee siyaasa keessaa dhiibamee bahaa bakka jirutti, namoonni hedduun sababa siyaasaatiif jecha hidhamanii jiran hanga hin baanetti; lagannaa nyaataa kana hin dhaabnu jechuun diduu isaanis himan.
Dabalataan qabsoo Qeerroon gaggeessee jijjiramni biyyatti dhufe keessatti qooda ol aanaa bahanne har'a hidhamuun keenya dhimma siyaasaafi yaada jedhus qabu.
Seenaa lagannaa nyaataa
Waggoota hedduu dura eegalee tooftaawwan namoonni hidhaa jiranis ta'e alatti argaman mormii itti agarsiisuuf fayyadaman keessaa tokko fedha ofiin nyaata yookiin dhugaatii/dhangala'aa lagachuudha.
Namni nyaata dhiise hundiis lagannaa nyaataarra jira hin jedhamu. Lagannaa nyaataa keessa qooda fudhachuun guutummaatti nyaata yookiin dhugaatii afaanitti qabuu dhiisuu ta'uu dhabuus mala.
Akka seenaan himutti, lagannaan nyaataa [hunger strike] yeroo hedduu galma siyaasaaf kan taasifamudha. Kanneen lagatan qaama deebii irraa eegan irra dhiibbaa geessisuuf itti fayyadamu.
Garuu, namoonni itti yaadanis ta'e tasa balaaf saaxilamanii guyya meeqaaf nyaata malee turuu danda'u? Kana dura wanti seenaa keessatti raawwate maal agarsiisa?
Bara 2012 lammiin Siwiidin Peter Skyllberg jedhamu konkolaataa cabbii keessa awwaalamte keessa cabbii ofitti fudhachaa nyaata malee ji'a lamaaf turuu dubbate.
Akkamiin hammana akka ture akka qoratamu yeroos ibsamus, duuba konkolaataa isaa keessa hafteen qodaa nyaata itti maran argame tarii waan isa tursu xiqqoo qabaachuu isaa akeeke.
Namoonni yeroo dheeraaf nyaata malee turuu isaanii yoo himan kan duraa miti.
Bara 2006 immoo lammiin Jaappaan gaara bahuufi Mitsutaka Uchikoshi jedhamu imala gaara bahurratti karaan jalaa bade guyyoota 24'f nyaataafi bishaan malee turuun isaa gabaafameera.
Wal'aansa argatee nagaatti manatti deebi'uun isaa yeroos doktoroota ajaa'ibee ture.
Nyaata malee guyyaa hangam?
Haata'u malee, nami guyyaa meeqaaf nyaata malee turuu danda'a jedhuurratti yaadni walfakkaataa hin jiru.
Wantoota kana dura mudatan bu'uura godhachuun garuu yaadni qorattoota walitti fidu jira.
Haala qilleensaa namni sun keessa jiraatu, fayyaa nama sanaa, murannoo, tooftaa lagannaa itti fayyadamu, kaan eeruun qorattoonni sababoota namni tokko kaanirra yeroo dheeraaf laguu nyaataa dheereffachuu danda'u himu.
Akka ogeesonni fayyaa jedhanitti wanti murteesaa bishaanidha. Namoonni guyyoota muraasa caalaa bishaan malee turuu hin danda'an.
Gara caalu umrii keenyarratti hundaa'us, qaama namaa keessaa 60 - 70 % bishaanidha. Dhangala'aa dhalli namaa guyyuu ofitti fudhatu keessaa 1/3ffaa kan ta'u nyaata keessaa kan argamudha.
Nyaata yeroo dhiisan dhugaatii dabaluun ni barbaachisa. Kanaan achi bishaan malee guyyaa muraasa turuun miidhaa cimaa hanga lubbuu dhabuutti nama geessuu danda'a.
Qabsaa'aan Hindii beekamaa Mahaatama Gaandii bara 1940'oota keessa yeroo umrii isaanii 70 keessa jiru guyyoota 21'f nyaata malee turaniiru.
Qaama qallaa kan qaban Gaandiin akka mallattoo diddaatti nyaata nyaachuu dhabanis bishaan yeroo yeroon dhugaa ture.
Qorattoonni kan mirkaneeffatan namoonni bishaan caalaa nyaata malee yeroo dheeraa akka turuu danda'an qofadha.
Waggaa 9 dura waa'ee lammii Siwiidiin Skyllberg guyyaa 60f nyaata malee turuu isaa kan gaafataman Yunivarsiitii Saawuzaampitanitti barsiisaa Medisiniifi Niwtirishinii kan ta'an Dr Maayik Sitiroud waan ta'uu danda'udha jedhan.
''Bakka hamma tokko ho'ina qabu keessa haa jiraataniyyuu malee kanneen mana hidhaa keessa lagannaarra jiran garuu yeroo hammanaatti du'uu malu,'' jechuun himan.
Bara 1981, hidhamaan Rippablikaanaa Ayirlaand Boobii Saandis mana hidhaa Meez jedhamuufi Ayirlaand Kaabaa jiru keessa guyyoota 66'f nyaata erga lagatee booda lubbuu isaa dhabeera.
Isa waliin, lammiileen Ayirlaand sagal biroo Boobii Saandis waliin lagannaa nyaataarra turan bara 1981 lubbuu dhabaniiru.
Haata'u malee, kanneen nyaata lagatan dhangala'aa yoo fudhatu ta'e fakkeenyaaf soogidda yookiin bulbula sukkaaraa yoo dhugu ta'e yeroo dheeraaf nyaata malee turuu danda'u.
Takka takka, kanneen nyaata lagatan vitaaminii fudhatu. Gulukoosii yoo fudhatu ta'es yeroo dheeraaf nyaata lagachuurra turuu danda'u.
Akka qorattoonni bu'aa qorannoo medikaalaa isaanii kitaaba Biochemistry jedhamuurratti maxxansanitti namni 70kg ulfaatuufi soorata gahaa kana dura qabaachaa ture of keessatti kaalorii (safartuu annisaa) hanga ji'a sadii isa tursu qabaachuu danda'a jedhu.
Ta'us, kuni sochii namni suni taasisuurratti hundaa'a jedha. Boqonnaa gochuun yeroo dheeraaf humna akka qusatu isa taasisa garuu sochii baay'isnaan yeroo dheeraaf of tursuu dhiisuu mala.
Haata'u malee, Dr Maayik Sitiraawud jedhanitti kaaloriin qofti gahaa miti jedhu. Akka namni yaadu miti yeroo lagannaa coomni qaamaa namni qabu hamma yaadamu murteessaa ta'uu dhabuu mala jedhu.
''Qaamni kaalorii qofaan hin turu. Guyyaa jahatama akkanumaan turuu danda'a. Isa booda garuu qaama ofii tokko tokkoon miidhuu eegala jedhan.''
Ogeeyyiin xiinsammuu immoo namni hunduu qixxee rakkoo hin dandamatu jechuun fayyinni sammuu namni qabu yeroo hangamiif lubbuun akka turu taasisuu keessatti qooda qaba jechuun himu.
Dhalli namaa akka uumamoota biroo humna malee hin socho'u. Humnammoo nyaatarraa argata.
Akka saayinsiin jedhutti, namni nyaata yoo lagate qaamni ofii kuusaa kana dura turerraa fuudhee fayyadamuu eegala. Kunis, tiruufi maashaa dhala nama keessaa argata.
Achii yoo dhume kuusaa cooma qaama keessaa itti dhimma baha. Namoonni yeroo soomanaa ulfaatinni isaanii xiqqaatus kanaaf.
Seenaa namoota laguu nyaataan du'an
Bara Roomaa durii eegalee namoonni mormii ibsachuuf nyaata lagannaa akka tooftaatti fayyadamanii milkaa'an akkuma jiran kanneen lubbuu dhabanis jiru.
Kana dura lammiin Ayirlaand nyaata malee guyyoota 74 turuun ijoo dubbii ta'e ture. Kuni kan ta'e waggaa 100 dura bara 1920 keessadha.
Maqaan nama kanaa Terence MacSwine jedhama. Haata'u malee, hidhamaan siyaasaa kun lubbuun ooluu hin dandeenye.
Qorannoo bara 1997 barruu BMJ jedhamuurratti maxxanfameen, namoonni fedhii ofiin nyaata lagachaa mormii osoo hin dhaabin guyyoota 45 fi 61 gidduutti lubbuu dhabaniiru.
Ji'a jaha dura Turkiin nama Aytac Unsal, ganna 32, ta'eefi guyyoota 213f lagannaa nyaataarra ture hidhaa gadhisteetti.
Nami kun kan gadhiifame erga michuun isaa Ebru Timtik jedhamtu guyyoota 238f nyaata lagattee mana hidhaatti duute boodaafi innis hospitaalatti baay'ee dhukkubsannaan manni murtii akka hiikamu murteesse.
Nyaata malee waggaa tokko
Adoolessa bara 1965 keessa lammiin Iskootilaand 207kg ulfaatu Muummee Medisinii Hospitaala magaalaa Dundee argamuufi 'Dundee Royal Infirmary' jedhamu dhufe.
Namni kun, waggaa tokkoofi guyyoota 17f [guyyoota 382] nyaata malee turuu ABC'n kana dura gabaaseera.
Nami kun murtee kanarra kan gahe nyaata lagatee ulfaatina isaa hir'isuu yaadeeti. Boodarra 125kg hir'ise hospitaalaa yoo bahu ulfaatinni isaa 82kg ta'e.
Akkaataa kanaan ulfaatina hir'isuu doktaroonni gorsuu baatanis nyaata homaa hin nyaanne ture.
Haa ta'u malee, onneen isaa sirriitti akka dalagu taabileetiin potaasiyeemii akkasumas guyyaa guyyaattimmoo vitaaminoota garaa garaa liqimsaa ture.
Bobbaaf mana fincaanii guyyaa 40 yookiin 50'tti deema ture jedha gabaasichi. Namoonni nyaata yoo lagatan qaamni waan kana dura kuufate yaatu akka eegalu ni beekama.