Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Chaayinaan dursaa talaallii sobaa kennaa turanii to'annoo seeraa jala oolchite
Chaayinaan nama talaallii sobaan maallaqa miiliyoona hedduu argachaa ture to'annoo seeraa jala oolchuu ibsite.
Namni kun bulbula bishaanii fi soogiddaa akkasumas bishaan albuudaa akka talaallii koronaavaayirasiitti fakkeessuun gurguraa ture.
Namni maqaa Kong jedhamuun beekamu kun erga qabiyyee fi dizaayinii talaallii Covid isa dhugaa qo'atee booda fakkeessee kan mataasaa kuma 58,000 caalu oomishe.
Talaalliin sobaa kun heddumminaan gara biyyoota alaattis ergamaa ture, garuu biyya kamitti akka ta'e hin beekamne.
Kong namoota yakka walfakkaataan hidhaman 70 keessaa tokkodha.
Hidhaan namoota 70 kunneenii, kan yakkoota 20 caalaniin walqabatu kun, erga Beejing gowwoomsaa fi yakka waliin dhahuu argannoo talaallii Covid keessatti mudatu qorachuu eegaltee raawwatame.
Himannaa irratti dhiyaaterraa akka hubatamutti Kong fi waahillan isaa talaallii sobaa fi fakkeeffamee hojjetame kanarraa maallaqa yuwaanii miiliyoona 18 (Doolaara Ameerikaa miiliyoona 2.7) argataniiru.
Gareen kun bulbula bishaanii talaallii Covid fakkeessuun oomishanii kennuu kan eegalan Hagayya, 2020 keessa ture.
Talaallii fakkeeffamee hojjetame kana keessaa hidhaa 600 kan ta'u Sadaasa darbe gara Hoong Koong fe'amee ture, isa booda hedduun gara biyyoota alaa ergameera.
Talaalliin sobaa kun hospitaalota keessatti gatii qaaliidhaan gurguramaa ture.
Namoonni kunneen doktaroota naannoo waliin walta'uun talaallii kana manaa fi konkolaataa keessatti namootaaf kennaa turan.
Chaayinaan talaallii Covid doozii miiliyoona 100 bara haaraa torbee darbee dursuun argachuuf karoorfattee turtus, ammatti garuu namoota miiliyoona 40 qofaaf talaallii kennite.
Bakka jalqaba koronaavaayirasiin itti argame kan taate Chaayinaan, tarkaanfiiwwan ittisa weerara dhibichaa xiyyeeffannaan hojiirra oolchuun to'achuu dandeesseetti.
Biyyattiin nama jalqaba Wuhaan keessatti qabame ilaalchisuun garee Dhaabbata Fayyaa Addunyaaf ragaa guutuu kennuu diduun komatamaa jirti.